Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Barattooti Oromoo Yuniversity Hawasaa Guyyaa WBO Haala Gaariin Kabajan! Ibsa Ejjennoo Isaanii!


Amajjii 7, 2008 (Oromiyaa)
- Barri haaraan bara tokkummaa, qabsoo haaraa, dimokiraasii, walabummaa uummata keenyaa nuuf haa ta’un jedha. Ergaan kee yeroo sanaa na ga’ee ture. Nutis ergicha duras taanaan haalaan guyyaa ayyaana kanaa irratti qophaa’aa turreerra. Kaleessa ergicha siin ga’uuf tureen dhimmuma mooraa kanaaf barattoota walitti qabnee waliin turre. Hir’inni maallaqaas tureera kanaafidha. Akkaataa kabaja ayyaanichaa jaala keenya kan si waliin wal nu qunnamsiise sanaaf battala bilbilaan qunnamaan ture dhageesseetta jedheen yaada. Yoo hin dhageenyeef haalli kabaja ayyaana kanaa mooraa keenyatti akka armaan gadii fakkaata; gaafa jala bultii ayyaana kanaa jechuun gaafa guyyaa 31/12/2007 barattoota sabboonummaan cimoo ta’anii fi iccitii tiksuu danda’an waliin wal ga’ii godhannee turre. Guyyaama kana ijoolleen abbaa duulaas gama kan biraan wal ga’iirra turan. Nuti dhiiraaf dubaraan mooraatii erga baanee booda, hoteela tokko qabannee guyyaa guutuu dhimma ayyaana kanaa fi walumaa gala gochaawwan amma yuniversiitii keessatti godhamaa jiraniif achumaanis mala soqaa oolleerra. Guyyaan maree fi kabaja jala bultii ayyaanaa kun kan barattoota Oromoo Arbaaminc waliin sa’atii wal fakkaatarratti bilbilaan wal qunnamneetu ture. Walii galte guyyaa kana irra geenyeen amajji 1, 2008 barataan Oromoo ba’ee dungoo qabsiisuun, rokketii dhukaasuun, dhaadachuun, faaruu tokkummaa faarfachuun sa’a walfakkaatuun akka kabajatu murteessine. Guyyaama kana sa’ati jedhame kanarratti haala namatti toluun barataa hundi mooraa guutee kabajuu eegale. Warri opdo seenanii tasgabbeessuuf gaafa yaadan barattoonni ittumaa ejjennoo saanii akka cimsaa jiran dhaadannoo eegaluun ibsaniif.  Dhaadannichis;

Barri haaraan bara bilisumaa,  walabummaa,  tokkummaa,  qabsoo,  injifannoo nuuf haa ta’u,

Nuti Oromoodha Oromummaa qarshiin hin gurgurru,

Kaayyoon ABO kaayyoo keenya,

Mirgi namummaa fi dimokiraasii nuuf haa kabajamu,

Qabsoon barataa Oromoo haga bilisummaatti,

Hoji-dhabdummaa sodaaf jecha habashummaa hin hawwinu,  siyaasa wayyaaneefis hin bitamnu,

Oromummaan dhiiga,  eenyuyyuu tokkummaa keenya gidduu hin seenu fi kan kana fakkaatan turan.

Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo nuuf haa kabajamu.

Miseensummaan DH.D.U.O nurraa haa dhaabbatu.

Waraqaa miseensummaa dh.d.u.o kan baatus/kan guchisiisus ergamaa diina Oromooti.

Gootonni Oromoo mana adabaa wayyaaneetti dararamaa jiran hatattamaan haa lakkifaman.

Faaruun tokkummaa jedhuus bifa ho’aatiin faarfamaa ture.

Yeroo sana haala nageenya naannoo eegaa duubasaaniin ture kana gidduutti humni waraanaa akka galaa jiru jaalli koo tokko ala turee naaf bilbile, nus erga dhimma keenya fixnee ijoolleen sirbaa gara doormii galan.   Sana booda waan boodaan dhufuu danda’uuf miseensota keenya waliin mari’achaa turre. Jarri keenyas sa’atiima kanatti wal-ga’iirra turan. Amma waan jiru garuu ijoollee murtoofne warri opdo koree sirna nageenyaa(discipline committee)f akka nu dhiyeessan dhageenyee jirra, hamma ammaatti garuu iccitichi baay’ee dhakataa waan ta’eef waan bira qaqqaban hin jiru, maqaan keenyas hin maxxanfamne. Ragaa qabatamaan tokkos nurratti hin argamne. Karaa hundumaan nutis hiinee jirra sanayyuu maqaa jibba dhuunfaa karaa garaagarummaa siyaasaa nu gidduu jiruuf nu kajeelaa jiru malee waan godhan tokkoyyuu dhabaniiru.

Ibsa Ejjannoo Gamtaa Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Awaasaa!

Ø      Gochaawwan harka eegdotaa fi jala deemtota wayyaaneen mooraawwan yuunversiitii Itoophiyaa mararratti sabboontota barattoota Oromoo gabrummaa sammuuf saaxiluu fi siyaasa tortoraa mootummaa wayyaanee nurratti fe’eef, godhamaa jiran sassaabbatee, kabaja keenyaaf tokkummaa barataa Oromoo barataama Oromoof dhiisee karaama irra dhufe garuma warra tarsiimoo kana diriirsaniitti hin galu taanaan barattoonni keenya ejjannoo isaanii cimsuun deddeebistoota ergaa kanaa kan ta’an deggartootaa fi seelota wayyaanee, DH.D.U.O irratti tarkaanfii gara jabinaa fudhachuun hireesaanii dhugaa ba’uuf ija jabinaan akka deemaa jiran ibsina.

Ø      Soda hoji-dhabdummaaf jennee qabsoo waggoota dheeraa fi kabaja gootota Oromoo qabsoorratti darbanii fi qabsoorra jiranii faayidaa yeroon akka hin jijjiirree fi qabsoon keenya bulee bulee akka haara’uu fi hamma hiree ofii ofiin murteeffachuutti akka wal irraa hin cinne mootummaa wayyaanee fi gurra hootota isaatiif adda baasuu barbaanna.

Ø      Tarsiimoo hoji-dhabdummaa maqaa dha’atee direera kan tokkummaa barattoota oromootti gufuu ta’aa jiru kana nutis tarsiimoo mataa keenyaa kallacha qabsoo keenyaa ABO waliin ta’uun deebii kallattii laachuuf of duuba kan hin ilaallee fi qophaa’oo ta’uu keenya mootummaa wayyaanee fi ergamtootasaaf irra deebi’uun dhaamsa dabarsina.

-Shira uummata Oromoo gidduutti xaxuun; uummata Oromoo fi saboota biroo gidduutti xaxuun hin dhaabbatu taanan

-Hidhaan; ajjeechaan reebbitii fi qoonqoon dararamuun; tarkaanfii diinummaa, gara jabinaa fi suukkanneessaa dhala namaaf hin malle uummata Oromoo fi barattoota Oromoo (keessumattuu barattoota oromoo Yu.Arba Minch) hatattamaan hin dhaabbatu taanan; kanneen miidhaa irra geessisanis hatattamaan seeratti dhiyaatanii seera jala hin oolan taanan;

-Uummanni Oromoo sababii siyaasaatiin hidhamanii mana adabaa  keessatti dararamaa jiran hundi haal-duree tokko malee gad hin dhiifaman taanaan;

·        Tokkummaa, gamtaa fi gurmuu keenya cimsuu dhaan,

Murannoo ejjenno fi gootummaa addaatiin waadaa lammummaa keenya haaromsinee dirqamaa fi wareegama qabsoon bilisummaa barbaaddu hunda goonee qabsoo ABO tiin durfamu galmaan gahuuf  mootummaa wayyaanee fi jalee shee dh.d.u.o beeksifna!

Waa’een barattoota arbaaminc ammoo gaafuman armaan olitti siif ibse sana (guyyaa jala bultii) sana galgala isaanis mooraa ala turanii gaafa gara mooraatti deeba’an barattoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti lolli ture. Innis mooraa keessatti akkam afaan Oromoo dubbattu afaan Amaaraan malee kan jedhu ture. Gaafa sanaaf bulanii guyyaa jijjiirama waggaa kana irratti lolli cimaan ka’ee ijoolleen keenya mooraadhaa warra Amaaraa ari’anii yommuu baasan poolisiin federaala ammoo mooraa seenuun ijoolee keenya gaafa gad ari’u ummanni biyya sanaas jibba uummata Oromoo gujii daangaa saaniin jiran waliin qabaniif barattoota Oromoo dhaabuuf taa’uu dhowwan iddoo bultiillee dhabanii bakkee keessatti akka horii tumamaa oolanii bulan. Haaluma kana fakkaatuun barataan Oromoo tokko rasaasaan rukutamee baay’ee akka miidhamedha kan ragaan na qaqqabe. Ammas ijoolleen keenya haaluma sana fakkaatu keessa jiru. Barataan qunnamnullee hanga dhibuutti ga’eera hundumtuu hidhamanii jechuu dha. Nama qunnamtu achii hin qabdu taanaan barataan si qunnamsiisu waan jiruuf xalayyaa kee lammataa irratti na beeksisi. 

 

Gadaan Gadaa Milkii; Barri Bara Injifannoo ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net