(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 14, 2008) Godina Gujii aanaa Adoolaa magaalaa Adoolaatti mootummaan wayyaanee barattooti dirqamaan miseensa OPDO akka tahan yaaliin gochaa jirtu fashaluun gabaasame.
Humnaan barattoota miseensomsuu aadaa kan godhatte wayyaaneefi lukkeen ishii ammallee barattoota miseensa ta’uu didan doorsisuufi bilisummaa barnootaa sarbaa akka jirtu barameera.
Gabaasaan MOA Adoolaa irraa akka hubachiisetti, lukkeen wayyaanee Mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa Gola barattootaa keessa naanna`uudhaan barattoota doorsisaa jirti. Barattooti yoo miseensummaa hin guunne barattanii garri isin geettan hin jiru; kanaaf, miseensa OPDO ta’aa; carraa egerees tolfadhaa! jechuudhaan barattoota sodaachisaa jiran.
Barattooti sabboontonni, garuu, kan garaa isaaf jedhee miseensa diinaa ta’uu goobanaa callaadha; goobanummaan seenaa fokkisaa itti qaana’an malee kan irra deebi’an miti, jechuun ergamtoota wayyaanee qaanessaa akka jiran barameera.
Diddaa barattoota Oromoo kanatti kan aaran ergamtooti diinaa immoo barattoota sabboontota ta’an waamanii sodaachisaafi doorsisaa jiran. Foddaa wayyaaneen ittiin Oromiyaa ilaaltu, kan taate OPDOn akkuma amala ishii barattoota baranoota irraa aryachuuf shira xaxaa akka jirtus maddi oduu ABO hubachiieera. Barattooti Oromoos doorsisa diinaaf otuu harka hinkennine qabsoo isaanii isa diddaa garbummaa daran akka finiinsan sabboontoti dhaamaniiru.
ABOnis guyyaa gootota Oromoo ilaalachisee dhaamsa dabarseen, diina akka ummataatti nu diineffatee lafa irraa nu haxaaa’uu barbaadu jala guyyaa tokko illee buluu caalaatti salfachiisaan hin jiru, jedhee jira. Ummati Oromoos bakkayyuu irraa haala ulfaataafi jabaa keessa jiramu kana hubattee QBO isaa daran akka finiinsitu ABOn waamicha isaa irra deebi’ee dhiyeessuun niyaadatama.