Hawaasi Oromoo Melbourne Australia Jila Mootummaa Wayyaanee Salphsee!
(Madda Oduu ABO/MOA/, Caamsaa 6, 2008) Jilli mootummaa Wayyaanee bakka bu’ee motummaa Australia fi hawaasa Ethiopia waliin dubbachuu dhufe Magaalaa Melbourne keessatti hawaasa Oromoo,Ogadenii fi Ertirea akkasumsa sabaaf sablammoota biroon salphina goonfate.
Gaafa Caamsaa 6 bara 2008 malgaalaa Mlebourntti jilli Wayyaanee kun ummattoota Ethiopia walgahii yaamee akka amala isaa democracy dharaan kijibuuf karoora baafate, guyyaa kanatti hawaasi Oromoo,Ogaadeen,Ertiria fi sabaa fi sablammooti Ethiopia gariin hiriira mormii sirna kanaa fi ergaa ergamtootaa kana dura dhaabachuuf yaamicha godhaniin hiriirri haalaan howaa fi mormiin kan guute bakka galma walgahiif Wayyaaneen yaamtetti tahe.
Hawaasi Oromoo hiriira kana dursee achitti argamuun dhadannoo sirna mootummaa wayyaanee balaaleffatuu fi saaxilu dhageessisaa sa’aa lamaa oliif erga turee ergamtooti Wayyaanee gama galma sanii yeroo dhufan Oromoon aarii gabrummaa fi cunqursaan dararamee biyyaa bahe ergamtoota kana ijaan arguu jibbuu irraan kan ka’e hanga baqatanii dheessanitti dhaanuu fi salphisuun qaanyiin naannoo san irraa akka dheessutu godhan. Mormii fi balaaleffatnaan akka jabaateen human Police mootummaa Ausralia heddumminaan haala kanatti dhaqabee Oromoota aarii gabrummaan guutamee fi roorroo Wayyaaneetti aaree jiru hiriira kana jidduu galanii akka reebichaan kana irra akka hin dhaannee fi balaa guddaa irraan hin geenyeef haala kana qabaneessuu dandayee, Hawaasi hiriira barhe hiriira fi mormii isaa akka itti fufuu dandayu murteesse, sana booda sabooti akka Ogaadeen,Ertiria fi Ethiopia heddumminaan hiriira kanatti dablamuun balaaleefannaa, weedduu warraqaa addaa addaa kan tokkummaa Oromoo fi gootummaa Oromoo faaru,kan sirna nama nyaataa Wayyaanee abaaruu fi saaxila sirna muutummaa TPLF hanga galgalaatti itti fufan.

Akkuma mormiin kunii fi heddumminni ummata sirna Wayyaanee balaaleffatuu dabalaa dhufeen Poolisiin mootummaa Australia ummata nagaa barbaacha hiriira kana irra jiruu walitti qabuun oduu gammachiisaa fi injifatnoo hime.” Kunis rakkoo fi gaaffii keessan hubanne,dhibdee mootummaa Ethiopia waliin qabdanii fi wal mormii isin jidduu jirus gahaatti hubachuun keenya irraa kan ka’e murtii dhimma kana irratti dabarsinee jirra murtiin kunis, Jilli mootummaa Wayyaanee biyya Australia dhufe guyyaa gaafasiis tahe yeroo kamuu magaalaa sanitti walgahii kamiinuu akka godhchuu hin daneenye mootummaan murtii dabarsuu isaa policen ibsa kenne”. Mormiin ilamaan Oromoo fi cunqurfamtooti biroo godhan mootummaa biratti battala fudhatamaa fi dhageettii argatee kaayyoo Wayyaaneen bobbaateef hanqisuun Injifatnoon Oromoof fide.

Oromoon biyya hunda jiru fakkeenya kanaa fudhatee biyya borxaan saamamne borxaan deeffachuuf tokkummaa isaa eegatee walgurmeessuun yoo Wayyaanee jala dhaabbate dhageettii biyya lafaa fi saba addunyaa argachuuf darbees lollee bilisoomuuf karaa jalqabaa waan taheef bakka jirutti jabaachuun waajiba.
Gutummaa gabaasaa kanaa dhagahuuf ykn do’achuuf
1. Radi’o hawaasaa zzz Melbourne
2. SBO
3. TV Gaadisa Dhugaa
Irraa fuula duratti akka argamu dursinee beeksfna.
Injifatnoon Ummata Oromoof!