(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 23, 2008)
Mootummaa sirna bicuu Wayyaanee hojjattoota mootummaa dhaloota Tigraay fi dabballoota Wayyaanee qofaan bakka buusuuf qophiin barbaachisaan xumurataa jiraachuun gabaafame. Akka odeeffannoo keessa beektota sirnichaan gabaafametti bara 1994 akka Lakk. Habashaatti Imaamatta mootummaa jedhamee ture yeroo adda addaatti hojjattoonni mootummaa barsiifamaa kan tur ta’ullee jijjiirama
Wayyaaneen barbaaddu fiduufii hin dandeenye. Kanaafis rakkinni imaammatni qophaahee ture rakkina akka qabu hayyoonni biyyitti yeroo adda addaa akeekkachiisaa yoo turan illee Mootummaan wayyaanee kan ofii malee kan biraa dhagahuuf gurra hin qabne rakkinni imaammata isaanii bira rakkinni ykn hir’inni akka hin jirre, hirdhinni kan jiru hojjattoota mootummaa bira waan ta’eef kana jijjiiruuf immoo imaammata mootummaaf amanamaa namoota ta’aniin hojjattoota mootummaa bakka buusuun fala ta’a jedhanii waan amamaniif kana hojiitti hiikuuf qophiin barbaachisaa ta’e xumuramaa jiraachuun beekameera.
Haaluma kanaan yeroo dhihoo as maqaa guddina dinagdee ariifachiisaa fiduuf imaammata mootummaa hojjattoonni mootummaa marti beekuu qaba jedhuun barsiisuun eegalameera.
Leenjiin kun torbaan shan shaniif walitti aansee kan kennamu yommuu ta’u warren amma calqabanii jiran ALH ti caamsaa 6/2000 xumuru jedhamee eegama. Leenjii kana irrattis miseensonni TPLF gurguddon barsiisaa kan jiran yommuu ta’u guddina ariifachiisaa fiduu baannan biyyittiin Itopiyaan ni facaati ykn ni digamitti waan ta’eef imaamatta mootuumaa keenyaa beekuu qabdu jedhanii sodaachisaa akka jiran MOA gabaasa.
Akka qabatamaan mul’achaa jirutti yeroo ammaa hojjattoonni mootummaa keessumaa beetoti hoganumaa qaban waajjiraalee adda addaa dabballoota Lammii Tigraay ta’aniin bakka bu’aa jiru. Bakka hirdhinni nama isaanii jirutti immoo hedduumminaan barsiisaa akka jiran mul’ata. Fknf yeroo ammaa korporshinii Teeleef dhaloonni Tigraay irraa qofa namoonni 600 leenji’aa jiru. Akkasumas waajjiraalee Ministeera galiwwanii bakka adda addaa keessa namoota hojjatan keessa 90% ol lammii Tigray. Kun ammam akka qophaahaa jiran mirkaneessa jechuun maddi keenya gabaasera.
|