Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oromiyaa Keessaati Ayyaani Goototaa murannoo fi sirna ho'aan kabajame

(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 17, 2008) Guyyaan gootota Oromoo Oromiyaa mara keessa magaalaalee fi baadiyyaa Oromiyaa akkasumas University fi College bakka adda addaa jiranii fi maadheelee ABO biyya jiran biratti sirna howwaan kabajamaa jiraachuun MOA Oromiyaa irraa gabaasa. Akka kanatti Bahir dar Jimmaa fi Dillaa keessatti baratooti Oromoo sirna howwaan ayyaneffatanii Ibsa Ejjetooo armaa gadii baafatan!
 
Gimbii 
Ebila 15 Guyaa gotota illalichisee  Magala Gimibi fi Nanoo ishetii Hala ho'ani kaajamera.
Maadholiin maritinu walitii dhufuni  Eriga dunigoo qabisisatani goota Oromoo bilisummaa saba isaanif kitimaa kafalan yaadatanii,  Galifata Gotowan keenya qabisoo irrata waregamanii bakkaan ni geenya! Gabirummaa darbaan nutti dhufe dhaloota nu boodaatti hin dabarsinu!. Nurratti akka dhaabbatuuf wareegama barbaachisu kafaluuf qophii dha jedhchuun waadaa isaanii haaromsan.Guyyuma kana ayyaana kana irratti fula dura qabsoo kana akkaataa qindoominaan itti fufan irrattis marii bal’aa erga godhaniin booda ilmaan Oromoo bilisummaaf jedhcha mana hindhaa Wayyaanee keessatti dararamaa jiran guyyuma kana itti deemuun dubbisaa turuun isaanii gabaafame.


MOA
 
 
Jimmaa Fi Illuu Abbaa Boora
 
Maadheeleen naannoo Jimmaa fi Iluu keessa jiran, guyyaa gootota yaadatanii ooluun ibsa ejjennoo armaan gadii baasanii jiru.
 
1) Nutii WBO f gaaddisa ABOf riqicha nii taana.
2) Amma kaayyoon ABO galma ga'utti dirqaqama nu irraa eegamu ni baana.
3) Hidhaa fi ajjeechaan qabsoof nu kakaasa malee dubatti nu hin deebisu.
4) Hanga kaayyoon keenya bakkaan gahutti lukkewwan diina  irratti tarkaanfii ni fudhanna.
    
Waamicha Lammummaa
1) Dhaabni Oromoof dhaabbate ABO ta'uu isaa bartanii akka isa cinaa hiriirtan!
2) Bakka WBOn jirutti waan qabdaniin akka itti birmattan.
3) Lukkewwan diinaa garaa keessaniif jecha saba keessan gurguruu irraa akka deebitan, dhaamsa lammummaa dabarsina!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
 
MOA
 
Diillaa
 
Barattooti Oromoo Yuniversity Diillaa Guyyaa Goototaa Ayyaaneeffatanii Olan!
 
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 17, 2008) Ebla 15, 2008 Barattooti Oromoo Yuniversity Diillaa ayyaana goototaa haalaa adda ta'een kabajatan. Baratoonni Oromoo Yuniversitii Diillaa guyyaa goototaa kana yaadatnoo goototaa fi kaayyoo wareegama isaanii irratti erga yaadatnoo godhaniin booda,haala qabsoo goototi kun godhaniif baroota darban maal keessa akka baatee fi turte har’as ammo sadarkaa kamiin irra akka jirtu balinaan erga mariyatniin booda,qabsoo fuula duratti nu eeggatuuf ammo maal goodhchuun akka isaan barbaachisu irratti mare fi muratnoo godhatanii jiru.
Kana irratti dabaluun guyyaa goototaa maaliif akka ayyanefatamuu fi yoom akka ayyanefatamuu jalqabe irratti barnoota gahaa walii kennaa turanii jiru.
Maayyii irratti ummata Oromoo biyya isaa ala jiruu fi biyya keessaa jiruuf dhaamsa armaa gadii kana dabarsanii jiru
1. Goototi nuti baatii Eblaa keessaa  yaadachuuf walitti dhufaa jirru kun eenyu akka tahanii fi maaliif akka wareegaman sirnaan yaadatnee barumsa fudhachuun akeeka isaanii qabannee akka qabsoo itti fufnu haatahu.
 2. Uumatni Oromoos har'a akkuma gootota kanaa amantii, gosaa fi lagaan osoo wal hin hiriin kaayyoo qabatee ka'eef harka walqabatee wareegamuuf of qopheessuu qaba.
3. Uumati har'a kabaja gootota kanaaf qabu kara adda addaan ibsaa jiru kun kan yoomi caalaa gootota faarsuu qofa odoo hin taane goota  ta'ee faarsamuuf jabaatee akka hojatuuf dhamsa keenya nii dabarsina.
Qabsaa'aan ni kufa qabsoon itti fufa!!!
Tokkumma baratoota Oromoo University Diillaa.
Injifannoon Uumata Oromoof!!!
Ebla 15,2008.
 
MOA
 
 
 
Obbo Baayisaa Wayyeessaa kijiba Wayyaaneen yakamanii hidhaatti darbaman.
 
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 17, 2008) Guyyaa Ebla 16, 2008 ganama keessaa sa’aa 11:00 irratti Obbo Bayisaan gareedhaan Baankii daldala Itoophiyaa keessatti hojii odiitii irra jiranii poolisii Federaalaan ukkamfamuun hubatame. Obbo Baa’isaan miseensa garee odiitii seeraa ta`anii hojii isaanii idilee irra turan. Sababni itti kijibaan yakkamanis dhoyiinsa dhuka’aa Finfinnee keessatti dhoofame keessatti  hirmaattee jirta jechuun hidhaatti darbamee jira. Isaan kunniin eenyu akka ta`anii fi Mana murtii irraa ajaja nama qabiinsaa (arrest warrant) kan qaban ta`uu akka mirkaneessan namooti waliin hojjetan gaafatanis namoota dhimma kana gaafatan ifannaa fi doorsisnaan waan deebii kennaniif  dubbii osoo adda hin baafatiin deebi’uun beekame.
Waajjiraa fi mana jireenyaa  Obbo Baayisaan sakata’amuun qabeenya dhuunfaa fi galmee barnootaa da’imaa akkasumas qalama daa’imman  ittin baratan osoo hin hafiin samamuun hubatame.
 
 MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net