Tokkummaan Barattoota Oromoo Shawaa Lixaa daba saba Oromoo irratti raawwamu balaaleffate.
(Madda Oduu ABO/MOA/, Caamsaa 7, 2008) Mootummaan wayyaanee gochaa hammeenyaa fi dhiibbaa adda addaa ummata Oromoo, barattootaa fi hidhamtoota Oromoo irratti raawwatu jabeessee itti fufuu ibsanii, gochi cubbamaan kun hatattamaan akka dhaabbatu gaafatan.
Mootummaan cunqursaa wayyaanee hidhamtoota Oromoo manneen hidhaa keessatti argaman dararaa adda addaa irraan ga’uu caalaa iyyuu, nyaata dhorkatee adabaa jira jechuun gochicha cimsanii mormaniiru.
Biyyootnii fi jaarmotni mirga dhala namaaf falman, Tokummaan Mootummoootaa fi kanneen biro mootummaa wayyaanee irratti dhiibbaa feesisu akka godhan, akka dirmatan Tokkummaan Barattoota Oromoo Shawaa Lixaa gaafataniiru.
Paartileen siyaasaa biyya keessaa walabummaan socho’an kanneen akka WFDO, Gamtaa Dimokraasii fi kanneen biros akka nuu dirmatan jechuun gaafataniiru.
Ilmaan Oromoo gowwoomsaa wayyaanee fi jalee OPDOn dogoggoranii karaa irraa maqan yeroon gara qabsoo saba isaaniitti akka deebi’anis gaafataniiru.
Sab-boonaan Oromoo Taajuddiin Sheek-kaliif jedhamu waraana Wayyaaneen ajjeefame.
(Madda Oduu ABO/MOA/, Caamsaa 7, 2008) Waraanni faashistii wayyaanee sab-boonaa Oromoo obbo Taajuddiin Sheek Kaliif jedhamu haala suukanneessaa ta’een ajjeesuu maddeen gabaasan. Tarkaanfii gara jabinaa kana kan irratti fudhatan magaalaa Artisheekitti daldala irraa yeroo galu keellaa bonbaas jedhamu irratti.
Loltootni wayyaanee obbo Taajuddiiniin kan ajjeesan qabanii qabeenya isaa saamuun tumiinsa ulfaataa irratti raawwatanii ti. Erga reebanii ajjeesanii booda ija isaa keessaa baasuun konkolaataan karaa irraa fageessanii gatuun dalagaa faashistummaa dhala namaaf hin malle irratti raawwatan. Jiraattotni naannoo reeffa obbo Taajuddiin arguun warra isaa iyyaafachuun akka galchan oduun nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Baha Harargee Onoota Meettaa, Dadar fi Gooroo Gutuu keessaa ammo humnootni tikaa fi poolisootni federaalaa wayyaanee maanguddooota, hawwanii fi kaa’imman Oromoo ta’uu qofaan yakkanii hidhaatti guuraa jiran.
Haluma kanaan Ona Dadar, Qobboo fi magaalaa Dadar keessaa Oromoota baayyee mana isaanii sakatta'uun mana keessaa fi dhaaba manaa hunda qotanii meshaa waraanaatu jira jachuun dararuu irratti argamu. Qabeenya ummataa saamaa kan jiran yeroo ta’u, namootni 300 ol ta’anis hidhamaniiru.
Dabballootni wayyaanee barattoota Oromoo Yunversitii Diillaa dharaan yakkuuf shira itti xaxaa jiran.
(Madda Oduu ABO/MOA/, Caamsaa 7, 2008) Yunversitii Diillaatti gubachuu gamoo Saawwaa jedhamuun beekamuun wal qabatee dabballootni Wayyaanee barattoota Oromoon isintu gube jedhanii dharaan yakkuuf hojjechaa jiru.
Gamoon gubate kun barattoota 260 kan qabatu oggaa ta’u, qaamni gube kan hin beekamne ta’u illee, dabballootni Wayyaanee garuu barattoota sab-boonummaa qabaniin isin warra deggertoota ABO tu gube ittiin jechuun dubbii itti barbaadaa jiru jedha oduun nu dhaqqabe.
Sababa kanaan mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo barmoota irraa ari’uuf olii fi gadi jechaa jiraachuu isaaniitu bira ga’ame.
Barattootni Oromoo gochicha keessaa akka harka hin qabne ibsaa, tarkaanfii seeraan alaa fudhatamu barattootni cimsanii akka hordofanii fi morman dhaamsa waliif dabarsaniiru.