caamsaa 1,2008 (Seden) - magaalaa Stockholmti hiriira qopha'e irratti hawaasni oromoo fi miseensoonni ABO heduminaan hirmaatani jiru.Hiriirri nagayaa kun kan qophaa'e guyyaa daafqaan bultoota adunyaa caamsaa 1 sababa godhachuudhan hiriira waammameedha. Qaamni waames paartii siyaasaa(Political party) biyyaa Sweden kan ta'e Social Democrat Party jedhamu dha.
Hirra kana irratti ummata biyya sweden qofa osoo hinta'in kan biyyaa adda addaa irra dhufani Sweden jiraatan baayinaa hirmaatani jiru. Hawaasini biyyoota gaanfa Afrika (Horn of Afrika) Oromoo,Ogaaden,Somale fi Eritiraa heddumminaan fi qindoominaan hirmaachudhaan hiririchaafi bareedina kennani qalbbii namoota heddu harkisuu dandaa'u isaani hubatamee jira.
Hawaasni Oromoofi miseensoni ABO alaabaa ABO fi dhaadannoo adda addaa qabachuudhan hiriira kana irratti hirmaatee rakkoofi gidiraa mootummaan wayyaane(TPLF) ummata Oromoo irraan gayaa jirtu saaxila baaudhaan barreeffama adda addaa namoota hiriira kana irratti argamaniifi gazexeesitoota adda addaatif akkaa raabsamu ta'ee jira.Gazexeesitota hiriira kana gabaasa turaniifi hawaasni Oromo akkumma ummata biroo mirgii isaa akkaa eegamuu ibsuufi rakkoo ummata Oromoos ifa baasudhaaf hiriira kana irratti damaqinaan hirmaachuu isaa ibsameefi jira.
Hiriira nama 15,000 ta'u irratti argamee kana irratti haswaasni Oromoo ;Ogaden;Somaale fi Eritiraa namoota 500 ta'u alabaa ABO, ONLF,Somalia fi Eritiraa qabachuudhan hiraatani mootummaa wayyaanee (TPLF) balalefachaa,gargaarsa USA irraa argattuun gochaa badii TPLF Gaanfa Afrikaa keessatti gaggeessaa jirtu abaaranii jiru.
IUOf!!!!!!!!!