Barattoonni Godinaa wallaga Lixaa Barachaa Qabsaa'uu, Qabsaawaa Barachuu Murtteeffatan
Gurraandhala 29, 2008 (Oromiyaa) - Godina Wallaga Lixaa tti, Barattootini mana Barumsa Baabboo Gambeel barumsa isaanii cinatti qabsoo didda gabrumma gaggeessan cimanii akka itti fufaniidha. Haaluma kanaan sochiin barattoota kana kan ishee rifachiisee ergamtootni wayyane Barattoota mana barumsa kutaa Kurnaffaa baratan Miseensa OPDO yoo taatan malee hin baratan jechuun mana barumsaa irraa hari’amaniiru. Namootni hariaman kunis maqaan isanii :
Mika’el Ayana Atomsa
Faris Abdala
Ababa Tamasgen
Mohamed Siraj
Sulxan Tarrafaa
Ifaa Nagaraa
Kadir Kitessa
Gamachu Ayana
Danye Immiru
Magarsaa Tesfaye
Zayinu Kadir
Temam Benti
Sidaq Abara
Biyan Debalo
Sulxan Tafasaa
Isma’el Kadir
Ababaye Tamasgen
Aliyi Jalata
Gamachu Imana ti
Seena keenya hin xureessinu kan jedhan barattootni kun Miseensa Wayyane ta’uu irra mana barumsa dhiisuuf dirqamaniiru. Sabbontonni barattoonni Oromoo M.B. Baabboo Gambeel barattootni ar’aman kun attatamaan akka deeba’an gaafachuun namootni gochaa akkanaa raawwatan gochaa kana irra akka of qusatan akkeekkachisaniiru.
Injifannoon Ummata Oromoof,
waayyaneen shiraa Saba Oromoo fi dinagdee Oromoo irrati gootu
yeroo yeroodhan jabbata jira.Yeroo amma Dargagoon
Oromoo jiruu dhabanii daandii iraa deemaa osuu oolan
warshaa rasaasa hoomihsu kan Amboo jiru keesa akka
hojatan Dargagoo 1000 oli Maqalee fidee warshaa Amboo
kana keesati qacartee jirti.Kan Oromoo garuu mana
hidhaa keesati hirarama jiru.