Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan wayyaanee Magaalaan Bakkoo karaa meeshaan Waraanaa WBOf itti seenuu jechuun humna Tikaa isaa bobbaasee ilmaan Oromoo sababa addaa addaan  saamuu fi hidhaatti guruu itti fufe.

(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 24,2008) Humnoonni  Tikaa Wayyaanee meshaa waraanaa binna jedhanii namoota Sivilii meeshaa waraana adaldalan fakkaatanii Godina Shawaa Lixaa magaalaa Baakkoo Tibbee kessaa ilmaan Oromoo mana dhidhaatti guuraa jira.

Humnootiin Tikaa kun magaalaa Baakkoo fi nannoo ishee keessatti kana bobba'an yeroo ta'u meeshaalee waraanaa erga bitanii booda namoota irraa bitan mana hidhaatti guuraa jiru . kana malees namoota kaan ammoo irraa bituuf beelamanii erga saamanii booda nama hidhaatti darbataa jiraachuu maddeen gabaasa.

Haala kanaan saamamanii yeroo ammaa mana hidhaatti kan dararamaa jiran namoota sadiii yeroo ta'an, Magaala Bakkoo irra Qamara Abdoo, arfan magaalaa Tibbee irraa immo Gazaahenyi Taasuu namoon jedhaman ammoo kanneen meeshaan irraa bitamee amma mana hidhaa keessatti dararamaa jiran.

Mootummaan wayyaanee Magaalaan Bakkoo karaa meeshaan Waraanaa WBOf itti seenuu jechuun irratti fullefatee akka jiru maddeen keessa beekan saaxilaniiru. Humnootiin Tikaa wayyaanee kun namoota biroon ammoo meeshaa waraanaa kana bittu jechuun nammoota fedha argisiisan hidhaatti guuraa jiru.

Ummati magaalaa Bakkoo Tibbee fi maddeen dhimma kana kessaa beekan akka saaxilaniti toftaan dulloomaa wayyaanee kun bakka biraattis ittiin hojjetamuuf waan yaadamaa jiruuf dursanii damaquun  ilmaan Oromoo namoota Tika wayyaane ta'an kana irraa akka ofi eegan dhamaniiru.

**********

Gamtaan Atileetota Oromoo Idil-Addunyaa waldorgomii fiigichaa  Brussels relay marathon Fulbaana 20,2008 Brussel keessatti adeemsifame irratti atleetonni Oromoo, maqaa Oromiyaatiin hirmaachudhaan dorgoman saffaa ba'uun  mo'ataniiru.

(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 24,2008) Waldorgomiin kun baay'ee Cimaa fi gareelee 500 kan hirmaachise yeroo ta'u,  gareen tokko namoota jaha jahaan kan ijaarme. Haluma kanaan gareen Oromiyaa Atileetota Jaha of keessaa qabu gamtaa Atileetiksii Oromiyaa Idil-Adunyaa bakka bu'uun kan dorgome 3ffaa ba'uun injifannoo boonsaa galmeesisee jira.

Gamtaan Atileetiksii Oromiyaa Idil-Addunyaa baruma kana keessa hundaa'e yeroo jalqabaa Magaala Antwerpen,Belgiyeem keessatti waldorgommii godhamee irratti hirmaachudhaan 1ffaa bahuun ni yaadatama.

Kaayyoon Gamtaa kanaa inni guddaan atleetota Oromoo biyyaa adda addaa jiraatan walitti fiduu fi wal-dorgommii idil-addunyaa irratti qophaa'an irratti hirmaachudhaan biyya keenya Oromiyaa beeksisuu dha.

Kana malees Gamtaan kun, beela Oromiyaa keessatti uumamee jiru ilaalchisee yeroo gabaabaa keessatti magaalaa Antwerpen itti wal-dorgammii ispoortii qopheessee sagantaa madda galii tokko uumuuf hojjachaa jira. Kanaaf, Oromootni hundi galma gahiinsa  karoora kanaaf akka tumsan kabajaan gaafata.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net