(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 23, 2008) Barattoonni Oromoo university Hawaasaa guyyaa gootota Oromoo kan ABOn baroota digdamaa dura labsame Ebla 15,2008 haala gaariin yaadatanii oolanii jiruu, haaluma kanaan galgala isaa walitti dhufuun dungoo qabsiisanii dhaadannoolee gara garaa dhageessisuun osoo yaadataa jiranii Wayaanoti poolisoota fedraalaa baayyinaan gama mooraatti itti bobbaasanii qophii kana fashalshiiruu yaalii godhchuun isaanii beekame.Baratooti Oromoo ayyaana kana irra turan martinuu tokkummaan wal cinaa dhaabachuun akkuma gootota keenya gammoojjii Shinniggaatti waliin dhumanii jedhchuun tokkummaan dhaabatna jedhchuun poolisii Wayyaanee meeshaa waraanaa guutuun deemtu dura dhaabachuun qanessanii of irra akka deebitu taasisanii jiru.Haala kanatti kan aaran Wayyaanonni human poolisoota fedraala dabalata hedduminaan dabaluun barattoota rakkisuu yaalii godhan iyyuu baratooti Oromoo ayyana kana sirnaan gaggefachuu fi murtii fi kutannoo garaagaraa baafachuun milkii fi injifatnoon xumurachuun gabaafame.
Murtii fi Kutannoon baratoota Oromoo kunis
- Hamma QBOgalma ga'utti kaayyoo gootota keenyaa ABO cinaa hiriirree galmaan ni geenya!!
- Dhaaba keenya ABO cinaa dhaabannee qabsoo ummata keenyaa ni cimsinaa! Ummati Oromoos gamtaan dhaaba keenya cinaa akka dhaabbatu yaamicha keenya dabarsina!
- Tokkummaa Ummata keenyaa eeguuf kanneen farra tokkummaa tahanii fi garaagartummaa Oromoo keessatti deemsisan akeeka diiga kana fashachiisuuf hanga dhumaatti dura dhaabatnaa!
- Hidhaa, reebichaa fi barumsa irraa ari'amuun qabsoo Kenya irraa of duuba nu hin deebisu!
- Oromummaa fi ABO akka qaroo ija keenyaatti ni tiksina!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
MOA
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 23, 2008) Oromiyaa bahaa keessaatti sabboontonni barattoota Oromoo sad.1ffaa,2ffaa University fi uummaata keessaa maqaa maadhee BAKKAALCHA BARII jedhamu jalatti walitti dhufuun Ebla 15/2008 guyyaa goototaa sabasa godhachuun walittii dhufanii haala qabsoon Oromoo har'a irra jiru irraatti marii baldhaa geggeessuudhaan sochii ABOn irraa jiru dinqisiifachuun akka cinaa dhaabbatanii kaayyoo kana bakkaan gahuuf jedhcha waadaa isaanii haaromsanii jiru.
Akkasumas kaayyoo qabsaa'onni keenya irratti wareegaman galmaan ni geenya, jedhanii murtoo fi ejetnoo garaa garaa fudhachuun beekame. Kana waliin wal qabatee sochii waraanni bilisummaa Oromoo biyya keessatti godhaa jiruu fi tarkaanfii bakka bakkatti fudhataa jiru dinqisiifachuun akka cinaa dhaabatan murteeffatanii gumaacha WBOf oolu maallaqa battaluma sanitti ABOf gumaachuun kanuma waliin gabaafamee jira.milkiin xumuratanii jiru.
MOA
|