GOOBANAAN-GOOBANAA!!!
Dhiphuu walii hin`qabuu Oromoon tokkichaa!
Gammachuun jiraannaan walumaan illilchaa!
Gabrummaa lee taanaan walii itti jiraa!
Walirraa bitattee walumaa gurguraa!
Soddumaa fi aaddaa fulaa lama jiraa!
"Akkamiin bitamtan miliyoon shaniinnii!
Jaanii nu gaafatan tana gaafiin saanii!"
Ja`eeti sirbe Nuhoo Goobanaatii!
Bittaan Oromoo dha waa alagaamitii!
Kan fidee nurra kaa`e Goobanaa Daacee tii!
Goobanaan -goobanaa mee ofirraa baraa!
Tokko dangaa hin`qabuu alagaa gabbaraa!
Kutaan hin`waaminaa haadha lee gurguraa!
Kaabaa kibba hin`jannee bahaa dhiha jiraa!
Obbolaa ajjeesee cinaa hidha guuraa!
Goobanaa Daaceedhaa Shawaa bakka hin`bu`uu!
Gurgurataan sabaa beeki dangaa hin`qabuu!
Saba oromootiif tokko naasuu hin`qabuu!
Gandaa fi amantii gosummaan si dhufaa!
Kan kutaa Booranaa xiqqo garaa laafaa!
Seera raaba gadaa jollummaan hodofaa!
Waan fuudhe, fuudhee galee firraa rafaa!
Kan nannoo biraa seenumaafi hafaa!
Tokko naasuu hin`qabuu marti qalbiin naafaa!
Balbala bilisummaa isantu nu cufaa!
Malli biraa hin`jiruu gorra`uma qofaa!
Humaa sodaatinaa Waaqumaa ol hafaa!
Goobanaan lammaffaa biyya ambaa jiraa!
Dalagaan ajjeeftee kuulii qonyeen guuraa!
Faranjiin doolara kiisha mirgaa naqee bitaan keessaa guuraa!
Bifti isaa sadihii adda baasaa baraa!
Tokko fayyaaleessaa ololaan jarjeraa!
Akka gaararaati maruma fakkaataa!
Odduma hin`beeyne saba galaafataa!
Kan lammafaadhaa qochuma guddataa!
Osoo nyaate hin`qufne waan du`aa deemu isatti fakkaataa!
Gargarsa gaafannaan mormaatu irraa dhaqaa!
Kan beekuu fi beeyne mara walitti laaqaa!
Hoggana arrabsee qabsoo xuriin haqaa!
Qabsoo seenaa haqaa gandummaan moggaassaa!
Qabsaawaa fakkeessee kijiba of farsaa!
Qabsaawoota dhugaa halaalatti dheessaa!
Ganda keessa deemee summii isaa facaassaa!
Kan sadaffaadhaa qarshiidhhaaf bitamaa!
Dirruma bahee qabsoo haqaa gamaa!
Jireenyi ABO isatti manaamaa!
OPDO farsaa ganda keessa deemaa!
Lafa abbaa isaa biyya dhaqee saamaa!
Xiqqollee hin`salfatuu Minaaseef ergamaa!
Dimokraasii je`ee olii-gad dheekamaa!
Hogganaa fonqolchuuf maqaan jijjiiramaa!
Dimokraasii dhugaa maalitti beekanii!
Biyya "Wester"nidhaa maqaaf jiraatanii!
Sammuu habashaadhaa Mangeeraa dhaalanii!
Mootummaa fonqolchuu achitti baranii!
"Harki hanna bare dooluutu sossooha" duraanuu ja`anii!
Dhiiga oromootaa ofiin fassaadanii!
Xiqqaa fi guddaa, dhiiraa fi dubartii rasaassaan waadanii!
Saanjaan diddiranii!
Harka dhiqatanii qabsotti makamanii!
Hogganota haqaa maqaa xureeysanii!
Qabsoo Oromoodhaa garuumaaf seenanii!
Karaa gabaabaadhaan duroomuu yaalanii!
Hujii isaanii kana ni arka Gooytaanii!
Gaacheena Oromoo ABO dha qabnaa!
Shakkii hin`qabaatinaa dhiho bilisomnaa!
Hammeenya alagaa nuti hin`wallallee!
Bara dhibbaa olii takkaa walii hin`gallee!
Murna abbaa garatu fitinaa nu dhalee!
Akkanaan hin`gallu yoo jabanne malee!
Sadarkaa duratti amalaan qajeellee!
Waliif dirmatuudhaan waliif taanee golee!
Dhugaa dubbatuudhaan amantii horannee!
Heeraa seera dhaabaa sammutti qabannee!
Kaayoo naamusaatiin tika waliif taanee!
Rirma qabsoo keessaa DDT itti naynee!
Qabsoo midhaysinee qulqulluu taasifnee!
Oromiyaa teenya haa jarruu barannee!
Dhagaan gaaraa ka`ee handoodee duuffisee!
Ilmi abbaan abaree Oromoo rakkisee!
"EE janne" nu ja`aa Waaqayyo kadhannaa!
Waan oromoo hin`tolle firraa maganfannaa!
" Jallaan Oromoo haa qajeelu!
Kan durrobe nu haa dhalu!
WBOn mirgaan haa galu!
Haqni abbaa hin`wallaaluu, kan bade abbaa haa galu!
Kan facaafate Oromoof haa biqilu!
Dhukkubsataan Oromoo fayyee haa bobbahu!
Beelawaan Oromoo beela haa bahu!
Hidhamaan Oromoo hidhaa haa bahu!
ABOn abbaa biyyaa haa tahu!
Xiqqaan haa guddatu, guddaan haa bulu!
Wallaalaan Oromoo haa baratu!
Barataan Oromoo sabaaf haa laalatu!
Goobanaa nu keessaa haa laqaaqu!
Xurii goobanummaa nu keessaa haa dhiqu!
Sabboonummaa quluun mee nutti haa naqu!"
EE JANNE!!!
****<:>****
Injifannoo ummata Oromoo f!!!
Gadaan gadaa bilisummaa nu haa tahu!!!
J/O.O.