
Guyyaan Gootota Oromoo (Ebla 15) guyyaa hardhaa (Ebla 12 2008) magaala Bern, Biyya Switzerland keessatti yaadatamee ooleera. Yaadannoo kanarrattii oromootnni Biyya Switzerland jiran hedduun karaa dheeraa kutanii bakka tokkotti waliin yaadatanii oolaniiru. Akkasumas uummatnni biyya Switzerland, Ogadenia, Algeria, Czech fi biyyootii biroo irraa dhufan qophii kanarratti argamaniiru.

Yaadannoon kun ganama sa'a 10:00 irratti walgahii miseensota Konyaa tiin banameera. Calqaba sagantaa kanaarratti gootota oromoo kan QBO irratti wareegaman yaadatamaniiru. Akkasumas sabboonaa Oromoo kan jireenya saa guutuu uummata fi Hawwaasota Oromoo fi QBO dalagaa turan, lubbuun isaanii torban darbbe kan darbbe J/ Taayyee Tafarraa yaadatnneerra. Maatii J/ Taayyee Tafarraa J/ Aster, ijoollee saanii, Hawwaasota Oromoo biyya Jarman fi warra J/ Taayyee, akkasumas hiriyoota fi jaalleewwan saanii Rabbi jabeenya haa kennuuf. J/ Taayyeen bilisummaa fi abbaa biyyummaa falmachaafii turan sun bakka gayee Oromiyaa jaalatan sana otoo ijaan hin argiin darbuun isaanii hedduu nama gaddisiisa. Rabbi nafsii saanii haa maaru!
Guyyaa Gootota Oromoo kanarratti Jaalleewwan Konyaa waayee Guyyaa kanaa barumssa kennaniiru. Itti aansaniillee Oromoo, Oromiyaa, fi QBO maalirraa ka'ee maalirra akka jiru, akkasumas aadaa oromoo keessummoota dhufan hubachiisaniiru.
Miidhaa Mirga Dhala Namaa Oromiyaa keessatti mootummaan gabroomfataa Abashaa gochaa jiru ilaalchisee ibssi baldhaan uummataaf kennameera. Sagantaa kanarratti itti gaafatamtoonni ONLF (Ogaden National Liberation Front) argamanii gaddaaf gammachuu keenya nuwaliin hirmaataniiru. Miidhaa biyya Oromia fi Ogadenia keessatti mootummaan bicuu Wayyaanee adeemsisaa jirtu gabaabsanii uummata hubachiisaniiru. Gara fuunduraallee Oromootnni, Ogaden fi sabootnni cunqursamaan akka keenyaa humnna saanii tokko taasifatanii diina saaxil baasuuf hojjechuun akka irra jiru wal hubachiisameera. Dhumarratti agarsiisnni aadaa erga godhamee booda qophiin keenya milkii gaariin xumurameera. Sagantaa kanarrattillee Gumaachi WBOf walitti qabameera. Qophiin keenya maal akka fakkaataa ture suuraawwan kanaa gadii irraa arguu dandeeyssu.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Qabsaawaan ni kufa, Qabsoon itti fufa!
Gootota keenya ni yaadanna!








