Abdii fi gaachana Uummata Oromoo kan ta’e WBO dinagdeen jabeessuuf sochii gochaa jiran daran cimsanii itti fufuuf, waadaa isaani irra deebi’anii kan haaromsan yemmuu ta’u ,waltajjii kana irraas tinnis gahaan argamee jira,gargaarsi tahe kunin cimina ABO/WBOf akka oolu taasinii jiru.
Itti gaafatamaan ABO konyaa Nezeralaad Jaal Gizaachoo Barbaadaa ,hirmaattoota ayyaana kanaaf haasaa godhaniin,imaanaa gootwwaan wareegamtoota keenya nutti dabrsan galmaan gahuuf, hawaasa Oromoo Nezerland gidduutti,afuura tokkummaa fi Oromummaa ,daran cimsannee kallacha qabsoo keenya kan ta’e ABO cinaa dhaabbachuun dirqama lamummaa keenya kan yeroon gaafataa jiru gamataan akka baanu jechuun hawaasa Oromoo konyaa Nezerlandiif yaamicha dhyeessaniiru.
Jaarsoolii sirna kabaja ayyaana kanarratti argaman keessaas Obbo Abdulfattaa Ibirahimii fi Obbo Daawiit Phaawuloos dabareen haasaa godhaniin gootowwan keenya qaqqaaliin, kaleessa bilisummaa saba isaaniif jecha, dhiiga isaanii dhangalasanii lafee isaanii caccabsan, dhalootni har;aa odoo imaanaa isaanii lafatti hinganne, qabsoo lammii isaaniitti tokkummaan birmachuun akka galmaan gahuu qaban,himimaan isanii dhangalaasaa adaraa jechuuun hirmaatootaaf dhaamsa dabarsaniiru.
Artistii Oromoo beekamtuu,qabsooftuu fi Jallattamtuu kan taate Hangaatuu Baalchaa,sirbootaa ykn welleelee gootota faarsaniif kaa biroo hedduu dhiyyeesuun, hirmaattoota ayyanichaa haalan onnachiisaa fi bashanansisaa oolteetti.
Kanamalees atileetii Oromoo beekamaa kan ta’e Gaaddisaa Abbabaa, dhiyeenyatti mootummaa gabroonfataa abashaaf fiigee alaabaa diinaa hinuffadhu jechuun, biyya abbaa isaa Oromiyaa gadhisee kan bahe yemmuu ta'uu ,innis gamasaatiin sirna kanarratti argamuun walleelee qabsoo fi aadaa hirmaattoota hawwatan dhiyeessuun gammachiisaa ooleera.
Artistii fi atileetiin Oromoo beekamaa kun yeroo ammaa kana gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa gartuun wayyaanee uummata Oromoo irrattii raawwachaa jiru saaxiluun, yeroo adda addaa gazeexoota biyya Nezerland gurgurdaa irraatti ibsa bldhaa kennaa ture.Hawwii fi fedhiin isaa gara fulduraas injifannoo boonsaa galmeessee, alaabaa Oromiyaa moggeen lamaan diimtuu uffatee dirreetti muldhachuun,rakkoo lammii isaa adunyaatti beeksisuu akka ta’u kanaan dura ifa godheera.
Dabalatanis hundaa ol ijaaramuun uummata keenyaa fardii ta’u isaa fi umurii gabrummaa gabaabsa yaadni jedhu J/Bakkaanga’a Margaa barreessaa ABO konyaa Nezerlandiin dhiyaatee fudhatama kan argate yemmuu ta’a, waraqaan qoranno dhaamsa gootota wareegamtoota keenya yaadachisaniis
J/ Dr. Baaroo Qannoon dhiyaatee hirmaatootni hubannoo gahaa akka argatan taasifameera. walalooleen gootowwan waregamtoota keenya faarsanis dabalataan dhiyaataniiru.
Sirna kabajaa ayyaana kanarratti Miseensootnii Adda bilisummaa biyyaaleessa Ogadeeniyaa fi Uummattoota kibbaa akkasumas affeeramtoota lammiilee Nezerlaand argamuun dabareen haasaa godhaniin tumsa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamuuf deeggarsa barbaachisu akka godhan mirkaneessaniiru.
Sirni kabaja ayyaana kanaas kan eegalame akka aadaa Oromootti eebba manguddotaatiin yemmuu ta’a ,gootowwaan wareegamtoota keenyaaf yaadannoo gaddaa daqiqaa muraasaaf erga godhamee booda, dungoon jaarsooliin qabsiifameera.
Dhumarraattis sirni kabaja guyyaa gootota Oromoo konyaa Nezerlaand kan xumurame ibsa ejjannoo qabxii 10 of keessaa qabu baafachuun yemmuu ta'uu ,tumsa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hoogganamu cinaa hiriirree dirqama lamummaa keenya fulduratti gamataan ni baana murte jedhu fudhachuun akka ta’a gabaasa maddi keenya Nezerlandi nuuf erge irraa huabchuun danda’ameera.
Guyyaa Gootota Oromoo Sababeeffachuun
Ibsa Ejjannoo Misensootaa Fi Deeggartoota ABO Konyaa Nezerland, Akkasumas Hawaasa Oromoo
Nuti Miseensootnii fi deeggartootni ABO Konyaa Nezerland Guyyaa gootota Wareegamtoota Oromoo Ebla 12/2008 sirna addaa fi midhagaan kabajjannee oolleera.
Guyyaan kun nuuf dhalataa Oromoo Maraaf guyyaa addaati. Ormiyaa afaan qawween nurraa fudhatamte deebisaanii, Oromoo abbaa biyyaa gochuuf lubbuu isaanii jijjirraa hin qabne gootowwaan Oromoo qaqqaaliin kan wareega boonsaa kaleessa guyyaa itti baasanidha.Ammas baasaa jiranidha.Kanaaf nuti miseensootni fi Deeggartootni ABO Konyaa Nezerland akkasumas Hawaasani Oromoo Nezerland tokkumaan walitti dhufnee guyyaa kana kabajachuun, ibsa ejjannoo qabxii 10 of keessaa qabu gamataan baafanneerra.
1. Kaayyoo gootowwaan wareegamtoota kenyyaa qaqqaliin Oromiyaa Kaabaa,kibbaa ,bahaa,dhihaa akkasumas gidduugaleessarraa, bilisummaa saba isaaniif jecha lubbuu isaanii geeddara hinqabne itti kaffalan galamaan gahuudhaaf ,Oromiyaa afaan qawween nurraa fudhatamte afaan qawween deebisnee harkatti galfachuuddhaaf, dirqama nurraa eeggamu bahuudhaaf, maqaa goototwwaan waregamtoota keenyaan, irra deebinee waadaa keenya ni haromsina.
2. Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo halakanii guyyaa dinaan gaarreen Oromiyaa keessatti hudhee walqabaa jiruuf kabaja guddaa qabna.Kana waan waan taéefis kan yeroo kamii caalaa yeroo ammaa tokkummaa Uummata keenyaa jabeeffannee ,gama dinagdeen daran WBO cimsuudhaaf maqaa gootota wareegamtoota keenyaan waadaa ni seenna.
3. Tokkummaan saba keenyaa hundaa ol fardii taúusaa hundi keenya waan itti amanneef hawaasani Oromoo konyaa Nezerland ,amantiin ,kutaanii fi Jette jettee xixiqqoon odoo wal hin harcafne adeemsa qabso bilisummaa saba keenyaatti makamnee, filmatni saba keenyaa maal taá issa jedhu waan hubataa dhufneef ,tokkummaa amma muldhataa jiru kana caalaatti jabeessinee fulduraatti qabsoon keenya akka furgugaúuf kallacha qabsoo keenyaa kan taé ABO gama hundaan akka jabessinu irra deebine waadaa keenya ni haromsina.
4. Oromiyaa hawwaa jirruu kan harkatti galfannu kaan humnaan, kaan qabeenyaan, kaan beekumsan, gama dandeenne hundaan walitti dhufnee, qabsoo keenyaaf Ilaalcha adunyaan Oromodhaf qabu geedaruudhaf lafa jirru hundatti rakkina Oromo beeksiisuf akka ambasadara Oromoo fi Oromiyaa taanee dirqma nurraa eegamu ni baana.
5. Nuti miseensoostni fi deeggartootni ABO Konyaa Nezerland, murtii fi kutannoolee GS ABO 3 ffaan dhiyeenyaatti dabarese guutummaatti fudhannee hojiirra ni oolchina.Akeekaa fi karoora bahe fiixaan baasuuf murannoon irratti hojjanna.
6. Dhaaba keenya ABO gama dingadeen jabeessuun fariidii taúu isaa hubannee jirra.Kana waan taéefis nuit ammaarraa kaafnee dhaaba teenna dinagdeen utuubuuf sagantaa gara garaa baafannee akkuma sochooáa turre, fuldurattis kana daran jabeessinee itti fufna.
7. Gooticha waraana Bilisummaa Oromoo guutummaa Oromiyaa keessati tarkanfii fudhataa jiru haalan dinqisifachaa ,WBO daran jabeessuuf karoora dhaabni keenya baase guutummaatti ni deeggarra.Dinagdeen WBO jabeessuuf halakanii guyyaa irratti hojjanna.
8. Beellii yeroo ammaa Oromiyaa keessatti lammii keenya fixaa jiru, imaammata badaa mootummaan weerartuu wayyannee hordofaa jirtu taúusiaa hubannee jirra.Gochaa suukaneessaa uummata keenya kanarrttii rawwatamaa jirus cimsinee balaalleeffanna.Haaluma kanaanis gochaa hameenya dorgomaa hinqabne uummata keenyarra gahaa jiru kanas hawaasa adunyaaf saaxialuuf cimisinee irratti hojjanna.
9. Mootummaan wayyaanee ammaas hidhaa fi ajeechaa uummata keenya irraatti raawwachaa jiru daran cimsee itti fufee jira.Keessattuu yeroo ammaa kana, kan biyya keessaa hanqannaan biyyoota ollaa keessatti illee bakka baqatanitti nagaan jiraachuu hin dandeenye.kanaafis ajeechaan jumlaa dhiyeenya kana Bosaasootti uuammata keenya irratti rawwatametti hedduu gaddineerra.Gochaa bineensummaa mootummaa shiftaa wayyaanee kana cimisinee balaalleeffanna.Gochaa suukanessaa wayyaanee kana mootummoota adunyaa fi dhaaboota mirga dhala namaa falamaniif kan adnuyaatti, bakka jirruutti cimisinee akka gamataan iyyaannu Oromoota maraaf yaamicha keenya dabarsina.
10. Dhaabotni Oromoo bilisummaa Oromiyaaf qabsaáa jiranis , gargarummaa xixiqqoo gidduu isaanii jiru gara cinaatti dhiisanii, tokkuummaan waliigalanii diina isaanii wayyaannee uuammata keenna lafarraa fixaa jiru irratti akka fulleeffatan yaamicha Oromummaa dabarsinaaf.
Injifannoo Uummata oromoof!
Kaayyoo gootowwaan wareegamtotini keenya kufaniif galamaan ni geenya!
Miseensootni. fi degartota ABO Konyaa Nezerland


