Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oromiyaa Bakka Adda Addaatti Maadheeleen ABO GGO Kabajatan.

Maadheen ABO Kallacha Qabsa’a Lakk.1

(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 21, 2008) Maadheen ABO kallacha qabsa’a Lakk.1 jalatti ijaaramte guyyaa gaafa Ebla 19 bara .2008 qindoomina haalaan miidhageen walgahanii guyyaa gootota Oromoo yadatanii olanun gabaafame. Maadheen kun yaadatnoo isaanii keessatti dhungoo bifa alaabaa ABO qabu qabsiisanii ol-ka'uun gaddaan erga yaadatanii booda eeboo ciibaanii , kasala qabatanii dhiiga facaasanii yoo kaayyoo gootonni keenya irratti kufan daganne “Waaqi dhiiga keenya haa faacasuu” jechuun waadaa isaanii haaromsuun  qabsoon ummata Oromoo fuula duratti maal tahuu akka qabu irratti yaada wal dabarfatanii ibsa ejjennoo armaan gadii baafachuu milkiin wal-gahii isaanii xumuratanii jiran.

1.     Kaayyoo sab-boontonni keenya irratti kufan kallachummaa ABOn bakkaan ni geenya
2.     Siidaa OPDOn maqaa gootota Oromoon ijaarte Oromoo kan ilaallatu miti'
3.     Basaastoti  har'as ummata Oromoo basaasan of'duuba millachuu qabu erga jedhanii booda dhuma irratti saboontota mana dhidhaatti dararamaa jiraniif yaadachuudhaan maallaqa gahaa gumaachanii jiru..

 

Maadhee Gumaa Baas Jagamaa Badhaanee Lakk 1346

Maadheen gumaa baas Jaagamaa Badhaanee lakk. 1,3, 4,6 jalatti ijaaraman tibbana Ayyana goototaa kabajachuun  wal-gahii godhatanii marii bal’aa erga gaggeefataniin booda ibasa ejjennoo baafachuun xumuratanii jiru.
1.     Hidhaa fi ajjeechaan ummata Oromoo irraa gahaa jiru daran waan jabaataa jirtuuf tokkummaan qabsoofnee mirga Oromoota kabachiisuuf gumaacha qabsoof goonu caalaa itti fufna.
2.     Waan qabnu hundaan WBO fi ABO cina ni dhaabanna.
3.     Hamma qabsoon ummata Oromoo galma gahuttii qabsoo keenya itti fufna.

 

Maadhee Gumaa Baas Jagamaa Badhaanee Lakk 1234567
Maadheen Gumaa baas Jagamaa  Badhaanee lakk. 1,2,3,4,5,6,7 Akkasumas Baratoonni mana barumsaa sadrkaa 2 ffaa Amboo ,Koleejjii dhunfaa Mogor, Micro business , University fi College Amboo fi ogummaa fi technique Amboo guyyaa Ebla 20,2008 wal-gahuun guyyaa gootota Oromoo bifa ho'aan yaadatanii olaniiru. Yaadannoo isaanii keessatti  dhungoo qabsiisuun waadaa isaanii haaromsuun faaruu alaabaa ABO farfataa kabajachuun isaanii gabaafame.Akkasuma haala qabsoo oromoo irratti maree dheertuu marihachuun ibsa ejjennoo bafatchuun Ayyanichi milkiin xumuratanii jiru.

1. Kaayyoo sab-boontoonni keenya kufaniif faajjii isaanii fuunee bakkkaan gahuuf of qopheesina.
2. Maatii wareegamtoota keenyaa bira dhaabbanee ni jajjabeessina.
3. Seenaan wareegamtoota keenya barabaraan ni yaadatama.
4. Akeekaa fi Kaayyoo ABO qabatee ka'e cinaa ni dhaabanna.

Jedhchuun ibsa isaanii xumuraniin booda hidhamtoota Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa jiran ittiin gargaaruuf maallaqa walitti qabuun isaanii gabaafame.

Maadhee Raayyaa Faarachuu fi  seeroftaa

MYaadatnoo Goototaa ilaalchisee Maadhee Raayyaa Faarachuu fi  seeroftaa jalatti warren ijaaraman bakkoota adda addaatti walitti dhufuun guyyaa kana haala gaariin yaadatanii oolanii jiran.Akkasuma ibsa ejjennoo garagaraa of keessaa qabu baafafanii jiru. Cuunfaan ibsa isaanii keessaa

1.     Kutaa Baalee Magaalaa keessaatti kan argamu Univarsitii Madda Walaabuu keessaatti Fincila Barattoonni dhiyeenna kana godhaniin Sabboonaa Barataa Oromoo kan Police Wayyaanee osoo tumtu ajjeefte nibalaaleffanna!Gumaa isaas baasuuf qophii barbaachisu ni goona!

2.     Qabsoo  Baratooti keenyaa fi sabni keenya bilisummaaf jedhee Lubbuu dhabe kana nutis itti wareegamnee galmaan gayuuf waadaa keenna irra deebinee haarahoomsina.

3.     Dhiiga Ilmaan Oromoo gara nyaattoo tokko malee diinota keenyaan baroota dheeraaf angala’e yaadachaa kaayyoo isaanii irra buunee waan isaan wareegamaniif bakkaan ni geenya!

4.     Maatii baratoota Oromoo bilisummaaf jedhcha wareegamanii Waaqi akka jajjabina kennuuf ni kadhanna,ofiis human qabnu maraan bira dhaabbannee gargaarra!

5.     Hanga Gabroofattuu Wayyaanee biyya keennaa baafnutti Qabsoo keenna irraa duubatti hin deebinu! kkf dabarfatanii jiran.  

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net