Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Guraandhalaa 26, 2008

 
Alaabaan jaleen wayyaanee OPDO Godina Baalee keessatti gurguraaf dhihaate ni balfame.
Ergamtoonni wayyaanee OPDOn Godina Baalee keessatti alaabaa isaanii jibbamtuu gurguruuf bobbaafaman ummataan akka salphatan maddeen keenya gabaasan.
Dabballoonni wayyaanee kunneen alaabaa gabroomfattoonni itti kennaan qabatanii dhaadhessuun ummanni akka bitatu yaalan bu’aa malee hafee jira.
Ummanni naannichaa “alaabaan kun kan Oromoo miti, nuti kan barbaannu bilisummaa keenya ibsitu malee alaabaa gabrooffattootatii  miti, yeroo gabaabduu keessatti alaabaa Oromiyaa guutummaa biyya teenyaa irratti ni dhaabbanna” jechuun dabballoota lukkeelee ta’anitti dhaadatanii jiru.
Keessattuu Konyaa Dodolaa keessatti gurgurtaan alaabaa jalee wayyaanee kun mormii hamaa akka dhalche oduun kun ifa godha. Gama biroon walitti bu’iinsa sirni wayyaanee Godina Baalee Ona Madda Walaabuu keessatti Oromoo fi Somaalota jiddutti dhalche sadarkaa hammaataa irra ga’uu isaa maddeen keenya ifa godhaniiru.
 
Magaalaa Dirree dhawaatti jeequmsi dhalachuu maddeen gabaasan.
 
Gurraandhala 23/2008 Sambata dheengaddaa Magaalaa Dirree Dhawaa Saaphiyaan Goorotti mana jereenyaa obbo Hassan Muussaa je’amu diiganii lafa isaa Lammii Tigree tokkoof kennuuf wayta dabballoonni wayyaanee tattaafaatanitti jeequmsi akka dhalate maddeen gabaasaniiru.
 
Shira wayyaanonni dhalchan kanaan jeequmsi dhalachuu caalaa iyyuu, Oromoo fi dhalattootni Tigree D/Dhawaa jiraatan walitti bu’aniiru. Wayyaanotnii fi lukkeewwan isaanii loltoota konkolaataa lama naannichatti erguun Tigrootaaf baabsanii ilmaan Oromoo hedduu hidhaatti akka guuranis barameera.
 
Oromootni Umar Ahmadoo fi  Ibraahim je’aman kanneen hidhaman keessatti argamu.  Obbo Umar Ahmadoo kaampii Kuubaa bakka je’amtutti hidhamee tumiinsa hamaa irratti raawwatameen haala wallaalaa keessatti akka argamu oduun kun ni mirkanneessa.
 
Oromoon magaalaa D/Dhawaas waraana wayyaanee itti bobba’e dhakaan of irraa akka tumes oduun kun dabalee ni hubachiisa.
 
Loltoonni wayyaanee dabalataan konkolaattota afuriin ergamanis  manguddoo fi ijoollee osoo hin jennee tarkaanfii hammeenyaa ummata irratti akka fudhatan maddeen keenya ni hubachiisu.
 
Magaalaa Gimbii-Godina Wallaggaa Lixaatti Oromootni OPDO-tti hin hidhanne Uggurrii Daldalaa irratti muramuun gabaafame.
Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Gimbii keessatti ilmaan Oromoo OPDO waliin hidhata hin qabne hujii daldalummaa kamuu irratti akka hin bobbaaneef shirri irratti dalagamaa akka jiru dhagahame.
Daldaltootni miseensotaa fi dabballoonni jalee wayyaanee OPDO poolisota magaalaa Gimbiin walii galanii keellaalee irratti namoota miseensa OPDO hin taane rakkisaa jiru.
Ergamticha Usman Guddataa je’amu adda durummaan namoota nagaa rakkisaa waan jiruuf hatattamaan dalagaa itti jiru irraa akka dhaabbatu Sabboontonni naannoo akeekkachiisanii jiru.
 
Maadhewwan Sabboontota Oromoo Marii geeggessuun QBO finiinsuuf Ejjennaa fudhatuu gabaasan.
 
Sabboontonni Oromoo maadheelee Erer Kormaa, Najjoo lakk. 430 Jaarraa, Birbirsa Fooqaa fi Cuqqaalaa, haala QBO fi naannoo irratti mari’atuun ibsa ejjennoo baafatan. 
 
Maadheeleen kunneen ibsa walfakkaataa baafataniin, ajaja dhaabni ABO isaaniitti kennu gammaachuun fudhatani kan hujitti ni hiikan ta’u, irree fi gaachana ummata Oromoo WBO cinaa dhaabbachuu kan itti fufan tahuu gabaasan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee ummata Oromoo lafa isaa irraa humnaan buqqisee maqaa investimentiin cicciree gurguruun Oromiyaa balleessuuf jechuun ibsi ABO irraa darbe deggeruu fi qajeelfama isaas hojii irra beeksisa.
Warreen osoo shira kana dhaga’anii, beekaa ummata Oromoo irratti badii dalagaa jiran yeroo isaa eeggatee kan gaabban ta’u maadheeleen kunniin akeekkachiisaniiru. 
Ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkamanii manneen hidhaa gara garaa keessa jiran waan dandahaniin kan deeggaran tahuu ibsuudhaan, ummanni Oromoo keessa alaa dirmannaa lammummaa hidhamtoota Oromoof akka godhan gaafatanii jiru.
Kana malees dhumaatii suukanneessaa baqattoota Oromoo Puntland Boosaasoo irratti raawwatame kan itti gaddan tahuu eeruudhaan, goolessitoonni gochaa hammeenyaa kana ilmaan Oromoo irratti raawwatan seera addunyaa duratti akka dhihaataniif gaafataniru.
 
 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net