Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ayyaanni Irreechaa Sirna Hoo'aan Hora Harsadiitti Kabajame!


(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa17,2008) Ayyaanni Irreechaa bara 2008 Oromiyaa, bakka Irreeffattoonni kuma sadiifi walakkaa ol irratti argaman, Shawaa bahaa magaala  Bishooftuu Hora Arsadiitti dilbata darbe Sirna ho’adhaan kabajamee ooluun isaa beekame.

Maddi Oduu ABO, MOAn, akka gabaasetti, ayyaanni Irreechaa baranaa kun kan kabajame hordoffiifi to'annaa wayyaanee torbaan tokkoof adeemsisamaa ture mara gara kuteenya,of eeggannaafi bilchanaan bira darbuun ta'uun illee beekameera.

Uummanni Oromoo daangaa hanga daangaatti ji’a lamaan dursee sirna kabaja ayyaana irreechaatiif qopha’aa akka ture kan ibse maddi Oduu ABO,MOAn, haala kana kan shakkite lukkeen wayyaanee immoo, Irreeffattota hamilee buusuufi saganticha gara ofittii naanneffachuuf yaaltu illee otuu itti hinmilkaa'iin akka hafte hubachiiseera.

Irreeffataan maqaa isaanii ibsu hinfeene tokko haala qophii ayyaanichaa MOAf akka ibsanitti, qophii taasisaa turan keessaa Buusii geejjibaa fi aara-galfiif barbaachisu fi uffata aadaa walitti qabachuu dabalatee dhaamsa sirna ayyaanichaarratti bifa sirbaa fi barreeffama adda addaatiin uummataaf darbuu qabu qindeessuu  fi kkf dha.

"Ayyaanni irreessaa baruma baraan nama isaa ayyaaneffatu dabalaa dhufeera," kan jedhan maanguddoon Oromoo biraa immoo, 'kan baranaa  kan bara dabree caalaa hedduu dha. Jabinaafi kutannoo Irreeffattoota mara irraa mul'atu immoo kan hunda caalaa nu boonseedha," jedhanii jiru.

 Irreeffataan biroo kan ijjoollee isaanii wajjin gara ayyaanichaa ganamaan deeman akka MOAf  yoo ibsan, "tuutaan gurmoofnee makiinaa kireeffanee gara Malkaa Harsadii buunee turre. Ganamaan waan buuneef nagumaan irreeffannee deebine. Bardheengaddaa turree waan buuneef karaan bakka Irreessaa (malkaa) dhaqu namootaan guutamee otuu hin irreeffatine deebine,"jedhaniiru.

Akka maanguddoon kun ibsanitti, erga isaan deebi'anii boodayyuu namoonni hedduu gara Malakaa Irreeffannaatti yaa'aa oolan. " Oggaa nuyi deebinu namni hedduun otuu wal irraa hin citne gara malkaatti yaa'aa ture." jechuun heddummina irreeffattootaa ibsaniiru.

Oduu madda addaddaa irraa argame akka mirkaneessutti, Irreeffannaa baranaa irratti giddu galaan ummanni kuma sadiifi walakkaa ta'u argamuun isaa barameera. Inumaayyuu, gaazexaan Habashaa "Awura Ambaa" jedhamu akka gabaasetti   Irreechaa  baranaa irratti namootni miliyoona afur argamaniiru.

Waggaa 15f otuu irraa hinhafiin Irreeffataa akka turan kan ibsan maanguddoon dhibii immoo ayyaana Irrechaa banaraa sadarkaa olaanaa irra akka gahe ragaa bahan."Ani gaafa dura irreessi bifa ammaa kanaan jalqabu irraa jalqabee (waggaa 15 ol) hafee hin beeku. Baruma baraan wanta aadaa kan Oromummaa dhokatee ture ittiin mul'isantu mul'achaa jira." jedhanii jiru.

Ayyaana Irreeffannaa kan beerran, maanguddoonni, dargaggoonniifi shamarran  uffata aadaa uffatanii, waan aadaa qabatanii, "Yaa aayyolee" jechaa irratti hirmaatan kun Irreeffannaa ta'uu bira darbee gara waltajjii diddaa garbummaa irratti jijjiiramee akka oole illee oduu nu dhaqqabe irraa hubachuu dandeenyeerra.

*******

Malkaan Harsadii, Malkaa Galateeffannaa Bira Darbee, Waltajjii Diddaa Garbummaa Ta'e!

(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 17,2008)Ayyaanni Irreechaa baranaa Irreeffannaafi galateeffannaa bira darbee waltajjii diddaafi roorroo garbummaa  irratti ifaan ibsatan ta'ee akka oole beekameera.

Maddi Oduu ABO, MOAn, akka gabaasetti, Irreeffattoonni miliyoona sadiifi miliyoona walakkaa ol ta'an Waaqa waan mara isaanii qajeelche erga galateeffatanii booda diina miraafi haqa Waaqni isaan badhaase isaan sarbe immoo ifaan ifatti balaaleffataa oolaniiru.

Keessumaa, yeroo wayyaaneen ABO balleesseen jira jettee dhaadachaa jirtutti, yeroo gantoonni keessaa qabsoo bilisummaa Oromoo harka wayyaaneetti galchuuf yaalaa turan keessatti ayyaanni kun bifa qindaa'eefi jabaateen kabajamuun isaa namoota hedduu gammachiisee jira.

Haala kanas shamarreen Oromoo tokko akkanatti ibsitee jirti."Irreessi baranaa keessi isaa hiriira nagayaa fakkaata. Bardheengaddaas akkasuma ture. kan baranaa kun garuu kan addati. Yeroo wayyaaneefi OPDOn lukkeen gantootaa dabalattee,'ABO kan jedhamu harumaa hin jiru; harkatti galfanne; hundumaa miseesna godhane;' jedhanii  gaafa abjootaa jiran  keessatti dargaggeessi fi shamarran fuullee bahanii alaabaa ABO mul'isaa diina abaaraa fi qabsaaota faarsaa oolan."

 Kana malees, qonnaan bultoonni gama isaaniitiin, roorroofi komii mootummaan wayyaanee isaanirraan gahaa jiru sodaa tokko malee fuullee baasanii sirbaafi dhaadannoon ibsataa oolaniiru. Dhaadannoo ittiin mormii isaanii ibsataa oolan  keessaa " Nu qotnee nyaannaa lafa hin gurgurruu", Invastimeentii hinbeeknuu qonnee nyaanna; lafaa irraa hin buqqaanu" kan jedhanii fi "Nurraa galchaa Mallas Zeenaa diqaalaa nurratti dhalchaa", "Abbaan biyyaa dhufee karaa gadhiisi" "ABOn Dhufee karaa gadhiisi", "Nu aadaa keenyaan bullaa diina hin feenu" kan jedhu keessatti argama.

Gama biraan sirbaanis lukkeefi jalee wayyaanee abaaraa oolaniiru. Sirbaafi dhiichisa ittiin diddaa isaanii ibsachaa oolan  keessaa muraasni:

Hoo..hee.. Qoosaa dhiisii dhiisii;ABOn dhufee karaa gadlakkisii! kan jedhu keessatti argama.Itti dabaluunis,Yaa gumaa shunburaa, Dhagahe gaafa duraa,

Abbaan Duulaa Qooqatti harroota gurguraa! Hoo..hee

Yeroo isaan namoota reebaa konkolaatatti guuran warri kuun akkas jechuun balaaleffachaa turan. Innis:

Kopheen cittee cittee,

Maal goonu ree saroonni nu fixxee?!! jechuun diinaaf tuffii qaban ibsachaa oolaniiru.

Yeroo  mataan OPDO Minaaseen mannguddoota irreessa deemanitti makamee bakka irreessa  gahus  Mallasaa abaaruu dhiisanii " Abbaan Duulaa Soodootti harree nagada hin jennee?" jechuun jala deemtummaa isaa ifatti isatti himanii jiru.

Irreeffattooti diddaafi roorroo isaanii ibsatan kunneen jalqaba irratti gaafa Mallasaa abaaraafi balaaleffataa turan poolisoonni cal jedhanii ilaalaa turan. Garuu, booda keessa Minaasee arrrabsuu gaafa jalqaban ajaja Minaasee irraa kennameen   dargaaggeeyyii dhiichisaa jiran reebuun akka addaan bittiman godhame.  Sana biras darbanii irreeffattoota nagaatti dhukaasa akka bananii turan beekameera.


Ummatni Oromoo garuu diinaaf otuu hinjilbeeffanne, abdiis otuu hin kutanne, waljaaree, walgurmeessee fedhiifi abjuu qabu ibsachaa jiraachuun isaa sadarkaan qabsoo bilisummaa oromoo gara fuula of ittisaafi ofmul'isaatti akka jijjiirame mirkaneessa. Dhaloonni har'aa kanneen erga ABOn bosonatti deebi'ee dhalatan otuu hinhafiin,   Kaayyoo bilisummaa Oromoof kutannoon warraaqaa jiraachuun diinni haga fedhe wixxifatus bilisummaa Oromoo galii isaa akka hinhanqanne ragaa baha; kanneen akka gaachanaatti falmaniif kumaataman horachaa jiraachuus agarsiisa.

*******

Sirni Wayyaanee Irreeffattota  Hora Harsadii  65 Hidhuun Beekame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 17,2008)Sirni Wayyaanee Ayyaana Irreechaa baranaa akka fedhiifi sagantaa iishiitti aanjeffachuuf yaalii olaanaa gochaa turtu illee kutannoo fi jabeenya sabboontotaan otuu hinmilkaa'iin hafuun waltajjii  Diddaa Oromootaa dwaan ta'eef Irreeffattoota 65 ol hidhuun ishii  gabaasame.

Maddi Oduu ABO, MOAn, akka gabaasetti, wayyaaneen sagantaa Irreeffannaa fi sirna kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Arsadii baranaa dhiinfachuuf guyyaan shan yoo hafu sakatta'aan karaa Bishooftuu seensisu hunda irratti jalqabdee turte.

Sakatta'aan duraan poolisoota Oromoon gaggeeffamaa ture garuu, gara dhumaatti harka Tigirootaatti kan gale, Oromoota irraa amnataa waan hinqabneef  ta'uun poolisiin Oromoo maqaa isaa himuu hinfeene tokko MOAf ibsee jira.."Hanga guyyaa jala-bultiitti kan sakata’aa ture Poolisii Oromiyaa yoo ta’u guyyaa ayyaanichaa garuu Federaalatu sakatta’aa  ture.Kun immoo kan ta'epoolisoota dhalootaan Oromoo ta'an irraa amataa waan hinqabneef ture," jedhee jira.

Sakataan baranaa kan bara darbeerra adda addummaan qabu yoo jiraate, barana Uffata aadaa kan Alaabaa Gadaatiin kuulame tuquu dhiisuudha; bara darbe garuu Alaabaa ABO fi kan sirna Gadaa akkuma tokkotti ilaalanii guuraa turan.

"Qobsoo uummanni Oromoo karaa adda addaatiin taasisaa tureen har’a isaanuu dirqamanii uffachuu jalqabaniiru,"kan jedhe sabboonaan Oromoo tokko, "Nama alaabaa Gadaa uffate hidhuu irraa gara ofiifuu uffachuutti jijjiiramaniiru.Kun kan QBO isaan dirqisiise malee jaalatanii miti.  Kun immoo akka qoosaatti kan dhufe  miti. Jabinaafi qabsoo ulfaataan dhufe. Ammas isa hafe otuu isaanitti hadhaahuu akka dirqamanii liqimsan gochuu malee falli biraa hinjiru," jedhee jira.

Poolisiin Oromoo naannoo Adaamaa tokkos haala ajaja isaanitti kenname yoo ibsu, "Kan nutti himame, waan ABO kan ibsu mara guurree akka gubnu ture. Garuu, ummanni nu caala qaroo waan ta'eef haala addaan waan fedhu dhofkatee bakka Irreeffannaatti seeneera," jedhee jira.

Sakattaa baranaa irrattis alaabaa ABO guuranii gubuuf  yaalanis itti  hin milkoofne; uummanni alaabaa ishii xixiqqoo san akka addaatti dhoksee sakataa’a jala dabarfachuu danda'eera.. Kana biras darbuun, alaabaa ABO isa guddaa  lama tooftaa adda addaatiin sakataa jala dabarfatee iddoo Horaatti Abbaa Duulaa fuulduratti akka fannifamee ittiin sirbamu godhee jira.

Haala kanatti baayyee aaruudhaan poolisiin federaalaa namoota hedduu reebaniiru;  kaan immoo hidhaniiru.Dhukaasaas yeroo gabaabaaf dhukaasaniiru. Namoonni yeroo sanatti qabamanii hidhaman 60 ol kan ta'an yoo ta'u, haga ammaatti haalli isaan irra jiran hinbeekamiin jira.

Gama kaaniin,waltajjii waggaa afuriin dura Waldaa Maccaafi Tuulamaa,WMT jalatti Koreen Aadaa fi Seenaa ergaa(dhaamsa) uummataaf irratti dabarsaa ture san; har’a OPDOn fudhatamuun isaa uummata baayyee dheekkamsiisaa jira. "Maqaa Waajjira Gadaa Tuulamaa fi Biiroo Aadaa fi Turizimiitiin qabatanii waltajjii san Abbaan Duulaa fa’i waltajjii olola siyaasa isaani godhachaa jiru," kan jedhan maanguddoon biyyaa tokko," Haalli kun akkasiin itti fufnaan iddoo amantii ta’uun hafee walga’ii OPDO ta’uuf jira," jechuun sodaa qaban ibsatanii jiru.

Ummannis bal’inaan kan haasa’aa jiru, hojiin kaleessa nama hiisisaa ture, deebi'ee ergamtoota diinaan fudhatamuun ummata dogogrsuuf malee dhimma Oromoof yaaduu irraa kan madde akka hinta'iin kan ibsuudha.

Waltajjiin sun kan Oromoota hundaa turte; "gulantaa" sanis bara 2003tti kan ijaare WMT jalatti koree aadaa fi seenaa Finfinnee  fi barattoota Bishooftuutu dhakaa walitti guuree ijaare; yeroo san maaf "gulantaa" kana asitti tolchitan jedhaanii barattoota hojjachaa turan hidhamanii turan. Barattoonni sababa kanaan yeroo sana hidhamanis  har'a illee ragaa ta'u.

Ayyaana baranaa kana irratti gaaffii uummanni kaasaa ture hanga tokko deebisuun uummata sossobachuuf jecha Iddoo Horaa san mannee muraasa kaasanii xiqqoo bal’isuu yaalaniiru, karaas bal'isuu yaalaniiru, kun Ummata Oromoo mooksuuf kan fakkeessan ta'uu achumatti ummanni dubbachaa turan.

Karaa OPDOn karaa ayyaana kana ittiin Busheessaa jirtu keessaa tokko Hawwisoo Ummatarratti jibbamtuu taate hawwisoo Biiftuu Oromiyaa jedhamtu achitti fiddee uummatatti iyyisiisudhaan karaa seensaa cufuudhaan ummanni olola isaanii qofa akka ilaalu fi seeraan malkaa gadi bu’ee akka hin irreeffanne gochuu ture. Garuu, Irreeffattooti  daba kana dursanii hubachuun bakka sanatti otuu hingoriin Irreeffatanii gara qe'ee isaaniitti deebi'aniiru.

 Waraanni mootummaa ulee Oromoon akkaa aadaatti qabatu, SHIMALA dirqiin irraa guurtee gubaa turte. Haala kana balaaleffachuudhaan akkas jedhanii itti sirbaa oolan; "Hoo..hee hidhataan shani dabballeen kudhani,

Maal balleessee kan Shimala keenya gubani! Ehehee..eheehee," jedhanii gochaa wayyaanee balaalefachaa oolan.

Barruuleen DUUDHAA dhaamsa guddaa qabattee uummata barreeffama OROMUMMAA dheebotaa ture bira yoo geessee illee  ijoollee barruulicha gurguiraa turan   hidhanii rakkisaa turan. Haa ta'u malee haaluma fedheenuu barruulichi ummata hedduu harkaan gahuun danda'ameera.Namoonni  barruulee kana dubbisan hedduunis itti gammaduu isaanii ibsaa jiru.

Ayyaana baranaa kana irratti yeroo kamiyyuu caalaa namoonni lammii biyya alaa baayinaan kan argaman yoo ta’u baayyen isaani uffata aadaa Oromoo bitachuun uffachaa turan. Uummanni Oromoos yeroo kamiyyu caalaa uffata aadaa Oromootiin miidhagee daangaa hanga daangaatti fi bakka jiruu walitti dhufuun ayyaanichi Afrikaa keessatti dorgamaa akka hin qabne fi Afrikaanota aadaa isaanii dagatan maraaf akka ittiin of barbaadaniif  fakkeenya guddaa akka ta’u itti agarsiisaniiru.

Namoota jala bultii ayyaanichaa keessa Bishooftuu irraa hidhaman keessaa barataa Bulbulaa Takkaa fi barataa Badhoo kan jedhaman ammayyuu hidhaa kan jiran yoo ta’u, isaan wajjin kanneen hidhaman namotti 3 immoo hidhaa guyyaa sadii booda gadi dhiisamaniiru.

Ayyaana baranaa guyyaa itti kabajamuu qabu irratti mormii ka’aa ture. Namoonni ayyaanni Irreechaa Ayyaana Masqalaa Habashaatiin walqabachuu hin qabu jedhan, "Irreechi Ful. 28,A.L.Htti ta’uu qabaa," jedhan. Namoonni, "Ayyaanni Gubaa (masqalaa) kanuma Oromooti; garuu Habashootatu seenaa hin barbaachifnee walitti hidhanii nurraa fudhatanii guyyaan isaa dhiibbaa Amantaa Habashootatiin bakka durii irraa Ful.17tti jijjiiran  malee  ayyaanichi kanuma Oromooti," jedhanis jiru.

Dhugaa kana immoo Oromoonni har'a ille  sirbaan: "Masqalli kudhani har’a kudha shani,Osoon kiyya jedhuu narraa fudhatanii," jedhanii akka  ragaatti dhiyeessaa jiru.

"Yaadota kunneen lamaan irratti hayyooti keenya  gara fuulduraatti qorannoon sirreessiifi qajeelchuu qabu,"kanneen jedhan,"hagasitti  falmiin karaa lamaanuu jiru akka dhaabbachuu hindandeenye beekamaadha. Ammaaf garuu yaanni lammaffaa bal’inaan Ummata Oromoo biratti fudhatamaa jira," jedhanii jiru.

 Kana waan ta’eef, Oromoon guyyaa Ayyaana gubaa(masqala) barii(akka ammaatti Ful. 17 A.L.H jechuu dha) Ayyaana WAAREE kabaja. Ayyaanni Waaree ganama obboroo loon HORA arraabsisanii marga sirritti garaa quubsanii gara mooraatti dachaasanii OKOLEE dhaabbachuudhaan waaree irraa eegalee kabajama.

Okolee dhaabbbannaan sirna ayyaana waaree ta’ee maatii maatidhaan MARQAA okoleedhaan dhaabbatanii mijuu buufatanii eebbifatanii nyaataa-dhugaatiin itti fufa. Guyyaa waaree kana qe’ee irraa fagaatanii hin deeman; Waaree barii(akka ammaatti Ful. 18 A.L.H jechuu dha) FAATII bahu. Faatii jechuun sirna araaraa fi komii adda addaa Oromoota jidduu jiru araaramanii itti walqulqlleessanii dha.

Lolli gosaa fi gosaas yoo jiraate sirna kanaratti manguddootaan hiikoo kan argatu ta'uu maanguddoonni nidubbatu. " Sirni kun kan taasifamuuf sababni isaa Oromoon goomii fi komii adda addaa walirraa qabaatee wajjin Malkaa tokkotti hin irrreeffatu; kun uummata keenya biratti waan sirritti safeefatamuu dha. Osoo araara fi nagaa wal jidduutti hin qabaatiin Waaqa hin kadhatan; hin galateeffatanis; Yoo kadhatanis irraa hin argatan," jedhee dhugeeffata Oromoon.

Egaa kanaaf, guyyaa faatii kana (akka ammaatti Ful 18 A.L.H ) Malkaa hin bu’an; guyyaa “Oromoon walii faatumaa” jedhaanii araara buusaa oolanii dha. Walumaagalatti Irreechi akka sabaatti kabajamaa jiru kan HORA ARSADII torbanni WAAREEtitti kan darbeef(Ful. 25 A.L.H tti) kanarraa ka’uun  ta'uu dhaheeffannaafi milkeeffannaa Oromoo irraa hubachuun danda'ameera.

******

Ayyaanni Irreechaa  Norweey,  Barganitti Agarsiisa Uffannaafi  Bohaarsaan Dabaalamee Kabajame!

(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 17,2008)Ayyaanni Irreechaa bara 2008 Norweey, magaalaa Bargan  keessatti haala hoo'aafi miidhagaan kabajamuun beekame.

Odeeffannoon Norweey irraa Madda Oduu ABO, MOA, dhaqqabe akka beeksisetti, sabboontoti Oromoo bakka garaa garaa  jiraatan walgahuun ayyaana Irreechaa baranaa haala addaafi miidhagaan kabajanii jiru.

Odeessi Norway, magaalaa Bargan irraa nu gahe akka ibsetti, Ayyaanni Irreechaa  baranaa  Onkoloolessa  4 , 2008 bakka Oromoo fi ummanni alagaa hedduun argametti kabajamee ooleera. 

Akka kanaatti guyyaa keessaa sa’aatii 12 yeroo ta’utti Oromoo fi ormi ayyaana irreessaa  hordofuuf dhaqan bakka fløy banen jedhamutti ( baabura elektirikaan tulluu) walgahuun baaburicha koranii tulluu bahan.

Akka tullicha bahaniinis, Adulaa /Luba / Gumii Waaqeffannaa Addunyaa,GWA, obbo Asnaaqaa Hirkoo fi itti aanaa adulaa GWA obbo Tafarii Waraboo, kallachummaan irreecha cabsatanii,  coqorsa buqqifatanii,  faaruun gara hora irreechaatti akka qajeelamu godhuun isaanii beekameera. Bakka sanattis,  adulaa fi I/A adulaa GWA, walduraa duubaan waa’ee seenaa fi sirna irreechaa ilaalchisee haasawa gaggabaabaa godhanii jiru.

Ibsa kenname irraa akka hubatametti, Irreechaan ayyaan Waaqa waa hunda namaaf guute itti galateeffataniifi gara fuulduraattis akka namaaf dhagahuufi guutuuf kadhataniidha.

Ayyaana Irreechaa kanaaf dhibaayyuu fi daddarbaan dhihaates eebbifamee namuu irraa kan dhamdhame yoo ta'u, isa booda namuu sirbaafi dhiichisa  aadaafi amantii Oromoo calaqqisiisu taphachaa bakka dhufanitti milkiifi nagan deebi'aniiru.

 Namni Norwegean ta’e tokkos, kan bara darbe hiriyaa isaa ( kaadhimaa ) wajjin ayyaana Irreechaa irratti argamee ture, barana daa’ima argatan waliin dhufanii , "Ayyaana Irreechaan milkoofnee kunoo mucaa arganne” jechuun galata galfatanii jiru.

Ayyaana Irreechaa baranaa kun gama kaaniinis, eenyummaafi aadaan Oromoo daran akka beekamu daawitii ta'uusaa Ireeffattoti ragaa bahanii jiru. " Ayyaana kanarratti kan argamne  aadaafi amantii Oromoo waan calaqqisiisu qabanneeti. Akka raawwanneen immoo sirbaafi dhiichisaan ofirra deebine. Yeroo deebinu ummata adii fi daawwattoonni hedduun  nu hordofanii,waa’ee Irreechaa qorachuu fi baruuf tattaafataa turan."

 Waaree booda ammoo ayyaana kana ilaalchisee qophiin sirbaa fi taphaa waan tureef, achitti artistoonni Oromoo kan akka Abbabaa Abbashuu, Hirphaa Gaanfuree fi Tottoobaa Taaddasaa argamuun sirba aadaa fi ammayyaan Irreeffattoota bohaarsaniiru.

Kana gidduuttis  sagantaan agarsiisa uffannaa aadaa obbo Asnaaqaa Irkoon dhihaatee ture. Agarsiifni uffannaa Aadaa Oromoo kan godinaalee Oromiyaa  adda addaa keessatti uffatamu  hedduun  bifaa fi halluu adda addaan faayamee, shamarraniin  uffatamee dhiyaate kunis barumsaa fi hubannoo cimaa kan dabarse ture.

Sabboontoti Ayyaana kana irratti argamanis dhaamsa dhaloota Oromoof dabarsaniin, Irreechi mallattoo Oromummaa kan aadaafi amantiin Oromoo keessatti calaqqisu ta'uu hubachiisanii,  "fuula duratti aadaafi amantii Oromoo kana guddisuu fi dagaagsuu keessatti qooda guddaa taphachuu  qaban," jedhanii jiru.

Hawwiifi Fedhiin Irreeffattoota baranaas, akkuma aadeffamee ture sanatti kan darbeef galateeffannaa galchuun, kan dhufuuf immoo wareeggachuun raawwatee jira. Hawwiifi Fedhiin Irreeffattootaas, "Waaqni barana milkiin nu hoofkalche, bara dhufuun nagaan nu haa gahu !  Tokkummaa fi jaalala walii nuuf haa kennu ! " kan jedhu ta'uunis afaan Eebbifannaa Irreeffattootaa irraa hubachuun danda'ameera.

******

Ayyaanni Irreechaa Biyyaoota Addunyaa Addaddaa Keessatti Sirna Hoo'aan Kabajame!

(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 17,2008)Ayyaanni Irreechaa bara 2008 Oromiyaa dabalatee biyyoota addunyaa addaddaa keessatti haala hoo'aafi miidhagaan kabajamuun beekame.

Odeeffannoon Norweey irraa Madda Oduu ABO, MOA, dhaqqabe akka beeksisetti, sabboontoti Oromoo biyyoota addunyaa garaa garaa keessa faca'anii jiraatan walgahuun ayyaana Irreechaa baranaa haala addaafi miidhagaan kabajanii jiru.

Norweey, Bargan keessatti onkoloolessa 4, 2008 haala hoo'aan kan kabajame ayyaanni Irreechaa, biyya Germanii fi Amerikaa  bakka gara garaa keessattis sirna ho’aan guyyuma walfakkaatutti kan kabajamee oole ta’uun hubatameera.

 Ayyaanni Irreechaa kan Oromiyaa, magaalaa Bishooftuuttis  Onkolooleesa  5, bara 2008 haala addaan kan ayyaaneffatamee oole ta’uus oduu nu gaherraa hubachuun danda'ameera.

Ayyaana baranaa guyyaa itti kabajamuu qabu irratti mormii ka’aa ture. Namoonni ayyaanni Irreechaa Ayyaana Masqalaa Habashaatiin walqabachuu hin qabu jedhan, "Irreechi Ful. 28,A.L.Htti ta’uu qabaa," jedhan. Namoonni, "Ayyaanni Gubaa (masqalaa) kanuma Oromooti; garuu Habashootatu seenaa hin barbaachifnee walitti hidhanii nurraa fudhatanii guyyaan isaa dhiibbaa Amantaa Habashootatiin bakka durii irraa Ful.17tti jijjiiran  malee  ayyaanichi kanuma Oromooti," jedhanis jiru.

Dhugaa kana immoo Oromoonni har'a ille  sirbaan: "Masqalli kudhani har’a kudha shani,Osoon kiyya jedhuu narraa fudhatanii," jedhanii akka  ragaatti dhiyeessaa jiru.

"Yaadota kunneen lamaan irratti hayyooti keenya  gara fuulduraatti qorannoon sirreessiifi qajeelchuu qabu,"kanneen jedhan,"hagasitti  falmiin karaa lamaanuu jiru akka dhaabbachuu hindandeenye beekamaadha. Ammaaf garuu yaanni lammaffaa bal’inaan Ummata Oromoo biratti fudhatamaa jira," jedhanii jiru.

 Kana waan ta’eef, Oromoon guyyaa Ayyaana gubaa(masqala) barii(akka ammaatti Ful. 17 A.L.H jechuu dha) Ayyaana WAAREE kabaja. Ayyaanni Waaree ganama obboroo loon HORA arraabsisanii marga sirritti garaa quubsanii gara mooraatti dachaasanii OKOLEE dhaabbachuudhaan waaree irraa eegalee kabajama.

Okolee dhaabbbannaan sirna ayyaana waaree ta’ee maatii maatidhaan MARQAA okoleedhaan dhaabbatanii mijuu buufatanii eebbifatanii nyaataa-dhugaatiin itti fufa. Guyyaa waaree kana qe’ee irraa fagaatanii hin deeman; Waaree barii(akka ammaatti Ful. 18 A.L.H jechuu dha) FAATII bahu. Faatii jechuun sirna araaraa fi komii adda addaa Oromoota jidduu jiru araaramanii itti walqulqlleessanii dha.

Lolli gosaa fi gosaas yoo jiraate sirna kanaratti manguddootaan hiikoo kan argatu ta'uu maanguddoonni nidubbatu. " Sirni kun kan taasifamuuf sababni isaa Oromoon goomii fi komii adda addaa walirraa qabaatee wajjin Malkaa tokkotti hin irrreeffatu; kun uummata keenya biratti waan sirritti safeefatamuu dha. Osoo araara fi nagaa wal jidduutti hin qabaatiin Waaqa hin kadhatan; hin galateeffatanis; Yoo kadhatanis irraa hin argatan," jedhee dhugeeffata Oromoon.

Egaa kanaaf, guyyaa faatii kana (akka ammaatti Ful 18 A.L.H ) Malkaa hin bu’an; guyyaa “Oromoon walii faatumaa” jedhaanii araara buusaa oolanii dha. Walumaagalatti Irreechi akka sabaatti kabajamaa jiru kan HORA ARSADII torbanni WAAREEtitti kan darbeef(Ful. 25 A.L.H tti) kanarraa ka’uun  ta'uu dhaheeffannaafi milkeeffannaa Oromoo irraa hubachuun danda'ameera.





Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net