Miseensii fii degartootin ABO Konyaa Ottawa akkasumas hawaasa dabalate halkan gaafa-4-26-2008 guyyaa goototaa oromoo qabsoo bilisummaaf wareegamanii yaadachuudhaan bifaa ho'aan fi seena qabeessan kabajeera.
Ayyaanni kun ebba manguddootiin egaa banameen boodaa guyyaa kanaarratti Dura taa'an hawaasa Oromoo Ottawa, seenaa guyyaa goototaa bal'inaan erga ibsanii booda hadhaa qabasoo bilisummaa Oromoo ABO’n gaggeessaa jiru, fuula durattis Qabsoo uumata Oromoo kan mudachuun malu, ibsaa fi xiinxala bal'aa kennaanii jiru. Dhuma irraati Gootawwan keenya wareegaman yaadaacha kayyoo isaan kufaniif bakkaan ga’uuf Miseensonni ABO, deegartootni qabsoo Bilsummaa Oromoo fi hawaasni Oromoo tokkuumaan jabaatee diina isaa jilbeefachiisuu akka qabu dhaamsa dabarsanii jiru. Hirmatoota waliin seenaa gootota oromoo ilaalchisee hubaachisa fii baruumsaa bal'aatu godhamee haalaa bareedaa fi gammachiisaa ta'een xumuramee jira.
Kabaja Guyyaa Gootota Oromoo 2008 kana kan adda taasissu hirmaannan ijoollee Oromoo waggaa 2 irraa hamma 16-ti heddumminaan arganuudha.
Guyyaa Gootota kana sababeefachuun, Ibsa ejjatnoo Misensoota fi Deggartootaa ABO Konyaa G.J. Ottawa akka kanaan dabarfatne:
1 Xurree gootoleen Oromo dhiigan taraaran abbaan fedheehuu kan duuchine tayuu hubatanii ilmaan Oromo hundi hamilee guutun akka qabsaayan yaadachiisne.
2 Duris, ardhas, borus ABO-n abbaa fedheefuu kan hinjilbiiffatne tayuu beekanii sobaa fi olola diinatiif akka gurra hin-laatne itti dhaamne. Warri kana didanii bu’aa yarootin dagaman ardhas borus xiqqeenya isaan mudatuuf ittigaafatamni mataa isaanii tayuu dhaamnef.
3 Wabiin keenya Wraanni Bilisuummaa Oromo WBO-n fi hoognni keenya kallachi bilisummaa Oromo ABO-n falmaa isaan bilsummaa saba isaanifiif godhaa jiran diinqisiifachaa, waan dandeenyu hundaan akka bira dhaabbatnu wa’ada keenya haarayoomsine.
4 Ayyaana goototaa kana qopheessuudhan diinna keenya fii lukkeelee isaanii of keessa ari’uudhan biyya keessa fii alattiis hawaasa Oromo jidduutti akka fudhatama hinqabne hujiidhan barsiifne. Dur chaalaa tokkummaa keenya akka jabeefatnu waaliigalle.
5 Qabsoo keenya galiin gayuuf wareegama nurraa eegamu cufaahuu akka baafnu wa’adaa galle. Gootoleen ilmaan Oromo kan bilisummaa isaanitiif lubbuu isaanii wareegan seenan bara baraan isaan yaadata. Nutis warra isaan yaadatu keessaa tokko tayuun akka nurra jiru walbarsiisne.
Oromiyaan dhiiga gootolee Oromootin nibalisoomti !!
Gadaan Gadaa Bilisummaatii !!
Ijifannoon ummata oromoof!!
Konyaa Gishuu Jaarraa Ottawa