Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Gochaa Bineensummaa Baqattoota Oromoo Irratti Raawwatame

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Ammajii 7, 2008

Guraandhala 5, 2008  galgala keessaa sa’aa 8-tti Puntland, Somaliyaa, magaalaa Bosaaso  keessatti gochaan bineensummaa baqattoota Oromoo irratti raawwatame kan dhala namaa hunda rifaasisee fi gaddisiise dha.  Boombii harkaa baqattoota Oromoo taa’anii mana shaahii lama keessatti vidi’oo Afaan Oromoo ilaalaa turan irratti darbatamee fi kanneen boombii kana irraa dandamatan irratti dhukaasa banameen  baqattootni Oromoo 65  ajjeefamanii  90 ol madaawuun gabaafamee jira. Namoota madaawan kana warri shira kana hojjate irra caalaa isaa makiinaa lama guutuu fe’anii fuudhanii reefka isaanii dhabamsiisaniiru. Kanatti dabalees mana jireenyaa baqattoota Oromoo 250 ol qabeenya waliin ibiddaan dhabamsiifameera. Hunda caalaa tarkaanfii fudhatame kana gochaa bineensummaa dha kan jechisiiu ammoo ilmaan Oromoo boombii itti darbatamee fi rasaasa itti roobsame irraa madaa’anii lubbuun hafan waldhaansa dhorkatuun gamasitti “hospitaala keessaa nurraa baasaa” jechuun baqattoota Oromoo uleedhaan tumanii dirqisiisuu dha. Ilmaan Ormoo kabajaa dhalli namaa argatuu qabu dhorkatamanii, miidhaa irra gaheef  kan gadduuf  dhabanii kan irratti roorrifamaa jiru kanneen diina isaa inniikaa tahaniin akka tahe ifaa dha.  Nama baqatee biyyaa bahe irratti gochaa bineensummaa akkasii raawwachuu caalaatti kan nama suukannessu hin jiru. Waan taheef humni tarkaanfii gara jabeenyaa kana fudhate kun hundaan balaaleffatamuu qaba.

Biiyya Itophiyaa irraa baqattoonni baayyinaan biyyoota ollaatti bahu erga jalqabanii barri isaa dheeraa dha. Baqattootni kun sababa hacuccaa siyaasaa irraa baqataa turan. Har’as kanumatu tahaa jira. Baqattoota kana keessaa harki guddaan ilmaan  Oromoo ti. Ummatni Oromoo dur irraa kaasee qe’ee isaa gad dhiisee kan baqataa turee fi jiru sababa hacuuccaa siyaasaa ulfaataa mootummaan Itophiyaa  irraan gahuu irraa  akka tahe ni beekama. Hacuuccaan baroota dheeraa kun bara mootummaa Wayyaanee ammoo caalaatti jabaatee ummata Oromoo miidhaa jira.  Ilmaan Oromoo warri baqatanii biyyaa bahuu dadhaban biyya keessatti hidhaatti guuramaa akka jiran alagaan iyyuu kan ifatti ragaa bahaa turee fi jiru dha. Dhiheenya kana qondaalli Ol aanaa TPLF/Wayyaanee tokko “manni hidhaa Itophiyaa Afaan Oromoo dubbata”jechuun walgahii biyya Ameerikaatti tahe tokkorratti dubbatee ture. Qondaalli kun yeroo ammaa namoota mana hidhaatti argaman  keessaa irra guddaan dhalattoota Oromoo tahuu isaanii  ibsuu isaa ti. Wayyaaneen ummatoota Itophiyaa hundaa arihatu illee kan  ummata Oromoo irra caalaa ulfaataa fi hamaa tahuu ragaa qondaala ol aanaa Wayyaanee biratti kan biraa barbaaduun kan feesisu hin tahu.

Ummata Oromoo hacuuccaa siyaasaa irra gahu irraa  lubbuu isaa olfachuuf biyya ollaatti baqatu hordofanii  biyya ollaa keessatti tarkaanfii hammeenyaa irratti fudhachuun guddaa kan gaddisiisuu fi suukanneessu dha. Baqattoota Somaliyaa keessaan gara biyya Yamanitti cehuuf osoo yaalani irbaata qurxummii tahaa jiran keessaa irra guddaan ilmaan Oromoo akka tahan wal nama hin falmsiisuu. Namni yoo rakkate malee amna baayyee dheeraa kan irbaata qurxummii isa taasisu hin fudhatu. Daba baqattoota galaanatti naqanii fixuu jabinaan balaaleffatamuu qaba osoo jennuu boombii itti darbatuu fi dhukaasa itti roobsuun ajjeessuun ammoo kan daran garaa  nama gubuu dha. Baqattoota meeshaa lolaa of harkaa hin qabne, kan lubbuu isaanii baafachuuf biyyaa bahan irratti ajjeechaa akkasii raawwachuun gochaa dabeessaa fi bineensummaa ti.

Kanaaf, ABOn gochaa hammeenyaan guutame baqattoota Oromoo irratti raawwatame jabeessee balaaleffata.  Oromoon biyya isaa irraa baqatee biyya ollaa dhaqu keessumeeffamuu fi tajaajilamuu qaba malee ajjeefamuu hin qabu. Murni gochaa kana raawwate seera duratti dhihaatee itti gaafatamuu qaba. Mootummooti addunyaa gocha suukanneessaa kana hubatanii  baqattoota Oromoo dandamachiisuuf tarkaanfii barbaachiftu shaffisaan fudhatuun irraa eegama.  Garee tarkaanfii kana baqattoota Oromoo irratti fudhattees seeratti dhiheessuu keessatti gaafatamummaan mootummaa gochi kuni biyya isaa keessatti raawwatamee fi mootummaa diina Oromoo taate, Wayyaanee akka taate hubachuus qaban. 

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo.


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net