(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 15,2009)Barattoonni Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa kana ka beeysisan gidduu kana walitti dhufuun haala QBO irratti marii godhatanii ibsa ejjennoo baasan keessatti.
Sochii farra gabrummaa sirna wayyaanee irratti barattoonni Oromoo Yuunversitii Hawaasaa eegalan cina kan dhaabbatan ta’uu kan beeksisan barattootni Oromoo Yunversitii Hara Maayaa, dirqama dhaabni keenya ABOn nutti kennu kamuu fudhannee hujitti hiikuuf ka dur caalaa ciminaan ni qabsooyna je’an. Keemikaala summaaye sirni wayyaanee warshaalee keessaa gad lakkisuun ummata ittiin fixaa jirus balaaleffatanii, gochaalee ajjeechaa, hidhaa fi saamicha srinichi ummattoota irratti raawwataa jirus morman.
Gochaa suukanneessaa sirna wayyaaneen hidhamtoota Oromoo irra gahaa jiru cimsanii kan balaaleffatan barattoonni Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa, ummanni Oromoo hidhamtoota Oromoo manneen hidhaa gara gara keessatti digirfamaa jiraniif akka dirmatan dhaamanii, maatii isaanis gargaarsa feesisuun cinaa akka dhabbatan yaadachiisan.
Tarkaanfiilee diinummaa fi abdii kutannaa irraa maddan ergamtoonni wayyaanee ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiranis balaaleffataniiru. Jaleewwan diinaa kunneen hojii farrummaa itti jiran irraa daddaffiin akka dhaabbatan akeekkachiisa cimaa laataniiruuf. Kana males eebbifamtoonni bara 2009 kanaa wal gahii godhatanii qabsoon teenya manneen barumsaa qofatti hin daangoytu erga je’an booda, falmaa haqaa ummanni Oromoo itti jiru babal’isuuf irbuu waliif galuun marii isaanii milkiin xumuratan.
MOA