Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Duulli hidhaa sirni Wayyaanee Godina Harargee Bahaa,dhihaa fi onoota kaan  keessatti ummata Oromoo irratti bane jabaatee itti fufe.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Sadaasa 17,2008) Akka gabaasa MOAtti, Godina Harargee Bahaa Onoota gara garaa keessaa Sadaasaa  11,2008  ilmaan Oromoo mootummaa gabroomsaa Wayyaanetiin  ukkaamfaman eessa buuteen isaanii dhabamee jira.

Haaluma kanaan,

  1. Ona Gooroo Guutuu magaalaa Baroodaa keessaa Obbo Jaafarii fi Abdusalaam konkolaachisaa Isuzu kan tahe
  2. Ona Cinaaqsan ganda Ordee je'amu keessaas
  3. Obbo Mohammad Aamma,
  4. Ona Baabbilee ganda Feerroo je'amu irraa
  5. Obbo Joohar,
  6. Ganda Qilee je'amu irraa lammii Oromoo
  7. Obbo Abdul Aziiz

Namoota kanneen maati fi firoottan isaanii barbaadaa kan jiran hoggaa tahu haga ammaattis afuura isaanii akka hin argatintu gabaafame. Ummanni Oromoo lammiilee Oromoo badii takko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii dhabamsiifaman kanneeniif akka diramatu sabboontonni Oromoo gabaasaa kana waliin dhaamanii jiru.

Haaluma kanaan hidhaan itti fufuun magaalaa Dirree Dhawaa keessaa Oromoota jimlaan hidhuu fi qabeenya saamuu kan hojii godhatte Wayyaaneen , Sadaasa 11,2008 irraa eegalee Oromoota maqaa ABOn yakkamanii hidhaatti darbamanii fi qabeenya saamaman keessaa maqaan hamma tokkoo :-

  1. Magaalaa Dirre-Dhawaa ganda Laga harree keessaa sab-boonaan Oromoo obbo Haarun Kabiir Ibroo fi haadha manaa isaanii Adde Fatiyaa  Ahimed (qabeenyi samamee hidhaatti darbaman)
  2. Sabboonaa Obbo Abdii Amadee  mana hidhaa Saapiyaa jedhamutti kan hidhame.
  3. Saboonaa Oromoo Obbo Toofiq mana hidhaa Saapiyaatti jedhamutti kan hidhme.
  4. Aadde Caaltuu,
  5. Obbo Mohammad Sheekaa,
  6. Obbo Abdii Muummadee,
  7. Obbo Mohammad Alii,
  8. Obbo Mohammad Abdallaa Ahmad,
  9. Obbo Mohammad Haajii,
  10. Obbo Geetaachoow,
  11. Obbo Abdii Walloo,
  12. Obbo Birraatuu Kabbadaa,
  13. Obbo Mohammad Hawaash,
  14. Obbo Aliyyii Faxiiraa,
  15. Obbo Najjaash Awwadaay,
  16. Obbo Abdurahamaan Mohammad
  17. Obbo  Saabit Abdurahmaa Aammee

 Kanneen jedhaman Poolisoota feederaalaa fi humnoota tikaa Wayyaaneen  maqaa ABO fi WBO gargaartu jedhamuun qe'ee fi bakka hojii isaanii irraa ukkamfamanii hidhaa bakka hin beekamnetti darbamuun isaanii gabaafame.

*******

Sirni wayyaanee haleellaa WBOn isa irra ga'u irraa aarii qabu ummata nagatti bahuu itti fufe.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Sadaasa 17,2008)Erga dhiheenya kana WBOn Godina Bahaa haleellaa cimtuu irratti adeemsiseen booda mootummaan wayyaanee karaa basaasota isaan ummata hiraarsaa jira.

Haaluma kanaan Godina Harargee Lixaa Onoota Bookee fi Qunnee keessatti kaabinoonni wayyaanee ergaa diinaa fudhatanii ummata nagaa dararuu irratti argamu.

Gama biroonis milishootaa fi poolisoota gandaan WBO lolaa; yoo diddan isinuu WBO ti maqaa je'uun duula hidhaa irratti labsanii, naanncha irraa baqachiisaa jiru.

Lukkeewwan wayyaanee ergama isaanii bakkaan gahuuf ummata nagaa hiraarsaa jiran Jamaal Ahmad, Usumaa'il Ilkee Caphaa, Naasir Diimaa, Darajjee fi Abduu kanneen jedhaman keessatti argamu.

Keessattuu ergamtoonni Darajjee fi Abduu jedhaman milishoota WBO dura dhaabbataniif kan oolu ummanni maallaqa qarshii 80-80 akka baasu dirquu irratti argamu. Poolisoota naannchaanis WBO loluu diddan je'anii hiraarsaa jiru.

Ergamtoonni kunneen dalagaa diinummaa ummata nagaa irratti rawwataa jiran irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne kan irratti fudhamuuf jiru tahuu Sabboontonni naannichaa akeekkachiisanii jiru.

******

Tokkummaan Barattoota Oromoo Godina Harargee Dhihaa Sadaasa 9 guyyaa FDG sirna o'aan kabajatan.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Sadaasa 17,2008)Tokkummaa Barattoota Oromoo Godina Harargee Lixaa jalatti kan gurmaa'an barattootni Oromoo guyyaa FDG Sadaasa 09 sirna bareedaan kabajatan.

Sirna kabajaa kana booda ibsa ejjennoo baafataniin, hamma akeekni FDG itti eegaleef galma gahutti falmaa itti jirru cimsinee itti fufna je'an.

Ergamtoonni diinaa garaa isaaniif jecha barattoota fakkaachuun ergaa gooftolii isaanii tarkaanfachiisaa jiran daddaffiin dalagaa farrummaa itti jiran irraa akka dhaabbatan akeekkachiisaniiru.

MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net