|
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 26, 2008), Bulchiinsa Beenishaangul Gumuz naannoo Asoosaa bakka Mangee jedhamutti tarkaanfii waraana wayyaanee irratti fudhatameen loltoonni wayyaanee 29 ajjeefamanii kanneen 16 tahan madeeffamaniiru.
Loltoonni wayyaanee haleellaa irratti gaggeeffameen madaahan wayta ammaa mana yaalaa seenanii du’aa fi jiruu qarqara akka jiran hubatameera.
Balaa irra gaheen kan baarage waraanni wayyaanee ummata Asoosaa keessa bobbahuudhaan goolaa akka jirutu himama.
Humni tarkaanfii kana fudhate kan hin ibsamin tahu illee, kanaan dura nannawuma Asoosaa kanatti, humnoonni mirga ummata Beenishaangul Gumziif qabsaawan waraana wayyaanee haleeluun loltoota 40 ol hojiin ala taasisuun isaanii hin dagatamu.
MOA
Mootummaan wayyaanee dawaa(Qoricha)qulqullina hin qabne kan warshaa Qorichaa isaa Addigraatitti oomshamu dirqamaan gurgurachuuf daldaltoota doorsisaa jira
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 26, 2008) Sirni wayyaanee dawaa qulqullina hin qabnee fi faayidaa-qabeessummaan isaa gadi bu’aa tahe humnaan gurgurachuuf yaaliin taasisu daldaltootaa fi ummtaan mormamaa jira.
Qondaaltonni wayyaanee abbaa qabeenyaa Warshaa Qorichaa Addigraat qoricha warshichaan omishamu kan sadarkaan qulqullina isaa gadi aanaa tahe humnaan gabaa keessa galchuudhaaf dhiibbaa gidhaa jiru.
Ergamtoonni sirnichaa shira xaxaa jiraniinis, qoricha iddoowwan kaanitti oomishaman gabaa irraa balleesuun Ykn ammoo gatii ol kaasuun kan Addigraatitti oomishamu ammoo gatii durii irraa gadi xiqqeessuun gabaa irra oolchaa jiru. Kanaan wal qabatees gatiin qoricha qulqullina qabuu fi faayyida-qabeessummaan isaa mirkanaawee hedduu dabaluu irraa rakkina ulfaataaf akka saaxilaman fayyadamtoonni hadheeffatanii dubbatu.
MOA
|