(Madda Oduu ABO /MOA/ Caamsaa 5, 2008) Wayyaaneen bakkayyuutti ilmaan Oromoo fayyaaleyyii ademsitee hidhuufi dararuu ishii daran babal’istee akka jirtu gabaasame.
Maddi Oduu ABO Gaambeellaa irraa akka gabaasetti, naannoo Gambeelaa bakka Waankee jedhamuurraa Oromoota 32 qabdee hidhuun mooraa waraanaa Gaambeellaa Karbii jedhamu keessatti dararaa olaanaa irraan gahaa jirti.
Waraanni wayyaanee Oromoota kunneen walitti qabdee kan hiite, miseensa waraana bilisummaa Oromooti jechuun ta’uun illee hubatamee jira.Haata’uutii,Oromooti kunneen namoota nagaafi fayyaaleyyii ta’uu kan ibse maddi oduu ABO, yeroo ammaa kanas mooraa waraanaa Gambeelaa karbii keessatti hiitee dararaa akka jirtu saaxileera.
Namooti qabaman kunneen namoota nagaan jiraanya isaanii gaggefataa jiran ta'uu jiraattonni naannoo sanii illee ragaa ba'aa akka jiran oduun nu gahe kun hubachiiee jira.
Saboota Walitti Buusuun Imaammata Wayyaaneeti!
(Madda Oduu ABO /MOA/ Caamsaa 5, 2008) Wallaggaa Bahaa keessatti walitti bu'insi wayyaanoonni Gumuzii fi Oromoo gidduutti dhalchan itti fufee jira.
Maddi Oduu ABO akka gabaasetti, Wayyaaneen Oromootaafi Gumuzoota walitti buusuun, ummata nagaa dhabsiisaa jirti.
Akka kanaan Ona limmuu Galilaa bakka Harqumbee 02 jedhamutti wayyaanoonni warra Gumuziin hidhachiisuurra darbanii ifiisaanii faana hiriiruun ummata Oromoo naannoo sanii irratti roorrisaa akka jiran. Akka kanaan Oromooti shan butamanii amma ammaatti eessa buuteen isaanii wallaalamee jira.
“Ummata qoqqoodanii nagaa dhoowwuun imaammata Wayyaaneeti,” kan jedhan sabboontonni naannoo sanii “sabooti cunqurfamoo waliif tumsanii diina isaanii cabsuu malee wal dhahuufi wadhabuu hinqaban,”jedhaniiru.
Wayyaaneen Imaammata walfakkataatti fayyadamaa akka turte kan yaadachiisan sabboontonni biroo illee sabooti biyyattii walta’anii wayyaanee kuffisuun madda nagaafi sabatiinsaa akka ta’anillee dhaamsa dabarsaniiru.
Xaa’oon Toonii 273,373 Sadrkaa Isaa Hineegne, Oromiyaa Keessatti Raabsamuuf jedha!
(Madda Oduu ABO /MOA/ Caamsaa 5, 2008) Sirni Wayyaanee xaa’oo daappii Toonii 273,373 kan sadarkaa isaa hineegne biyya alaa irraa galchitee Oromiyaa keessatti raabsuuf akeekkattee hojjachaa akka jirtu saaxilame.
Maddi Oduu ABO,MOAn Oromiyaa irraa akka gabaasetti, xaa’oon biyya Raashiyaa irraa galfamaa jiru hir’ina naayitirojiinii akka qabu baraeera. Xaa’oon ayinaa daappii kun silaa nayitiroojinii harka dhibbaa keessa 46 qabachuu kan irra tureedha. Yeroo ammaa kana kan Oromiyaa keessatti raabsamuuf akeekame immoo harka 30 gadii ta’uun bira gahamee jira.
Yeroo ammaa kanattis sadarkaa xaa’oo biyya Raashiyaa irraa karaa dabballoota wayyaanee gala jiru kana bira kan gahanii hojjattooti ramaddii sadarkaa Biyyattii ta’uun illee beekameera.Haala kanatti sakattaatoonni baay'ee rifatanii akka jiranillee beekameera. Sadarkaa qulqullina xaa’oo kanaa beekuufis
yeroo sadii deddebisanii ilaalan illee kan argame sadarkaan xaa’oo sanaa kan gadi bu’e ta’uu isaati.
Gama biraan karaa Wayyaanotaa haala qaanessaa kana dhoksuufi xaa’oo kunneenis Oromiyaa fi Itoophiyaa kibbaa keessatti raabsuuf shirri xaxamaa akka jiru hubatameera. Akka karoora kanaatti lafti qonnaa Oromiyaafi Ummatoota Kibbaa naayitiroojiinii guddaa waan qabuuf “yoo achitti raabsame rakkoo hinfidu,” jedhamaa akka jiru hubachiisa.
Haata’uutii, yakki akkanaa dinagdee biyyaa miidhuufi jireenya qananii ofittummaa fedhuu wayyaanotaa irraa kan maddaa jiru ta’uu kana hubachiisan ogeeyyoti qonnaa, xaa’oon akkanaa albuuda lafa keessaa kan gubee balleessu waan ta’eef qonnaan bultooti xaa’oo daappii wayyaaneen Raashiyaa irraa galchaa jirtu bifa fedheenuu akka hinbitanne akeekkachhisaniiru.
Xaa'oo Daappii isa jedhamu sadarkaa isaa kan hin eegnee bakka isaa(Ruusiyaa)irraa gatii salphaan bittee Biyyaa keessa galchuuf jechaa oggaa Jibuutii ga'uu warrii sakattaatoota eegaan Wadabaa Jibutii irra osoo jiru qonxoraa xiqqoo(namunaa) isa jedhamuu fudhatanii oggaa sakatta'an ogeeyyota argan illee wayyaanoti garmalee hordofaafi to’ataa akka jirtu barameera.
Karoorri wayyaanee sadarka sadarkaan Uummataa gadi qummunsuu hiyyoomsuu waan ta'eef duraa Qarshii sobaa(Forjidii) jedhamuun, deebitee dahaaba kijibaan, amma immoo Xaa'oo sadarkaa hin egganne isaas kan soba(Forjidii) ummataafi biyya hiyyummaaf saaxilaa kan jirtu ta’uunis mul’ataa jira.
Gama biroon immoo “guddinni dinagdee argamaa jira,” jette soba kan lallabaa jirtu wayyaaneen Uummata biyyatti keessa warra isheef ta'aniifi ishiif ugguuman guddifataa, maqaa isaanii osoo hin dhahiin qabeenya isaanii qabeenyaa biyyaa fakkeessitee ittiin warra bakkee dhufuu gowwomsaa jirti.
MOAn akka xiinxala oduu gabaasetti, ammumallee isa wayyaaneen guddinaa jettee kijibdu kan saaxilu waa hedduudha.Akka fakkeenyaattis,yeroo kana kan ifatti mul'atu namni kan yomiyyuu caalaa baay'ee rakkinaan gidiraa argaa jira.Ibsaan biyyittillee ka durii gaditti deebi'ee kunoo amma torbee keessa guyya lama dabaree dabareen (fereqaa) tajaajila kennaa jira.
Wayyaaneen Mana Ummataa Diigaa, Kijibaa Jirti!
(Madda Oduu ABO /MOA/ Caamsaa 5, 2008) Lukkee Wayyaanee Godina Arsii lixaa aanaa Shaashamannee keessatti manneen ummataa diigaa akka jirtu gabasame.
Gabaasaan MOA Shaashamannee irraa akka gabaasetti,kaabinooti wayyaanee manneen ummataa humnaan erga diiganii booda amma immoo beenya walhiginne kaffalla jechaa jiru.
Maanguddoonni naannaa sanaa garuu sossobbaa wayyaanotaa kana balaaleffachaa jiru. ”Qabeenya ummataa saamuufi jireenya ummataa jeequudha,” kan jedhan sabboontonni kunneen,”tooftaa boochisanii sossobuu akka imaammataatti kan hordofaa jirtu akka ummanni sammuufi qalbii tasgabbaa’een hinqabsoofne gufuu ta’uuf,’ jedhanii jiru.
Kaabinoonni wayyaanee kun yeroo ammaa kana dallansuu ummataa qabbaneessuuf jaarsolii 20 ijaaranii warra manni jalaa diigameef kaffaltii wal hinmadaalle kennuuf fakkeessaa akka jirtu illee beekamee jira.Ummati garuu, “Qabeenya keenya saamaa, nuun immoo hidhaa jiraachuun haga hinhiikanmetti furmaati fullaasaa dhufu hinjiru,”jechaa akka jiru gabaasaan MOA hubachiiseera.