Mootummoota adunyaa Hundatiif
Dhaabilee Falmitoota Mirga Dhaala nama hundatiif
Haawasi adunyaa, lammin Oromoo fi qamoolen adunyaa hundi Lamii Oromoo mana hidhati gurama jiran kana hunda hidha keessa basisuu fi mirga isaan kabachisuu kara isaa waan danda'aamuu hunda akka caraquun wamicha dhiyeesina
- Obbo Baqqalaa Jirataa Bareessa Waraaqsa Federalisti Demokkratawaa Oromoo
- Obbo Isheetuu Kitilii Abba qabeenya Hotela Hawwi
- Haadha manaa gaazexeessaa Dhaabasaa Waaq-jiraa Addee Lalisee Wadaajoo
- Obbo Asaffaa Dibaabaa Yunversitii Finfinnee Kiiloo 6tti barsiisaa Afaan Oromoo,
- Obbo Kabbadaa Booranaa hoji geggeessaa Hoteela Hiltan,
- Obbo Dastaa Kitiil Daldalaa, Obboleessa Obbo Isheetuu Kitil
- Barsiisaa Warqinaa Mana barumsaa Dalloo ka barsiisu
- Barsiisaa Namoomsaa Warqinaa Mana barumsaa Bakkee Jamaa ka barsiisu
- Obbo Geetahuun Yunversitii Wallaggaa keessa ka hojjetu
- Obbo Balayii Kormee Pharmaasii Hospitaala Naqamtee ka hojjetu
- Obbo Kabbadaa Bultii daldalaa
- Obbo Nugusee Dhaabaa
- Obbo Fiqaaduu Jalqabaa barattoota Koollejji,
- Obbo Baqqalaa Nagarii
- Obbo Dajanee Dhaabaa hojii daldaan kanneen jiraatan
- Obbo Baayyisaa Lataa
- Obbo Imiruu Gurmessa
- Obbo Gudataa Dabalaa
- Obbo Roobaa Gadafaa
- Artist Zarhuun Wadajoo
Annaa Manasibu fi Kilituu Karaa TPLF Oromooti dulun namoota heduu hidhan keessa :
- Obbo Qajeelaa Abdata Annaa Maggalaa MandiDaldala kan jiratuu fi miseensa WFDO bara 2005 hidha kan turan fi bara 1997 hanga 2003 yerro adda adda mana hidha turan
- Obbo Tokkon Mardasaa Miseensaa WFDO bara 2005 Hidha, rebichaa fi samichaan guddan kan irrati rawatamee; Ferroon harak isaa keessa lixee kan lamisheese;
- Obbo Bulti Jalataa Miseensaa WFDO bara 2005 Hidha, rebichaa fi samichaan guddan kan irrati rawatamee; Qami isaa kan hiratee
Oromummaa isaaniin yakkamanii mana hidhaatti darbamanii jiru. ilmaan Oromoo hedduun badii tokko malee Oromummaa isaaniin yakkamanii Finfinnee keessaa qabamuun mana hidhaa Maa'ikalaawwiitti darbamuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
Oduma walqabateen Godina Harargee Bahaa Onoota akka Baddannoo, Burqaa, Kurfaa Callee, Gurawwaa, Meettaa, ABO waliin hidhata qabduu jechuun ilmaan Oromoo hedduun hidhamanii hiraarfamaa jiru. Lixaa Shawaa keessatis Gedoo fi Annoole bayee keessati lammin Oromoo Oromummaa isaan yaakame hirarfama jira. Wallagga magaalaa Laqamtee keessaa sababaa ABO gargaartuu fi degeertu ykn waliin hidhata qabdu jedhchuun gaafa guyya 30/10/2008 egalaanii sabboontota ilmaan Oromoo mana hidhaatti darbanii dararaa suukkanneessaa irraan gahaa jiru.Naannoo Wallagaa Horroo Guduruu Sulula Fincaa'attis duulli hidhaa kun bal'inaan kan itti fufee jiru hoggaa tahu, haga ammattis namoonni hedduun qabamanii hidhatti darbatamanii jiru.
Gamtan Mootummoota Adunyaa, Parliamaan Auropha, Kommishin Auropha, Mootumaan Ameerka, Tokkuman Afrika, Aminsty international, Human Rights Watch, International Red Cross, UNHCR fi qamoolee adunyaa hundi dararama TPLF lammi Oromoo irrati rawatama jiruu kana akka dhaabsisftan kabajan isiin gafana.
Gummi Paarlamaa Oromoo
|