(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 25, 2008) Kaaba Oromiyaa naannoo Walloo Ona Baateetti, torban kana keessa walitti bu’iinsa ergamtoonni wayyaanee Oromootaa fi Affaarota jidduutti dhalchaniin lubbuun lammii Oromoo tokkoo galaafatameera.
Sirni TPLF/ wayyaanee ummata tokkoof wan baabsu fakkaatuudhaan meeshaa hidhachiisee kaan irratti duulchisuun lubbuu lammiilee nagaa galaafachuu irratti akka argamu irra deddeebi’ee gabaafamaa tureera.
Maanguddoonni ummatoota lameenii gama isaaniitin gochaa cubbamaa sirna wayyaanee kana gadi jabinaan morman. Ummatoonni Oromoo fi Affaar barootaaf obbolummaa gaariin waliin jiraatan kunniin, walitti duuluu irraa of qusachuun, shira wayyaanee dammaqinaan akka ofirraa ittisuu qaban dhaamsa dabarsan.
MOA
Ergama Mallas Zeenaawii irraa itti kenname qabatee gara Jibuutiitti kan bobbahe lukkeen wayyaanee Abbaa Dullaa Gammadaa milkii malee qaanii goonfatee gara biyyaatti deebi’uun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/,Ebla25,2008) Lukkeen wayyaanee Minaasee W/Giyoorgis( A/Dullaa Gammadaa) Ebla 20, 2008 ergama gartuu TPLF irraa itti kenname galiin gahuuf Jibuutii seenuu maddeen gabaasaniiru.
Pireezdaantii Jibuutii, ministirootaa fi qondaalota biyyattii biroon akka wal arge kan ibsame ergamaan wayyaanee kun, ergama hedduu qabatee Jibuutii seenuutu ibsame.
Kanneen keessaa inni duraa dhuka’aan Finfinnee keessatti dhoohaa jiru Jibuutii irraan waan seenuuf, Jibuutiin lammiilee Oromoo ukkaamsitee akka nuuf kennituuf gaafatuu dha.
Mootummaan Jibuutii gama biyyoota lameeniitinuu tohannaan jiru cimaa tahuu irraa meeshaaleen dhuka’aa biyya isaanii irraa Itoophiyaan dabarfamtu kan hin jirree fi yaadni kun kan fudhatama hin qabne hubachiise.
Kana malees lammiilee Oromoo Jibuutii keessa nagaan kan jiraatan tahuu ibsuun Abbaa Duulaa qaanessan. Ergamtichi wayyaanee Abbaa Duulaan sababoota adda addaa tarrisuun hariiroo Ertiraa fi Jibuutii jidduu jiru booressuuf yaaliin taasises Mootummaa Jibuutii biraa fudhatama dhabuun barameera.
Lukkeen wayyaanee kun lammiilee Jibuutiin oromiyaa keessatti lafa bakka barbaaddanii haga feetan isinii laanna koottaa Invest godhaa jechuun sossobachuun akeeka bobbaa isaa kan biraa ti.
Kana mlees lammiilee Itoophiyaa Jibuutii jiraatan walitti qabuun haasofsiisuuf beellama qabatus iddoo wal gahichaatti kan argame ergamtoota isaanii muraasa irraa kan hafe namni tokkolleen argamuu dhabuun ergama Minaaseee guutummaatti fashalsan.
Kun osoo kanaan jiruu sirni Wayyaanee taaknkiilee dabalatee meeshaalee waraanaa gurguddaa biyya alaa irraa bitate karaa buufata doonii Jabuutii galfachaa akka jiru kanneen ijaan argan saaxilanii jiru.