OLukkeen Wayyaanee Ummata Saamaa Jirti!
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 14, 2008) Godina Harargee Lixaa aanaa Mi`eessootti ergamtoonni wayyaanee midhaaniifi qoricha gargaarsaa ummataaf arjoomame saamaa akka jiran ibsame.
Maddi Oduu ABO Mi’eessoo irraa akka gabaasetti, ergamtooti wayyaanee godinicha keessatti argaman midhaan gargaarsaa ummata beela’eef dhufe ummataa kennuu dhiisanii ofii isaaniif gurgurachaa jiran.
Akka odeeffannoo kanaatti Bulchaan aanichaa Addisuu Baqqalaa jedhamu midhaan kuntaala 500 mataa ofiitiif gurgurachuudhaan ummtaa beelaan fixaa jira. Yeroo bulchaan wayyaanee kun saamicha ija baase kana raawwataa jirutti ilmaan Oromoo hedduun waan nyaatan dhabanii baala mukaafi tiinii hanga nyaachuutti jiran.
Haaluma walfakkaatuun, dawaa baqattoota Oromoo naannoo Mi`eessootti walitti
qabamaniif fannoon diimaa bifa qarqaarsaan kenne wayyaaneen dhuunfachuudhaan deebisanii ummatatti gurgurataa akka jiran illee saaxilameera. Lukkeeleen wayyaanee kun bakkayyuutti qaricha gargaarsaafi midhaan gargaarsaa kana wayita dhoksanii gurgurachuun horii ummata beela’ee saamaa jiranitti qaamni dhimma kana dhaabu dhabamuun ummati Oromoo hagam rakkoo keessa akka jiru kan hubachiisu ta’uu taajjabdooti ibsaa jiru.
Ummata Oromoo humnaan garboomsuu kan dadhabde Wayyaaneen yeroo beelaafi rakkinaa ummaticha rakkoo caaluuf saaxilanii akka harka kennan gochuuf yaalii gochaa akka turan kan yaadachiise maddi oduu ABO, MOAn, ummati keenyas shira diinaa akkanaa kana hubatee qabsoo olaanaaf akka dammaqee kaka’u sabboontoti dhaamuu isaanii hubachiiseera. Hanga diina ofirraa hinbuqqisnettis rakkoofi dhibdeen walfakkaataa dhalachaafi danachaa akka adeemu illee maddi oduu keenyaa akeekkachiiseera.