-
- Konyaan ABO Stavanger fi Hawaasni naannoo Guyyaa Gootota Oromoo Kabajate
-
Konyaan ABO Stavanger fi Hawaasni Oromo Rogaland Kibba (Norway) kabaja guyyaa Gootota Oromoo bifa addaa fi seena qabeessaan Ebla, 05/2008 magaala Stavanger ti kabajatee ooleeraa.Yaadannoo Goototaa Faaruu Alaabaa faarfachuun kan eegalan ijoollee Oromoo waggaa 5 -13 ti yeroo ta’an. Hirmaannaan Ijoolee kabaja guyyaa kanaaf miidhagina addaa kenneef jira.
Dura ta’an kuta Skandinavia ABO, seenaa guyyaa goototaa bal’inaan erga ibsanii booda hadhaa qabasoo ABO’n gaggeessaa jiru,fuula duratti Qabsoo uumata Oromoo kan mudachuu malanii, ibsaa fi xiinxala bal’aa kennaanii jiru.Dhuma irraati Gootawwan keenya wareegaman yaadaacha kayyoo isaan kufaniif bakkaan ga’uuf Miseensonni ABO, Uummanni Oromoo fi deegartootni qabsoo Bilsummaa Oromoo tokkuumaa jabaatee diina isaa jibeefachiisuu akka qabu dhaamsa dabarsanii jiru.
Walalloon Adda adda kan gootowwanii fi ABO faarsan dhiyaatanii jiru.
-
-
-
Kabaja Guyyaa Gootota 2008 kan adda taasissu madda galii ABO’f kan oolu caalbaasiin adda addaa dhiyaatanii jiru.
-
Galgala Aadaa irraati kan Uumataa bachanansiisaa fi WBO faarasaa bulan Artistoota Qamar Yasufii fi Johannes Abate turan.
Gadaan Gadaa bilsummaa ti.
Injifannoon Uumata Oromoof
Konyaa ABO Stavanger!
-
-
-
- Video 1 (Alaaba Oromia)
|