Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Afrikaan dur irraa kaatee aadaa dimokraasii kan qabdu ta’uu sirni Gadaa Oromo bareechee kan mul’isuu fi fakkeenya guddaa akka ta’e qorataan seenaa lammii Erteraa Prof.Asmarom Laggasee ibsan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 24,2009) Ardiin biyya Afrikaa dur irraa kaatee aadaa dimokraasii kan qabdu ta’uu sirni Gadaa Oromo bareechee kan mul’isuu fi fakkeenya guddaa akka ta’e qorataan seenaa lammii Erteraa Prof.Asmarom Laggasee ibsan.

Prof.Asmarom Laggasee kana kan ibsan marii idil addunyaa “Afrikaatti gulantaa dimokraasiin irra jiruu fi hiree gara fuula duraa” mata duraa jedhu jalatti magaalaa Asmaraa Hoteela Asmaraatti Caamsaa 21,2009 baname irratti.

Marii dhimma dimokraasii Afrikaa irratti xiyyeeffate kana haasaan kan banan dursaan Erteraa Presidaant Isayaas Afawarqii barruu qorannoo dhiheessaniin, dimokraasiin bu’uura guddinaa fi badhaadhina uumama namaa ti malee, galii dhumaa akka hin taane hubachiisanii, dimokraasii dhugaa mirkaneessuuf mariin ummatootaa fi biyyoota gidduutti adeemsifamu murteessaa akka ta’e ifa godhan.

“Dimokraasii Oromoo fi Sirna Siyaasaa Afrikaa duraanii” mata duree jedhu jalatti barruu qorannoo kan dhiheessan Prof.Asmarom Laggasee, sirna Gadaa Oromoon ittiin jiraataa ture akka fakeenya olaanaatti kaasuun Afrikaan sirnoota dimokraasii qabeenya hundaa olii ta’e akka qabdu hubachiisan.

Prof.Asmarom itti fufuun sirni Gadaa ummatni Oromoo ittiin bulu seenaa baroota dheeraa kan qabu ta’uu irra darbee sirna dimokraasii Afrikaan ittiin boontu ta’uu addeessan.

Prof.Asmarom Laggasee barruu qorannoo dhiheessan kanaan ummatni Oromoo sirna Gadaa qabiyyee guutuu qabuun baroota dheeraan dura ittiin bulaa turuu ibsanii, ummatni Oromoo dhaloota Kiristoos waggaa 300n dura sirna ittiin bulaa ture akkasumas kalaandara mataa isaa qabaachaa akka ture addeessan.

Hayyootni ykn beektotni adda addaa marii kana irratti argaman barruu qorannoo gara garaa kan dhiheessan ta’uunis ibsameera.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net