Washington, DC
Fulbaana 18, 2008
ABOn dhiigaa fi Lafee ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaawamuun biqilee lafee gootowwaniin utubamee dhaaba jiraatee dha. Dhugaa haqaa irratti waan hudaayeef baroota hedduu diinota qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa fi alaan yeroo adda addaatti itti bobbahan irraa dandamatee hardha gahee jira. Diina muldhataa fi kallattiin qabsoo Oromoo dhaamsuuf karaa hundaan irratti bobbahe kophaa osoo hin taane kanneen beekaas tahe osoo hin beekin kaayoo diinaa bakkaan gahuu irratti bobbahan, ayyaanlaallttu fi kanneen aangoof bololan mara qaanessuudhaan dhaaba cimaa hundeen kaayoo isaa bilisummaa Oromoo tahuu mirkaneessee jira.
Diina keessaa fi alaatiin yeroo adda addaa qormaati hamaan dhaaba kana haa quunnamu iyyuu malee uummanni Oromoo irra deddeebi'ee dhaabaa fi hooggana isaa irratti amantaa guutuu kan qabu tahuu fi ABOn dhaaba cimaa kaayoo uummata Oromoo bakkaan gahu tahuu shakkii malee mirkaneessee jira. Haa tahu malee yeroo ammaa namooti tokkoo tokko fedhii dhuunfaa guuttachuuf jacha dhaaba kana keessatti garee uumanii dhaaba kana facaasuuf tattaafachuudhaan qalbii-hidhuu, ofittoo fi yoom iyyuu seenaa irraa hin- barannee tahuu isaanii hojiin agarsiisaa jiru.
Qabsoo uummanni kam iyyuu bilisummaa gonfachuuf adeemsisu bu'aa bayiin kan itti heddummaate tahuu uummatni Oromoodhaa bareechee beeka. Gatiin bilisummaa qaalii tahuu fi wareegamni isaa illeen hagam ulfaataa akka tahe Oromoo caalaa uummatni hubatu yoo hin jiraanne illee ololli fi afaan-faajjiin yeroo ammaa deemaa jiru hamma kan darbee fi naamusa dhala nama qaroome irraa eeggamuun ala tahuun hubatamaa dha. Haaluma kanaan Addi Bilisummaa Oromoo jeequmsa yeroo dhihoon asitti dhaaba keessatti tahee fi kanumaan wal-qabatee afaan-faajjii sabaa-himaalee adda addaa irra faca'aa jiru ilaalchisee ibsa kennuuf akkasumas abbaa qabsichaa kan tahe uummatni Oromoo afaanfaajjii kana akka qulqulleeffatuu fi addaan baree hubatuuf jecha Washington DCitti Fulbaana 13, 2008 walgahii uummataa yaamee ture.
Walgahii uummataa seena-qabeessa kana kan qopheessee fi qindeesse konyyaa ABO Washington DC yoo tahu University Howard galma Blackburn keessatti gaggeeffame. Walgahiin uummataa kun akkuma aadaa duudhaa Oromootitti eebbaa fi yaadannoo goototaatiin eegalame. Uummatni Oromoo walgahicha irratti argamees taa'umsa irraa ol-ka'anii dhaabbachuudhaan kabajaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi jaallan qabsoo bilisummaa irrati wareegamaniif qaban garsiisani jiru.
Walgahii uummataa kana irratti haasawa baniinsaa kan godhe miseensa gumii sabaa fi itti gaafatamaa DDA ABO kan tahe J/Dr Fidoo Eebbaa ti. Haasawa baniinsaa keessattis ABOn bu'ureefama irraa eegalee haalota keessa dabree fi rakkoolee bara qabsoo kana keessatti dhaabicha mudatan akkasumas injifannoolee dhaaba kanaan galmeefaman bifa gabaabaa taheen caqase.
Ittuma fufuudhaan miseensa gumii sabaa fi irraa dubbataa dhaaba ABO kan tahe J/Dr Bayaan Asoobaa jeequmsa yeroo ammaa dhaaba keessatti dhalate ilaalchisee ibsa baldhaa uummatni haalaan itti gammade kennee jira.
Kabajamaa J/Dr Bayyaan hasaawaa isaa keessatti ABOn kan miseensotaa fi qondaalota ABO qofaa osoo hin taane kan uummata Oromoo, qabeenya uummataa tahuu ibsuudhaan kan dubbatuu fi oddeeffaannoo uummataaf kennuu deemu illeen dhugaa haqaa qofa akka tahee fi uummatni Oromoodhaa dhugaa kana qalbii guutuudhaan dhagahee mutii akka kennu dursee gaafatee jira. Jeequmsi dhaaba ABO keessatti amma dhalate kun yoom akka eegalee fi hooggaanni rakkoo kana furuudhaaf karaa jaarsummaas tahe karaa seeraa fi heera ABOtiin carraaqqii fi tattaaffii taasifame tokko tokkoon haala nama dinqisiisuu fi hubannoo guddaan guuttameen ibsee jira. Haaluma walfakkaataadhaan fedhii dhokataa murni amma jijjiirama jedhee dhaaba keessaa ala of godhe adeemsisaa ture saaxil baasee jira. Ittuma dabaluudhaanis hoogganoota dhaabaa umurii dargaggummaa irraa qabsoof of kennanii hojjachaa jiran maqaa balleessuu fi xureessuudhaan loltoota kale mootummaa wayyaanee waliin dhaabbatanii dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa turan muuduu fi faarsuun ka'umsa dogoggoraa tahuu hubachiisee jira. Gama biroodhaan mootummaan Wayyaanee illeen Oromoon hooggana cimaa akka hin horanne karaa dandayameef maraan hojjataa akka jirtu hubatamaa dha.
Uummati walgahii kanaraa qooda fudhate hundi ibsa baldhaa hayyuun Oromoo kun kenneen hedduu kan gammadanii fi itti quufan yoo tahu golee galmichaa gamaa gamana gaaffilee adda-addaa qabatanii kan dhufan illeen ibsa baldhaa fi gadi fagoo kophaa osoo hin taane dhugaa calla irratti kan hundaa'ee fi hubannoo guddaan kan guutame yeroo dhagahan kan dubbatan dhabanii jiru.J/Dr. Bayaan gaaffilee biro mana keessaa ka'aniif deebii quubsaa kennee jira. Gaafii-deebii booda Oromoonni garii yaada isaanii bilisatti ibsatanii jiran.
Walgahiin uummataa Washington DC keessatti gaggeefame kun sub-boontota ilmaan Oromoo qaamaan argaman qofaa osoo hin taane gama saraaraa paltalk tiin Oromoota biyya adda addaa keessa qubatan hedduuf illeen darbee jira. Haaluma kanaan Oromoonni dhibboota hedduutti lakkaayaman ibsa baldhaa hoogganni olaanaa ABO kenne dhaggeeffatanii jiru. Hedduun isaanii ergaa dhaamaniin ABOn balaa itti aggaamame kana airraa dandamatee saba Oromoo bilisummaan akka gahu shakkii akka hin qabne beeksisanii jiran.Walumaagala walgahiin kun wal-hubannoo guddaadhaan milkiin xumuramuudhaan injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Injifatnnoo Uummata Oromoof ! |