(Madda Oduu ABO/MOA/ Onk,23,2008) Maadhee Yaaddessaa Diinaa jalatti kan argaman maadheeleen 004 fi 005, Muummee Leencaa jalatti kan ijaaraman maadheeleen 006 fi 007, akkasumas Gumaa Abiishee Garbaa Lk. 5 jalatti kan ijaaraman maadheeleen 001,002 fi 003 walga'ii haala QBO ABOn gaggeefamaa jiru irratti marii godhatanii xumura irratti ibsa ejjennoo baafachuun walgahii isaanii gudunfan.
Dhaabni keenya ABOn akka jabaatuu fi cimuuf waan nu irraa eegamu ni gumaachina, ABOn wabii uummata Oromoo waan ta'eef, hanga galii bilisummaatti waan qabnu hundaan gargaarsa nu irraa eegamu mara ni goona jedhan.
Hirmaatnaa dhala Oromoo maraan bilisummaan Oromiyaa dhiiga ilmaan isheetiin mirkanaa'uun akka hin oolle ifa gochuun ibsa ejjennoo isaanii gudunfan.
******
Duula wayyaaneen Oromummaa balleesitee Itophiyummaa babal'isuuf gaggeessaa jirtu Oromoon martuu dura dhaabbatee fashalsuu akka qabu sab-boonton Oromoo dhaaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Onk,23,2008) Godina Wallaga bahaa magaalaa Naqamteetti wayyaanoti Oromumma aballeessanii Itophiyumaa bakka buusuuf walga'ii godhaa jiran.
Hirmaatton walga'ichaa bulchitoota gandaa magaalaa Naqamtee yeroo ta'an barsiisotaa fi hojjettootas hirmaachisanii jiru. Akeeki walga'ichaa ABO fi ummata Oromoo adda baasuu kan dabalate akka ta'es baramee jira.
Ergamtoon wayyaanee Dhinsaa Qana'ii fi Iwunatuu kan jedhaman ABO ummata Oromoo biratti jibisiisuuf carraaqqii isaan godhan dura dhaabbannoo hirmaattota walga'ichaan duraa fashale.
Hirmaatton walga'ichaa olola dharaa ergamtoota wayyaaneen osoo afan hin fajjawin fedhii diinotaa fashalsuutu gabaafame. Kana malees, gaffiilee jajabduu ,Nuti waan hunda qabna maaf ofi hin dandeenyu, keyyati 39 heera mootumaa irra jiru maaf Oromoof hin hojjetu, Nuti daangaa mataa keenyaa osoo qabnuu maaf akka hin qabneetti dhihaata kan jedhu dhiheessuun lukkeelee diinaa sardaniiru.
Kessattuu jaleen wayyaanee Iwunetuu jedhamu, gaaffilee kanneeniif deebii kennuuf yaalii godheen, Kun gaaffii ABO ti, Oromiyaan Itophiyaa dha Oromiyaa waan jedhamu hin turre jechuun akeeka Akaakilee isaa fi diinumaa ummata Oromoof qabu ifatti mul'isee jira.
Waan ta'eef, ummatni Oromoo bakka jiru hundaatti duula mootummaan wayyaanee fi leellistootni Itophiyummaa Oromummaa fi sabboonummaa bal'eessanii Itophiyaa fi Itophiyummaan bakka buusuuf godhaa jiran dura dhaabbatanii akka fashalsan dhaamsa dabarsaniiru.