Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
 
Oduu

Sabboonaa-Sabboontuu!
 
Marti ilmaan ayyaa!
Xiqqaa fi guddaan akkam jirtan fayyaa!
Alagaa barbaanuu waluma nu wayyaa!
Ija naaf ergisaa suuta irra bayaa!
Itti rakkatinaa  kuni yaada kiyyaa! 
Jachuudhaan jalqabdi walaloon ilma yayyaa!
...
Bara dhibbaan dura jaalalaan jiraanee!
Dula habashaa cufa irra aannee!
Sirna abbaa gadaa sullama tolfannee!
Kaabaa fi kibbatti harka wal qabannee!
Bahaa fi dhihatti walitti dirmannee!
Takkaa osoo caphin kabajaan jiraannee!
Goobanaa Daaceetiin magaalarra ollee!
Ijaa-gurra dhabnee caphnee raasaa gallee!
Miniliik bitatee qabee nu cancalee!
Harka keenya muree jiraa nu awwaalee!
Harmee oromootaa guntuta mogolee!
Meeshaa ammayyaa gurmuu taasiftee!
Gootota Oromoo Calanqotti gatee!
Kan Rayyaa silaftuu himanii fixanii!
Lakkoysa Oromoo bayyee gababsanii! 
Kuma kudhanirraa shani deebisanii!
Akka sangaa loonii hamooleen gaadanii!
Murna abbaa garaa xajjii obaasanii!
Of wallalchisanii!
Mooratti galchanii!
Maqaa moggaasanii!
Kiristinnaa kaasanii!

Lij Iyyaasuu jachuun dhaali jalqabamee!
Ilma oromtichaa habash badhafamee!
Kan walloo marti harkatti galfamee!
Miniliik du'ee Sillaaseen dhaalamee!
Kantu kaan daranii dubbii ajaa'ibaa!
Halyle sillaaseen angoodhaaf gaggabaa!
Oromoo ajjeesuu Iyyaasuun jalqabaa!
Dhamsa abbaa isaa duruu gurraa qabaa!
Kan Goobanaa sobee godhe kan jalqabaa!
Raasaasaa fi uleen bulchuu dadhabullee!
Dabeeysa abbaa garaa nu keessaa gulaalee!
Harkaa - miila keenya qabee nu sakaalee!
Akka Gaangee- Fardaa afaan nu cancalee!
Qabeenya Oromoo cufumaa huu dhaalee!
Murni abba garaa marti jala galee!
Gootichi oromoo bahee raasa bulee!
Kantu kaan daranii!
Dhaala moggaasanii
Walirra nu marsanii!
Kan biratu dhufee Mangistuu maqaanii!
Ijaa- gura qabuu kan beeku rasaasaa!
Tokko -tokkon qolchee cufumaa basaasaa!
ABO cabsuu dhaaf birrii dhangalaasaa!
Gowwaa fi qaroo mara wal nyaachisaa!
Osoo hin`milkaawin dhume gadaan isaa!
Fuudhee nu dabarse gara abbeeraa isaa!
Mallasaa ja'anii ijuma babaasaa!
Kan beelawee jiru dheebuudhaan gubatee!
Oromiyaa seene arraba tolfatee!
"Charter" rii kijibaa gurmuu rarraafatee!
OPDO je'ee hattoota jaaratee!
Oromiyaa balloo harkatti galfatee!
Saba ijibaatee!
Rasaasumaan gatee!
Albuuda saamatee!
Maqale gurratee!
Oromoo martinuu silaa hiyyoomattee!
Beelaa fi dhukkubaan ona raa baqatee!
Rakkoo takka  hin`arkin sabni koo mudatee!
Tan jara kanaa asirrattiin dhaabaa!
Ija naaf ergisaa dhamsa tokkoon qabaa!
Qalbiidhaan dubbisaa inninuu gabaabaa!
Saba Oromootiif Booranaa hangafaa!
Akki itti jirru kun salphinaa fii fafaa!
Sabboonaa-Sabboontuu mee haa kaanuu lafaa!
Ofii daddabanii! 
Waaqa sakkabanii!
Gabrummaa teenyaaf numa sababninii!
Meeshaa sadii qabaa beeki wayyaaneenii!
Dhukkubni gandummaa kan firraa eeganii!
Amamtiin dorsisuu duruu ittuma jiranii!
Daalee Oromtichaa gosa jaarsisanii!
Akkanaan lammii too addaan facaasanii!
Qabsoo bara meeqaa gandaan moggaasanii!
Biyya ambaa keeysatti gargarii facaanee!
Akka callee cittee funaana mudannee!
Gaddaaf wal hawwinee!
Gammachuu dhaaf naanee!
...
Sabboonaa-Sabboontuu abdii Oromootaa!
Dirqamni kee guddaa akkas tahuu beeytaa?
Haali keeysa jirru bar kan duriin addaa!
Dhiiga loonii garraan, loon bayyee gadoodaa!
Rakkina lammii tiif sabboonaa hadoodaa!
Arraa -boruu dhiifnee mee haa kaanu lafaa!
Malaa fi mariidhaan sossoohaa daddafaa!
Gaafii jajjabduu atuu of gaafadhuu!
Maaliif? jacha ja`u  fuldura keewadhuu!
Eessattii? fi yoomii? itti dabaladhuu!
Olola goobanaa gurra raa cufadhuu!
Qabsoon tee dhugaadhaa seerumaan eegadhuu!
Yaroo qabdu maraa ABO dhaaf gumaachii!
Qabeenya kee WBO dhaan jabaadhuu gololchii!
Gandaa fi gosummaa faana jala galchii!
Irra ejanjadhuu tokkummaadhaan qolchii!
Sirna dhablummaan bifa heeduu qabdii!
Takka dhugaa qabduu cufti isii badii!
Obbaleeysa jattee bira hin`tarinii!
Dhugaa itti himi sobaan hin`waaranii!
Bilisummaa teenyaaf kanneeni gufuunii!
Rakkina sabaa hangafa taasifnee!
Dhibdee waliif qabnu boruuf ol keewannee!
Alagaa nu fixxe ija itti bafnee!
Qaamaa fi qalbiidhaan humnaan tokko taanee!
Harqoota gabrummaa ofirraa mancafnee!
Sirna Abbaa Gadaa dhalichifna jabaannee!
****<:>****
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!


J/O. O 
                                                    



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net