(Madda Oduu ABO/MOA/ Sadaasa 23,2008) Tarkaanfii Gootichi WBO godina baha Oromiyaa keessa socho'u dhiyeenya kana humna waraana isaa irratti fudhatetti rifachuun mootummaan goolessituu Wayyaaneen, ilmaan Oromoo hedduu godinicha keessa qabee hidhaatti guuraa akka jiru maddeen keenya gabaasan.
Akka kanaan baha Harargee Ona Gola Odaa, Araddaa Cabbii, ganda Gaara Gaafaatii fi Ganda Dimtuu irraa namoota danuu mana hidhaa Burqaatti guuraa akka jiru gabaafamee jira.
Kanneen hidhamanii yeroo ammaa mana hidhaa keessatti rakkachaa jiran keessaa hammi tokko,
- Abdii Mahadii bulchaa nannoo keessatti gaafatamaa nagenyaa kan ta'e,
- Siraaj Ahmed barataa,
- Ibraahim Ahmed Kadiir,
- Taajuddiin she/Ibraahim,
- Ibraahim Aliyyii,
- Aliyyii Tukkee,
- Ahmed Saido fi
- Aliyyii Muosaa yeroo warri jedhaman keessatti argamu.
Gochaan mootummaa Wayyaanee kamuu qabsoo keenya irraa nu hin laaffisu kan jedhan sab-boonton Oromoo naannoo, Oromoon hunduu bakka jiruu diina keenya Wayyaanee irratti tarkaanfii barbaachisu WBO cinaa dhaabbatee akka fudhannu jechuun waamicha Oromummaa dabarsanii jiru.
Gama kaaniin Wayyaanoti Oromoota maqaa ABOn yakkitee magaalaa Finfinnee fi bakka adda addaa irraa hiite murtii tokko malee mana hidhaa keessatti dararama jiraachuun isaanii beekame.Kanneen garii ammo murtii isiniif laatna jedhanii murtii tokko malee mana seeraa TPLF tti deddeebisaa jirachuun hubatamee jira. Gaafa Sadaasa 14, 2008 mana murtii Federaalaa Gorgisitti dhihaatanii murtii tokko malee itti qoosanii mana hidhaatti deebisan keessaa
- Hailu Darasa
- Asafa Tafara
- Bayisa Milkessa
- Wabe Haji
- Lama Mosisa
- Husen
- Bogale
- Bayisa-student
- Col. Olani Jabessa
- Baqala Jiraata
- Aade Abarash Yadata
- Gudata Dabale
- Masarat EliyasImiru Mosisa
- Rooba
- Dejene
- Baqala Nagari'
- Isheetu Kitili
- Kabada Borana
- Kibabaw Fayyee
Kanneen kana maaraa fi Oromoota biroos mootummaan TPLF dhara shororkeesitummaa jedhuun yakkee warra hidhaman tahuu MOA gabaafame.
MOA |