Amajjii 7, 2007 (Oromiyaa) - Ayyaanni amajjii 1 ammallee sirna ho'aan kabajamaa jira maadheeleen ayyaana sababeeffachuun walitti dhufnii ejjennoo isaanii ibsachaa jiru. Maadhee laga A/jaallataa Burqaa Culuu, Baddaa Mootii, namoonni dhuunfaa Tamsaasaa A/roorroo, A/malkaa sheekotaa, A/malkaa mudugaa qarshii walitti qabuun gumaachaniiru. Dargaggootni magaalaa Aggaaroos amajjii 1, walitti dhufuun akkasuma maadheeleen Biqiltuu maannaa fi gumabaas Araboo A/boor walitti dhufuun haala yeroo irratti mariyatanii ibsa ejjannoo qabxiilee garaagaraa of keessaa qabu baafachuun sirna ho'aan kabajatan hidhaa fi ajjeechaan duubatti nu hin deebisu, qbo galmaan gahuuf waan dandeenyu hundaa ABO bukkee ni dhaabbanna! kan jedhuu fi kkf ibsa ejjannoo isaanii keessatti argama akka karaa caasaa barattootaan argametti ammoo barattootni magaalaa tullu boolloo mana barumsaa qophaa'ina fi sadarkaa 2ffaa Hibrat firee ayyaana guyyaa WBO HAALA GAARIIN KABAJATAN.
************
Kabajaa Guyyaa WBO fi Ibsa Ejjennoo Maadhee!
Maadheen buqqisaa diinaa fi gumaa barattoota Oromoo(gbo 430) walitti dhufuun amajji 1, 2008 haala ho’aan erga kabajanii booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniiru.
1. Nuti ilmaan Oromoo hundinuu bakka jirruu harka wal qabannee qabsoo haa finiinsinu!
2. Wayyaaneen lukkeewwan ishee afaan beekan maallaqa hedduun bittee waan bobbaafteef sabboontotni hundi akka of eeggatan!!!
3. Qabsoon uummata Oromoon geggeeffamu wayyaanee hirriba waan dhorkeef ilmaan Oromoo heddumminaan mana hidhaatti guuraa jirti; nuti sabboontonni Oromoo gocha diinaa kanatti otuu hin gufatin kallacha uummata Oromoo kan ta’e ABO jala hiriirree Oromiyaa ni biliisomsina!!!!!
4. Tarkaanfii WBO diinarratti fudhatee fi fudhachaa jiru kan nu boonsee dha. Deggersa barbaachisu mara ni goona!!!!!
5. Dhiiga Oromummaa kan qabdan hunduu osoo addaan wal hin qoonne tokko taanee diina nurra taa’ee nuun meeshaa ta’ee nu nyaatu of irraa haa fonqolchinu!!!
Gadaan Gadaa Milkii; Barri Bara Injifannoo ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
*********
Kabajaa Guyyaa WBO!
Godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti sabboontonni Oromoo kanneen
Mandhelee:
a. Obsa Dhumaa lakko1 , b. Malkaa Agamsaa, c. Malka Odaa, d. Barii Bilisummaa
e. Haliilaa Saalaa Lakko.1, f. Horat amukaa, g. Burqaa Bilisummaafii kanneen birootis bakkota adda addaatti walitti dhufuudhaan ayyana WBO haala gaariidhaan kabajatanii oolanii jiru. Haaluma kanaan sabboontonni kunniin hidhaafii ajjeechaan akkasumas ukkaamsaaniifii sodaachifni diinaan godhamu QBO kan ABOn godhamu irraa of booda nu hin deebisuu jedhanii jiran.
**********
Wayyaaneen Kabajaa Guyyaa WBO, Akka Milinumi Isheetti Fakkeeffachuuf Tattaafatti!
Godina Baalee aanaa Gindhiiritti Mootummaan wayyaanee Dirqiidhaan ummaticha walitti qabatee ayyana Miliniyeemii kabachisiisaa jira. Akkuma kanaaan aanaa Gindhiir Ganda Qonnaan Bultoota Aqqaashaa jedhamutti dheengadda walitti baasee dirqiidhaan kan kabachisiiseefii iftaan immoo Ganda Odaa roobaattiis dirqiidhaan akka walitti qabaman gochaa jira. Haa tahuutii malee ummanni naanichaa ayyannichi kun kan keenya miti jedhanii itti himuu bira darbanii kabajuufis akka fedha hin qabne ifatti itti himanii jiran kun kanaan osoo jiru sabboontonni naannoo kanneeniis haala gaariidhaan guyyaa ayyaana WBO haala gaariidhaan kabajatanii oolanii jira.
**********
Kabajaa Guyyaa WBO!!
Amajji 1 Guyyaa WBO sababefachudhan Mandheni Lalisitu Bilisuma Lakobisa 7, Waligayii Godhatanini aqli gaarin kabajataniru. Ayyaana kana irrattis Walaloo WBO farsani wali dubisaniru.
WBO
Gabruma Nu mitee kunoo jara tokko
Kana Balesu dhafi jaliqabe kaa qabsoo
Darigii kunoo digee keessa ishee balese
Wayyanee balesuf yoom inni caslisee(2)
WBO koo goticha kalacha Oromiyaa
Dubatii jedhe hin bekuu dina offi irra dha’a
Yomiyyu yoo ta'e dukani Oromiya isumani Bariya
Faru Allba
Dhigaa Qabisa'ota sumaaf dhangalaate
Lafen Gotowwani sumaafi cacabide
Sini argu dhan hawwin koo ol kaatee
Hawwin bilisuma dhugomite(2)
Sif jedheni wareega yoommiyyu lubbuu koo
Sif jete yoo ta’e An wareegamuun koo
Hin banee lubbun koo(2)
Alaabaa Oromoo mafi dhabda nan jedha?
Alaabaa dhaf jechun haa baatuu lubun koo
Alaabaa ABO Oli kasii nan jedha
Mulisi nan jedha
Dhiginsi haa lola’u lubuni kos habadu
Amman ol si qabutii jireenya na hin ta’u(2)
Alaba !Alaba! Wada Bilisuma
Kayoo Oromumma sifani waregama(2)
Gadaan Gadaa Milkii; Barri Bara Injifannoo ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Mandhe Lalisitu Bilisuma Lakobisa7
********
Wayyaaneen Ummata Oromoo Jeequuf Yoomiyyuu Hin Ciistu!
Akkuma beekamu jeequmsa yuuniveersiitii Jimmaa fi Yuuniveersitii Arbaa –Miinchiitti dhalchitee Yuunivarsitii Adaamaattis dhalchuuf duula sakaattaa`aa deemsiisaa jirti. Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa halkan keessaa sa`a 8:00tti duula sakattaa`aa deemsiisaa bulte. Sababni isaas T-sheertii alaabaa ABO qabu ayyaanaaf jecha ABO `n maxxansee mooraa galchee jechuun barattoota jeeqaa jirti. Kunnis ayyaana bara 2008 kabajjanii T-sheertii uffattanii faaruu alabaa ABO faarsiitan jechuun jeequmsa guddaa geessisaa jirti. Kanas kan gochaa jiran nama maqaan isaanii Kaasaa jedhamuu fi Addisuu akka taa`aan beekamaadha. Haaluma kanaan lukkeen kun gocha isaanii kana irraa haatattamaan yoo hin deebi`an ta`e taarkaanfii cimaan akka irratti fudhatamu sabboontoti Oromoo akeekkachiisaniiru.