Qabsoo uummatni Oromoo bilisummaaf gochaa jiru keessatti gahee guddaa fi ol'aanaa qabaata kan turee fi qondaalota dhaaba keenyaa kanneen qabsoo
kana jalqaba irraa kaase bifa hundaan utubaa ture keessaa J/Taayyee Tafarraa tokko ture. J/Taayyeen umurii isaa guutuu of-qusii tokko malee humnaa fi beekumsa qabu hundaa dhaaba kanaaf kan gumaache fi qabsoo hadhooftuu biyya keessaa fi alatti gaggeessaa ture. J/Taayyeen biyya yeroo ture mana hidhaa ture, dhuma irra mootummaan Itoophiya lubbuu isaa balleessuuf qophaawuu hubatee baqatee gara biyya ambaatti bahe. Biyya oromaa keessaatis qabsoon Oromoo kan haqaa tahuu hubachiisuu fi qabsoo Oromoof dhageettii argamsiisuu irratti J/Taayyeen hedduu dhama'aa ture. Keessaahuu magaalaa Berlin keessatti hiriyyoota fi quunnamtii qabaachaa turetti gargaaramuudhaan paartiilee siyaasaa fi sab-quunnamtilee adda
addaa irratti dhimmoota qabsoo Oromoo beeksisaa ture. J/Taayyeen guyyaa tokko dadhabe,nuffe osoo hin jedhin dhaabbilee adda addaa fi manneen sagadaa
waliin qunnamtii uumuudhaan dhimmi baqattoota Oromoo ilaacha addaa akka godhatu irratti nama hojjataa turee dha.
J/Taayyee mootummaan Itoophiya biyya oromaa keessatti illeen duukaa bu'uudhaan ajjeesuuf yaalaa turan. Bara 80moota keessa mootummaan Itoophiya Baha Berlin
itti jarreen nama ajjeesan itti erguudhaan J/Taayyee fi hiriyyaa isaa Rev. Dr. Gunar Hasselblat irratti yaalii ajjeecha godhani turan. Gochaan kun kan yeroo san nama rifaasisee turee fi mootummaan Itoophiya hagam takka J/Taayyeen humnaa guutuu fi dandeettii qabuun qabsoo bilisummaa Oromootti bobbahuu irraa
yaaddoo qabaataa ture kan saaxil baaseture. Haa tahu malee J/Taayyeen kana mara keessa darbee dhukkuba uumaatiin Jimaata Ebla 4, 2008 biyya lafaa kana irraa du'aan godaanee jira. Rabbi lubbuu isaa jannata nuuf haa ciibsu, maatii fi firoottan isaa maraaf Waaqni Oromoo jajjabina haa kennu.
Qabsaawaan Ni Kufa Qabsoon Itti Fufa
J/Taayyee Tafarraa gaafa April 4, 2008 magaalaa barlin biyya jarmanitti du'aan addunyaa kanarraa boqotan,
Awwaalchi isaanii gaafa April 12, 2008 magaalaa Barlinitti ta'a.
waaqayyoo lubbuu isaaf jannat maatii fi firottan isaaf jajjabina haa kennu.
|