11.Gowwoomsaa mootummaan wayyaannee yeroo ammaa umrii bittaa ofii dheerefachuu filannoo dhufaa jiruuuf of qopheesuf jecha qotee bulaa Oromoo maallaqa xinnaan sobaa qarshuma isaanii balbala duraatin irraa guuranii balbala duubatiin fidan itti laachudhan bu’aan doorsisaa akka qotee bulaan gamtaan ba’ee filuuf toftaadhan qabsoo ilmaan Oromoo cabsuuf toftaa ummatan waan ta’eef qotee bulaa fi warrii bu’aa adda addaa wayyaannee irraa argachuudahf jecha qabsoo saba keessanii bu’aan jijjiiraa jirtan toftaa diinnii isinitti dalagaa jiru waan ta’eef akka irraa of-qusatanii diinatt fuulefattan isin beeksifna.
Gaaffileen eeraman kun sirnaan hanga furmaata hin argannetti nagaa,misooma fi dimokiraasiin waraqaa fi faaruu afaanii bira darbanii dhugoomuu hin dandahani;Oromoon ammoo bifa kamiinuu falmachuuf eeyyama eenyuunuu hin gaafatu!!
II.Dhaamsa SBOBA Qaamolee adda addaatiif:
1. Dhaamsa waliigalaa Oromoo Maraaf
Seenaa Gabrummaa Oromoo bara dheeraa fi seenaa dammaqinsa Oromoo bara gabaabaa waliin yoo madaalame sadarkaa QBO irra jiru sadarkaa boonsaa fi kan hamilee qabsoo finiinsu tahuu beekuun hubannoo SBOBA yeroo ammaati.Kanaafuu kana beekuun bakka jirruu hamileen qabsoo finiinsuun ka’uun dirqama Oromoo maraa ta’a.Yoo kana hin taane umuriin gabrummaa akka nurratti dheeratuuf hayyamuu ta’a.Keessattuu haala gabroomfattootni jaarraa gabrummaa kan biraa nurratti ida’uuf akka jabinaan dalagaa jiran filmaata yeroo darbe Impaayerittii keessatti ta’e irraa eegalee sochii isaan godhan irraa ifatti calaqqisa.Kana xiinxala keessa galchinee jabinaa fi murannoon akka kaanu Oromoo maratti dhaammanna.
2. Oromoota biyya keessaatiif
Akkuma beekamu galma gahuun qabsoo tokkoo gamtaa fi tokkummaa saba gabroomee irratti hundaa’a;kanaaf gamtaa fi tokkummaa jabeessuun barattoota Oromoo waliin FDG finiinsuun diinota keenya kan ammaas ta’e kan hegeree dura akka dhaabbattan waamicha lammummaa isiniif dhiyeessina.
3. Dhaabbilee Oromoo hundaatiif
Yeroon kun yeroo yaada garaa-garummaatti bakka kenninee osoo kun hin hiikamiin hin qabsoofnu jennu ykn yeroo itti waldura dhaabbannu yookiin dhaaba haaraa ijaarru miti;hangam yoo yaadaan addaan fagaatamellee waan tokko waliin qabaachuun hin haalamu.Innis akka oromootti diinota(sirna gabroomfataa fi farra qabsoo bilisummaa oromoo) kan ammaa fi kan hegeree walitti qabaachuu dha.Kanaafuu, garaagarummaatti bakka kennuu dhiiftanii diinota keenya irratti ka’uun qabsoo akka finiinsitan maqaa Gootota Oromoo Kaleessa Qabsoo kanaaf wareegamaniitii fi ammas wareegamaa jiraniin dhaamsa lammummaa isiniif dabarsina.
4. Oromoota Oromiyaa Ala jirtan maraaf
Bifa adda addaatiin qabsoo bilisummaa oromoof hirkoo tahuun keessan beekamaadha;kanaafuu yaada dhaabbilee siyaasaa adda addaatiin faffaca’uu dhiiftanii gamtaa fi tokkummaa keessan jabeessuu fi kunuunsuun shira farra tokkummaa fi qabsoo oromoo ofirraa ittisuun hirkoo qabsoo bilisummaa Oromoo tahuu keessan qabatamaa fi ciminaan agarsiisuu akka itti fuftan maqaa qabsoo kanaatiin dhaamsa lammummaa isiniif dhiyeessina.
5. Beektotaa fi hayyuuwwan Oromoo hundaaf
Bakka gahuu qabsoo bilisummaa Oromootiif hirmaannaan keessan murteessaa tahuun beekamaa dha;akkuma qorannoo adda addaatiin QBO ilaalchisee sadarkaa addunyaatti carraaqqii firii guddaa argamsiisee fi argamsiisaa jiru gochaa jirtan,tokkummaa fi murannoon garaagarummaa dhaabbilee siyaasaa Oromoo jidduu jiru dhabamsiisuu irratti daran akka tattaafattan ulfinaan isin hubachiifna.
6. Oromoota Diina waliin hiriirtanii jirtan hundaaf
QBO bu’aa bahii hedduu keessa dabree sadarkaa dammaqinsa olaanaa gahee kan jiru ta’uun isin jalaa kan dhokate miti jennee amanna;galma gahuun QBO kan shakkamu otoo hin taane yeroon itti mirkanaahu gahe jechuudha.Kanaafuu, kana hubattanii yeroodhaan gochaa farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’e irraa of qusattanii gara saba keessanii gortanii fi kanneen hidhattan ammoo qawwee isin harka jiru diinatti garagalchitanii diina saba keessanii kana hundeen buqqisuuf murannoon qabsoo kanarraa qooda fudhachuun itti gaafatamummaa borii kan isiniif hin oolle jalaa akka of-baraartaniif waamicha lammummaa isiniif goona.
"Bilisa taanee dhalannee bilisa taanee jiraachuu dhorkamne;garuu bilisummaa keenyaaf qabsaawaa du'uu irraa nu dhorkuu kan danda'u humni tokkolleen hin jiru,hin jiraatus!"
Sochii Barattoota Oromoo Baha Afrikaa (SBOBA)
Ebla 29, 2008