Isho yaa WBO koo. Ishoo yaa WBO koo ilma guyyaa rakkoo Itti fufi qabsoo ni moota gaaf tokkoo Qeeyroo Oromootaa kan sabaf dhaabbatee Lubbuu isaa if kennee irbuu tarkaanfatee Abdii saba Oromoo guca bilisummaa Summii rooristootaa yaa farra gabrummaa Gumakafal sabaa qeeyroo mataa tuutaa Sumaatu moohataa injifannoon galtaa Biiflee ilma Oromoo mallattoo jeynummaa Gooticha waraanaa jayna sabboonummaa Nuti aanoonni kee WBO si abdannaa Dukkana gabrummaa siini keessaa baanaa Sadoo fii qananii irraan tarkaanfattee Saba bilisoomsuuf qawwee laffaa kaasttee Yaa qabsaa'aa sabaa kan lammiif laalatuu Roorroo saba keetii ati hin fudhattuu Abshir yaa WBO koo si faanarra jirraa Waan dandeenyu maraan si cinaa hiriirraa Abdadhu saba kee Lenca Oromtichaa Injifannoon keetii gobaani nuuf galtaa Bobbaan kee milkii dhaa galti kee gammachuu WBO ilma Oromoo faana si haa tolchuu!!!
********<.x.>********
Injifannoo Ummata Oromoof!!! Gadaan Gadaa Bilsummaati!!!
Sabboontuu Bahaa irraa