"Gabaa Sirreessuu" maqaa jedhuun, Wayyaaneen Ummata Oromoo deege biyya isaa irratti deege jeeqaa jirti.
(Madda Oduu ABO/MOA/,Caamsaa 1, 2008) Godina Wallaga bahaa Ona Guduruutti dabballoonni diinaa gabaa keessa deemanii mi’a ummatin ittiin wal-irraa bitee walitti gurguru keessaa dhadhaa xaafii fi akkasumas midhaan garaa garaa lafatti gadi naquun sassaabaanii gubaa jiru.
Wayyaaneen rakkoo ofii gama dinagneen ishee mudate haguuguuf Uummata keessa seentee jeeqaa akka jirtuu fi maqaa ABOtu gabaa lagadhaa isiniin jedhe jedhuun midhaan ummataa gubuu fi saamuu jalqabdee akka jirtu kanneen ijaan argan gabaasaa jiru.
Gochaan wayyaanee kun sirnichi farra ummata hiyyeeyyii akka tahe ifatti agarsiisa jechuun hayyuuwwan dinagdee ibsaa jiru.
Godina Gujii Ona Bulee horaa keessatti barattoonni Oromoo 59 Wayyaanotaan hidhaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/,Caamsaa 1,2008) Filatnoo Wayyaaneen wal qabatee godina Gujii keessaatti jeequmsi dhalate dirqiin nu filadhaa wayyaanotaa irraa akka ta’e maddeen gabaasan. Battii kana keessaa sababa filmaata jeeqxan jedhuun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammafaa baratan keessaa 59 hidhattoota wayyaaneen qabamanii hidhamanii akka jirantu MOA gabaase.
Sababa kanaan ummati naannoos mormii isaa dhageesisaa akka jiru barameera. Shira kana xaxuun barattoota hisisaa kan jiran dabballoota wayyaanee Iyyaasuu Daargee,Dastaa Jiloo, Ayyalee Naggaa kan jedhamani ta’u keessa beektonii fi ummati naannoo saxilanii jiru.
Madheeleen Dhiha Oromiyaa WBOf waadaa qaban daran haaromsan.
(Madda Oduu ABO/MOA/,Caamsaa 1,2008) Tarkaanfii boonsaa gootichi WBO godina dhiya Oromiyaa fudhatetti kan gamadan sab-boonton Oromoo Dhiha Oromiyaa maadhee addaa adda jalatti ijaaraman QBO jabeessuuf waadaa isaanii haromsatan.
Sab-boonton Orom maadhee Caffee Boruu,Yaadannoo Tumaa Makkoo Bili Biqiltu 2005, Guddina Boru, Tullu Balee Lakk.1 Tulu Balee Lakk.2 jalatti ijaaraman, WBOn qaroo uummata Oromoo ta'uu isaatti waan amannuuf, Lafee Jaallewwan keenyaatiin irbuu seenne qabsoo keenya finiinsina jedhan.
Kana maleess ibsa isaanii keessatti, Waayyaaneen uummata keenya hidhu fi gidirsuun qabsoo irraa duubatti nu hin deebisu, Hidhaa fi dararaa uummata Oromoo irra ga'u ni balaaleffanna, Ilmaan Oromoo qabsoo irraatti wareegaman yoomiyyuu ni yaadanna, kaayyoo isaan irratti wareegaman galmaan ni geenya jedhchuun waadaa isaanii haaromsanii jiru.