Gurraandhala 29, 2008 (Oromiyaa) - Godina Gujii Ona Liiban magaalaa Nageellee Booranaa keessatti sirni wayyaanee basaasota isaa hedduu barattootaa keessatti ijaaruun barattoota akka goolan godhaa jira.
Basaasonni diinaa barattoota keessatti ijaaraman kunneenis dirqama itti laatame bakkaan gahuuf barattoota dharaan hiisisuu fi tarkaanfiileen biroo akka irratti fudhatamtu gochuuf qophii irra jiru. Basaasonni saaxilaman kunnenis, Daadhii Birbirsaa, Moluu Gufuu, Xaahir Huseen, Diqqaa Maallichaa, Guyyoo Agaa, Godaanaa Innee, Saaraa Waarihoo, Galgee Agaati fi barataa Liiban je’aman akka tahan mirkanaawanii jiru.
Ergamtoonni kunneen barattoonni TPLF yoo deeggaruu baattan carraa hujii kamuu akka hin arganne jedhamani doorsisa hamaa barattoota irratti adeemsisuun bira gahamee jiru. Lukkeewwan kunneen hatattamaan dalagaa farrummaa itti jiran irraa akka dhaabbatan Sabboontonni naannoo cimsanii akeekkachiisu.
Sirnii Golessitu Wayyaanee maqaa WBOn naannoo daangaa Suudaaniitti ummata hiraaraa akka jiru dhagahe.
Mootummaan abbaa irraa wayyaanee Dhiha Oromiyaa daangaa Suudaan irra Oromoota jiraataniin WBO dahoo taahaniif himannaa sobaa jedhuun doorsisa ummata irratti adeemsisu hammeessuun gabaafame.
Sabboontonni naannoo roorroo alagaa dhaabsisuuf ummanni Oromoo hidhatee akka sirna Wayyanee ofirara qolatan dhaamsa dabarsu.
Godina Arsii Lixaa Ona Shaashamanneetti barattoonni Oromoo alaabaa lukkee wayyaanee OPDO dirqiin akka bitatan taasifaman.
Ergamtoonni wayyaanee OPDOn barattoonni Oromoo alaabaa isaanii ummata biratti akkaan jibbamtuu dirqiin akka batatan godhuu irratti argamu.
Gama biroon barattoonni Oromoo manneen barumsatti yoo xiqqaate barataan tokko qarshii 700 akka baasu irratti murteeffamuu oduun nu dhaqqabe jira. Kun kanaan osoo jiruu maqaa WBO baafna je’uun Bosonni Gaara Abaaroo tika Wayyaneen ibiddaan barbadaawuun barame jira.
Bosonni Gaara Abaaroo ammaan duras sababuma fakkaataan barbadeeffamuun ni yaadatama.
Godina Gujiitti shira ummattoota walitti buusuu wayyaanen dhalcheen lubbuun namoota 20 galaafatame.
Imaammata qoqqoodanii bituu kan hordofu sirni wayyaanee Godina Gujii Onoota Galaana Abbayyaa fi Amaaroo, naannoo Malkaa Jawwee bakka Jalloo je’amtutti ummata Oromoo gosa Gujii fi saba Amaaroo jiddutti lola qabsiiseen namoonni 20 ajjeefamuu burqaaleen gabaasan.
Kanneen lola hamaa kana keessatti madaawan hedduun ammoo hospitaalaa Bulee Horatti guuramanii wal’aansa gahaa dhabuu irraa rakkachuun hubatame. Walwaraansi ummattoota lameen jiddutti sirna wayyaaneen qabsifame kun Gurraandhaala 21/2008 irraa kaasee haga ammaatti finiinee kan itti fufee tahuu oduun kun ni mirkaneessa.
Poolisoonni Fedraalaa wayyaanee gosoota lameen jidduu naannawuun walwaraansi kun daran akka hammaatu godhaa akka jiran gabaafame jira. Srini wayyaanee ummattoota walitti buusee umrii aangoo isaa dheereffatuun carraaquun ammaas taajjabeera.