(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 2,2009)Hojjettootaa fi barattoota Oromoo gabrummaa mootummaa Wayyaanee jalatti cunqurfamaa jiraatan mara Wayyaanomsuu ykn miseensa dhaaba jalee Wayyaanee taasisuu kan jedhu imaammata bahee hojjettootaa fi barattoota Oromoo miseensa OPDO taasisuuf sochii ergamtooti Wayyaanee godhan keessatti baatii Fulbaana 2009 keessa godina Wallootti barsiisota naannoo Kamisee jiran walitti qabuudhaan miseensa isaanii taasifachuuf carraaqiin tahe diddaa barsisoti Oromoo muldhisaniin akeeki dabballoota Wayyaanee karaatti fashalu MOA naannicha irraa gabaase.
Dhimma miseensa godhchuu ykn Wayyaanomsuu jedhu kana iraatti walgahiin waajjira leenjisa qonnaa Kamisee keessatti gaggeeffamaa jiraachuu kan addeessan maddeen keenya, dabballoonni sirnichaa barsiisota miseensomsuuf dorsisaa akka jiran ifa godhu.
Akka gabaasaan kun ibsutti barsiitota bakka sadiitti qoodanii duula miseensomsuu irratti gaggeessuuf saganteeffamee jira. Akka kanaan kanneen sirnicha dura dhaabbatan farreen Abiyootaawwii Dimokiraasii jechuun duula bal’aa irratti gaggeessuuf kan akeekkatame oggaa tahu, kanneen sirnichaaf amanamoo tahan ammoo dimokiraawoo jechuun mallaqaa fi bu’aa garaa garaan ofitti hawwatuuf karoorfatan.
Kana malees warra giddu-galeessa jedhan dirqiin ofitti jijjiiruun miseensomsuuf akka karoorfatan gabaasaa maddeen keenya nuuf ergan irraa beekuun danda’ameera. Kanneen jijjiiramuu didanis warra farra Abiyootaawwii dimokiraasii jedhanitti makuun rukutuuf akeekkatamuutu gabaafame.
Barsiisonni Oromoo naannichaa gama isaaniitiin yaada MOAf kennaniin doorsisa dabballoota Wayyaaneef jilbeenfatanii miseensummaa isaanii kan hin fudhanne ta’uu ifa godhanii, QBO bakkaan gahuuf jabaatanii akka qabsaa’an hubachiisan.
I.U.Of!!
|