Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Hawaasni Oromo Australia Gochaa Farrummaa Wayyaanee Saaxile! Dararama Ummata Oromoo irraan gahaa jiruufis birmate.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 12,2008) Guyyaa Fachaasaa gaafa Waxabajji 10,bara 2008 ture hawaasi Oromoo Australia magaalaa Melbourne jiraatu hiriira haalaan qindaawaa tahe kan bahan,guyyaa kana Oromoti magaalaa Melbourne jiraatan tokkummaan walfaana hiriiruun hiriira seena qabeessa dhadatnoo adda addaa fi suuraa wareegamtoota Oromoo akkasumsas suuraa bulguu Oromoo nyaatuu qabatanii saba Australia fi addunyaatti mul'isuun hiriira bahan.

Galma Parlamaa mootummaa Ausrtalia fuula duratti waltti qabamuun gochaa Wayyaanee yeroo ammaa ummata Oromoo dhiha Oromiya Wallagga jiraatu irratti Gumuzoota ergachuun, Oromoo meeshaa maleeyyi ficisiisuu, akkasumsa mirga Oromoo walii gala Oromiyaa guutuu keessatti sarbamaa jiru ilaalchisee hiriira mormii sirna bittaa mootummaa Wayyaanee mormuu fi kan balaalleffatu bahan.Hiriira kana irrattis Oromoon dhadatnoo sirna bulchiisna Wayyaanotaa  Mallas Zeenaa kan Oromoof summii tahe balaaleffachaa,akkasumas hammeenya fi imaammata fokkataa Wayyaaneen ummata Oromoo irratti qabdu dheekkamsaa fi mormiin saaxilaa kan turan.

Oromoon biyya dhabee bakka argetti ajjefamaa jiraachuu fi biyya irraa ariyatamee akkasumsa kan biyya isaa keessa jirus mirga jireenyaa fi mirga namummaa dhabee mana hidhaatti guuramuu,qabeenyaan saamamaa jiraachuu isaa kan beeksisu akkasumas mootummaan Australias tahe gamtaan mutummaa adduunyaa gargaarsa mootummaa kanaaf godhuu fi degersa yaadaa keenu akka dhaabuuf kan gaafatu xalayaa Paarlaamaa mootummaa Australiatti galfachuun, ndaandii magaalaa guddicha Melbourne irra deemaa hiriira miidhagaa tahe godhchuun, Wayyaanee fi gochaa Mallas Zeewwii ummata magaaliichaa fi addunyaatti beeksisaa fi saaxilaa turaniiru.

Kana irratti dabalee,seenaa ummata Oromoo kan ibsuu fi Oromoon miidhamaa jiraachuu isaa fi mirga abbaa biyyummaa deeffachuuf,dimokraasii aadaan qabu gaanfa Afirca irratti dagaagsuu fi olla isaa waliin nagaan jiraachuuf akka qabsaawu kan himtu  seenaa gabaabaa hawaasa Oromoon barreeffamee ummata karaa magaalichaa irra deemuu fi kan hiriiricha ilaaluuf goran maraaf hiraa ykn facaasaa turan. Ummati alagaa tahanii fi jiraattoti biyyichaa hiriira dheekkamsaa fi roorroo baafannaan guute kana yeroo argan heddumminaan karaa irraa gara hiriira hawaasa Oromootti goruun deggersa saba Oromoof kan tahu uunkaa petition hawaasaan qopheeye mallatteessaa turaniiru.

Dhumaatiin bara baraan ummata Oromoo irra biyya keessatti Watar irraa kaasee hanga Gaara Suufii biyya alaattis Somaalia Bosaasoo keessatti, Kenya Nairobi keessatti,Oromoota Sudaanii fi Kenya keessaa qabanii biyyatti deebisuu fi qarriffaa Wayyaanetti kennuun miidhaa Oromoo irra gahan keessaa hamma tokko,kanaa fi godhchaa saba Oromoo irratti guyyaa safaa kan addunyaan beeku tahaa jiru  irratti dabalanii ajjeechaa jimlaa Wallaga keessatti baatii kana keessa tahe Oromoota biyya alaa fi hawaasa Oromoo Austalia akka malee dheekkamsiisuu fi furmaata godhchaan kun itti dhaabbatuuf tokkummaan ka'uun barbaachisummaa isaa irratti akka hojetu isa taasisee jira.

Hawaasi Oromoo Australia yeroo adda addaatti roorroo ummata Oromoo irra gahuu fi godhchaa mootummaa Wayyaanee addunyaatti saxilaa turaniiru,mirga ummata Oromoo kabachiisuu fi tokkummaa ummata Oromoo eegsisuu irratti qooda guddaa akka kennaa turanii fi kennaa jiranis beekamaadha. Ummati Oromoo biyyaa yeroo hidhamu,qe'ee irraa ariyamuu fi beelaan golgolaawu cinaa dhaabattanii tinni'sa  maallaqaa fi qalbii kennaa turaniiru.Hiriira bahuun addunyaa fi mootummaa Australiatti gochaa farreen Oromoo saaxilaa turaniiru.

Dhiheenya baatii Caamsaa 2008 keessa jila mootummaa Wayyaanee Australiatti ergamtee salphina guddaa uwwisanii ari'uun isaaniis ni yaadatama.

 

 

 

 

 

 

 

 

*******

Wayyaanotni qondaalota dhaaba ergamtuu isaanii OPDO lafa hojii ergamaa irraa bakka bakkatti jijjiiruu keessa beektotni gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 12,2008)Akka gabaasa maddeen amanamootti wayyaanotni qondaalota OPDO bakka bakkatti jijjiiranii kan muudaniif, fincila ummataa ka'uu malu ittiin to'achuuf yaadanii ti.

Muudama haaraa wayyaanotni OPDO keessatti taasisan kanaan, waajjira Minaasee W/Giyoorgistti gaafatamaa kan ture Abdii Xahaa namni jedhamu kaafamee, Itti gaafatamtuu Biiroo Gurmaa'inaa fi Hawaasummaa kan turte Adaanech Abeebeen bakka buufame.

Komiishineera Poolisii Oromiyaa kan ture Dammallaash G/Mikaa'el bakka isaa irraa gadi buufamee I/A komiishineerummaan wayta muudamu bulchaa Godina Baalee kan ture namni Bakirii Shaalee jedhamu ammoo Komiishineerummaan muudameera. Itti aanaa Komiishineerichaa kan ture namni Eebbisaa Dinqaa jedhamu ammoo komiishineera manneen hidhaa Oromiyaa jedhamee muudame.

Kantiibaa magaalaa Buraayyuu kan ture Dhaabaa Dabalee bulchiinsa magaalaa Finfinneetti itti aanaa dura ta'aa Ijaarsa Dandeettii ta'ee muudameera. Waajjira qabeenya bishaanii Oromiyaa keessa kan ture dabballeen Mootummaa Maqaasaa jedhamu ammoo kantiibaa magaalaa Buraayyuu ta'ee muudameera.

Dhaabaa Dabalee magaalaa Buraayyuutti kantiibaa yeroo ture lafoota ijaarsa manaa akka fedha isaa gurgurachuun kan duroome yeroo ta'u, isa waliin kan hojjechaa turan miseensotni koree bulchiinsa magaalichaa garuu malaanmaltummaan yakkamanii hidhamuun isaanii barameera.

Dhaabaa Dabalee garuu yakka kanaan adda durummaan himatamee hidhamuu osoo qabuu maallaqa saamaa ture piresidaantii kan ofiin jedhu Minaasee W/Giyoorgis waliin waan hirataa turaniif yakka kanaan himatamuu irraa walaba ta'e.

Oduu wal qabateen yeroo ammaa dabballootni Wayyaanee muudaman kun Koolleejjii Sivil Survice kan jedhamu mannee oomisha dabballoota wayyaanee irraa warra eebbifaman yoo ta'u, kanneen Yunversitii Finfinnee ykn yunversitiwwan beekamoo biroo irraa eebbifaman garuu muudamni akka hin kennamneef beekuun danda'ameera.

Jijjiirraan muudamaa kun faayidaa ummataaf yaadamee ykn yakkamtoota to'achuuf osoo hin taane, faayidaa wayyaanotaa eeguuf kan godhame waan ta'eef, bu'aa dabalu akka hin qabne hojjettootni mootummaa yaada kennaniin ibsaniiru.


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net