(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 15, 2008) Lukkeeleen wayyaanee ummata keessa of dhoksanii ummata basaasuun wayyaaneetti dabarsanii kennuun badhaafamaa turan saaxilaman.
Maddi Oduu ABO, MOAn, akka gabaasetti lukkeeleen kunneen yeroo dheeraaf deeggartoota ABO fakkaatanii gochaa farrummaa kanneen raawwataa turaniidha.
Keessaayyuu, godina Harargee Lixaa aanaa Mi`eessootti jaladeemtoti dhoksaan ummata basaasanii wayyaaneetti kennaa turan keessaa Fufaa Asaffaa fi Garramaa Asaffaa jedhamu. Lukkeeleen kunneen kun basaastota OPDO ta’uun qabsa'ota naannoo kanaa hiisisaa fi reebsisaa turan.
Shira lukkeen wayyaanee kunneeniinis yeroo ammaa kana aanaa Mi`eessoo keessaa namoota nagayaa maqaa ABOtiin walitti hidhata qabdan jedhuun qabanii Zuwaayitti guuraa akka jiran barameera. Akka kanaanis sabboonaan maqaan isaa Bayaan jedhamu magaalaa Mi`eessoo keessaa qabamee gara zuwaayitti geeffamuun dararamaa jiraachuun beekameera.
Naannoo kanatti sabboontoti argaman illee ammaan booda basaastota wayyaanee kunneen beekanii akka irraa of eeganiifi yoo isaan gochaa farrummaa itti jirana kanarraa hindeebine immoo barumsa malchiisu akka kennanuuf akeekkachiisti maadhee aanaa Mi’eessoo irraa darbuu isaa MOAn gabaaseera.
Haaluma walfakkaatuun godina Arsii lixaa aanaa shaashamanneetti ergamtoonni diinaa barattoota hiraarsaa turan saaxilamanii jiru. Akka gabaasa nu gahe kanaatti basaasota barsiiftota fakkaatanii barattoota hiraarsaa turan keessaa kanneen maqaan isaanii beekame, Wayyaa Morkee fi Sodkoree Kadiir ta’uun beekameera.
Basaastoti maqaa barsiisummaa aguuggatanii gochaa diinummaa raawwachaa jiran kunniin armaan duras barataa alaabaa wayyaanee bitate tokkoof qabxii 20 qabaa, kanneen bitachuu didan irraa immoo qabxii 20 kutuun gochaa qaanessaa dalagaa akka turan maddi oduu ABO gabaaseera.
MOA
Kurfiin Kabaja Ayyaana Kittillayyummaa OPDO Karaatti Kufe!
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 14, 2008) Yaaliin guyyaa lukkeeffama miseensota OPDO kan Yuunivarsiitii Haramaayaa keesssatti kabajamuuf ture diddaafi kutannoo sabboontota naannoo sanaatiin akka yaadametti otuu hinkabajamiin hafuun gabaasame.
Maddi oduu ABO, MOAn, Haromaayaa irraa akka gabaasetti barattooti lukkeelee wayyaanee ta’an guyyaa OPDOn ergamtuu gaarii ta’uuf itti muudamte kabajuuf kurfiin yeroo dheeraaf itti yaadamee qindeefamaa ture otuu hinmilkaa’iin mormiifi jeequmsaan karaatti hafee jira.
Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaafa Bitootessa 28/2000 ALH galmaa magaalaa Haarar keessattii kabajuuf barattootaa miseensaa keenyaa jedhan kanneen Yuunivarsiitiicha keessattii argamaan saarvissii (konkolataa) mooraan ganamaa saa'a 12:00irraa kaase hanga waaree saa'a 6:00ttii guuraa oolan. Barattoota walga'ichaa irratti hirmaatan keessaa, garuu, harkii caalaan ykn %75ol saba fi sablammoota yemmuu ta'aan %25 immoo barattoota Oromoo akka ta’an gabaasa MOA irraa hubachuun danda’ameera.
Barattootni miseensummaan kadhimmatamanii walga'ii ayyaanichaa irrattii akka hirmaatan afeeraman keessaa kanneen quuqqaan eenyummaa isaanitti dhagahamu immoo bakkaa walga'ichaa irrattii gaaffii fi arraabsoo jarreen ergamtoota diinaa qaanessu dhiyeessanii, haala yaadamee ture gara mormiitti geeddaran.
Keessaayyuu, diraamaan baatii tokkoof waldaa kirstanaa (Ortodoksii )keessatti hojjetamaa ture, akka dhiyaachuu jalqabeen haala guyyaa sanaa jijjiiruun ayyaana lukkee gara gadda guddaatti akka geeddare oduun nu gahe nihubachiisa.
Taatonni diraamicha keessatti hirmaatan garee lamaatti qoodamanii turan. Gareen tokko ABO yoo ta'uu, kan biroo immoo OPDO ta'ee akka taphatu godhamee ture. Taatota garee ABO bakka bu'an keessaa tokko yeroo, ani hiddii koo Oromoo dha; ani sabaakoofan falma; isiin immoo bakki isin baataniyyuu hin beekamu,jedhu barattootni ayyaanicharratti argaman hundi harkaa rukutuu dhan haqaa jiruu ifaa baasan. Barattootis yaada kanaaf deeggarsaafi tumsa qaban iyyaafi harka rukunnaan yeroo ibsan, bakkaa bu'oonnii fi gagessitootni isaanii waan godhan dhabanii oliif gad kachuufi waawachuu akka eegalan gabaasaan nu gahe hubachiiseera.
Haallen kunneenitti hedduu kan rifatte OPDOn barrattoota miseensa ta'anii gaaffiifi ilaalacha Oromummaa mul’isan keessaa kanneen ‘lakkii ani namaa nagaa barataa obboolessa koo hin baasasnu, jedhaniifi kanneen diraamicha irratti qooda ABO fudhatanii do’attoota irraa kabajaa Oromummaa goonfatan irraa miseensummaa haqaa akka jirtu beekameera.
Taajjabdoonni ayyaana tolfama lukkummaa OPDO kana hordofan gabaasaa keenya Haromaayaatti argamuuf yammuu ibsan, kurfiin kabaja ayyaana OPDO kan kittaanummaa jaarmiyaa OPDO kun diraamaa ABO ittiin maqaa balleessuuf akeekameen dirree bahee salphate jedhanii jiru.
MOA
Diraamaan Haqaa Kijibaan Sabboontota Hidhanii Hiikuu Ta’e!
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 15, 2008) Sirni wayyaanee maqaa seeraan dahatee sabboontota Oromoo hiikuufi hidhuun ammallee itti fufuun isaa gabaasame.
Gabaasaan MOA Bushooftuu irraa akka gabaasetti, sabboontota Oromoo Oromummaa callaan yakkamanii hidhamanii manni murtii wabiin gadhiise deebisanii hidhaafi hiraarsaa jiru. Shira wayyaanee kanaan barataa Geetuu Dhaqqabaa kan manni murtii aanaa Aqaaqii mirga wabii isaa qarshii 5000 eegeefii ture hidhaatti hambiseera. Maatiin isaa wabiif ta’u san erga kaffalanii booda akka hiikamu mana murtii irraa ajajni darbullee ajajaan mana hidhaa Duukam ajaja mana murtii diduu isaatiin otuu hinhiikamne hafeera. Seeraan ala hidhamee dararamaa kan ture barataan kun yeroo ammaa immoo gara dallaa hiraarsaa wayyaanee, Maa'ikalawwitti, dabarsamee hiraarsamaa akka jiru beekameera.
Mana hidhaa Duukamitti reebicha olaanaan miidhamee kan ture barataan kun, yeroo ammaa kana immoo Maa’ikalaawiitti daran reebichaan hiraarfamaa akka jiru maatiin isaa saaxilanii, haala kanas qaamoti mirga namummaafi mirga dhala namaaf falman akka hordofan dhaammataniiru.