Ijoo Dubbii ABO
22/04/08
Mootummaan Wayyaanee tan imaammata gooleessa mootummaa dhaa tin (state terrorism) ummatoota Ethiopia waliigala, keessattuu ummata Oromoo, gidireessaa dhaa hamma ar’aa geesse. Biyyoota ollaa jiran hundumaa dhimma kana keessatti, yo dandayame akka walin dhaabbatan ykn ammoo humnoota isii mormanif, karaa, gurra ykn dahoollee akka hin kennineef taasisuu dhan irratti bobbahaa dhaa as geesse. Imaammanni kun amma biyyoota ollaa ti fi Afrikaallee dabree, garba ceehee, biyya Qaxaritti laallaabsatee ti argina.
Wiixata dabre, Ebla 21, 2008 “mootummaan Wayyaanee hariiroo biyya Qaxar waliin qabdu murte” jechuun labsame. Sababni hariiroo murachuu tanaaf kennames; Qaxar warra gooleessitoota fi jaajjabdoota Godinaa kanaa haalaan gargaaran keessaa takka tahuu isii dhaa ti. Ragaan kanaa ammoo godinaa kana jeequu dhaf tattaaffii isiin gootuu fi balfa isiin Ethiopia dhaf qabdu jedhame. Kan kana mirkaneessuus, akkaataa ifsa kanaatti, odeessa tlevizyoonni Al-Jazeeraa dhaa dabarsu fi gargaarsa Qaxar Eritrea dhaf kennitu.
Tarkaanfii hariiroo kutachuu dhaa tanaan duras ammoo xurreeleen diploomasii jiran hundumtuu yaalamanii waan Qaxar sanif owwaachuu diddeef tahuun ifsame.
Mootummaan Wayyaanee hujii farra dhala namaa addunyaan hundi balaaleeffattu ummatoota bittaa isii dhaa jala jiranirratti hennaa dhaabbataan raaw’attu, journalistoonni biyya keessaa akka hin gabaafneef kaan gattee kaan hiitee kaan biyyaa baasuun isee dhaa waan dirree jiraa ti. Warra alaa dhufullee kan akka isiin hin barbaannetti gabaasan akka hidhaarraa hin deebine journalist Newsweek gaafa hiite hujii dhan agarsiiftee jirti.
Miidiyaan barreeffamu akka biyya hin seenne tolchuun laafaa dha. Oduulee gara biraa tin dabranis ugguruu dhaf taattaaffiin hin geggeeffamin hin jirtu. Qunnamtii telefoonaa meeshaa tooyataniin, baasii humnaa olii itti baaftee erga gadi dhaabbatte bubbulte. Waan internet dhan dabru tooyachuu dhaf nama ogummaa kompyuutar qabu baasii guddoo itti baaftee alaa fiddee akka hojjachiisaa dhaa turte ni beekkama. Akka kanaan Internet dhan dhaamsi walif dabarfamu akka tooyatamu amma namni hin beeyne hin jiru.
Kan karaa qilleensaa dabru taanaanis bara dabre kana keessa humna guutuu dhaan itti bobbaatee sagantaalee radiyoo dhan dabran, kan mormitootaa qofa oso hin tahin kannen akka Sagalee Amerika fi Germanii kan afaanota Oromo fi/ykn Amaaraallee, heewasa itti gadi lakkisuu dhan akka hin dhagayamne taasisuu dhaf tattaafatte.
Kan Al-Jazeeraa ammoo tlelvisyoonaan itti dhufe. Kanaan dura sagantaa Gaaddisa Dhugaa TV Eritrearraa dabru ittisuu dhaf, qorii (dish) satellite kophaa dhaa tin waan dhufuuf, isa ma ummatarraa saamuu dhaan ittisuu yaaltee turte. Kan Al-Jazeeraa ammoo karaa sanin ittisuun waan anjaweef hin fakkaatu. Kanaaf hariiroo murachuu murteessite.
Wanni mootummaan Wayyaanee dhaa hin hubatin, addunyaa keessatti yeroo ammaa miidiyaaleen jiran walabummaa dhan hojjatu. Kan lamadaa tii mirgi dhala namaa, kan Ethiopia keessatti akka barbaadan halkanii guyyaa dhiitan, dhimma biyya takkaa qofa tahuun hafee dhimma waliigala addunyaa tahaa dhaa dhufuu isaa ti. Yeroon murni angoo siyaasaa dhaa harkatti galfate tokko ummata harqoota isaa keessa jiru akka brabaaddetti olii fi gadi oofu raaw’achaa jira.
Egaa TV kana fi gargaarsa Eritreaa dhaf kennamu dhaabuu dhaf jecha yaalii karaa diploomasii hammana hin jedhamne akka Qaxarirratti geggeessan himatu. Qabeenyi fi humni namaa kanarratti bahes waan laafaa hin tahu. Gaaffiin asitti kaatu osoo Qaxar biyya ollaa taatee laata maal tu taha? Biyya akka Qaxar, tan Ameerika walin hariiroo cimtuu qabdu, tan mooraan waraan Amerikaa guddoon keessa jirtu, “mootummaa goolessitoota gargaartu” jechuu dhan yo himatamtu, dhiibbaan diplomasii ti fi tan biraa tis tan biyyoota naannawa Ethiopia jiranirratti geggeeffamaa dhaa jirtu hangami?tan jettu faa dha.
Kun wanni nu garsiisu imaammanni hariiroo alaa mootummaan Wayyaanee dhaa geggeessitu daba ummata harqoota isii dhaa jala jiranirratti hojjachaa dhaa jirtu hin dubbatinaa, maqaa hin kaasinaa jechuu bira tartee akka fixiinsa baqattoota Oromoo magaalaa Bosaasootti tahee sanitti yo waliin qooda hin fudhanne biyya ykn mootummaa san diinomfachuu dha. Warra biyyoota akkasii gargaaranillee diinomfachuu dha.
ABOn imaammata kaayyoo akkanaarratti dhaabbatu ni morma, irratti qabsaawa. Sagantaa ABO boqonnaa 10.1 akka kaayutti kaayyoon hariiroo “ummatootaa fi biyyoota biraa wajiinii [akkasuma] hawwitoota bilisummaa fi humnoota dimokraasii wajjin[ii], dantaa walii tiksuudhan hin-baabsummaa, wal-gargaarsaa fi wal-cimsiinsa jajjabeessuu, nagayaa fi dagaagina biyyoota addunyaa jajjabeessuuf walii wajjin hojjachuu dha. ... kaayyoo fi Akeeka Chartera Jaarmaya Mootummoota Waltahanii tii fi kan Gamtaa Afrikaa ni fudha[nna]” jedha. Akka kanaan biyti takka mirga dhala namaa kan Jaarmayni Mootummoota Addunyaa fudhate hin dhiitu, dhiiturrattis qaama biraa tif hin tumsu, sanirrattis hariiroo hin uumu.
Kanaaf imaammata mootummaa Wayyaanee kana ni morma mootummoonni, jaarmayoonni sirna haqaa gad dhaabuu dhaf qabsaawan hundi akka dhaabbii fakkaataa fudhatan waamicha dabarsa.
|