Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Ijoo Dubbii

Murtii fi Waliigalteen Konfereensii Mormitoota Soomaliyaa Akkasuma Ijaarsi ‘Tumsa Bilisummaa Somaliyaa’ Asmaraatti Labsame Kabajamuufiin Mirga; Haqas!


Konfereensiin Mormitootni Soomliayaa, kan jaarmayootaa fi qaamota hawaasa ummata Soomalee bakka bu’u, yeroo torbee oliif magaalaa Asmaraatti deemsifamaa ture milkaa’uutti dabalee, akeeka hawame dhaqqabuun isaas hubatame jira.

Konfereensiin Asmaraa, dhalootni Soomalee seenaa qabeessa jedhaniin kun keessumoota 400 ol ta’an hirmaachisee ture. Hirmaattotni Konfereensii kanaa miseensota paarlamaa Soomaliyaa, Itti aanaa muummicha Ministera Somaliyaa kan turan, hoogganoota ummata Soomalee sadarkaa gara garaa biroo, hayyoota, hoogganoota mana Murtii Islaamaa, Lammiilee Soomalee jiraattota biyyoota alaa adda addaa ta’an, bakka bu’oota jaarmayoota mormitoota biyyattii adda addaa, akkasuma sabboontotaa fi nagaa jaalattoota dhaloota Soomalee tahan hedduu turan.

Jalqabuma irra qabee, qopheessiootni waltajjii addaa kun, akeekni isaanii, malaa fi tarsimoo humna weerartuu mootumaa Wayyanee Biyya fi ummata Soomaliyaa irraa baasaniin lafa kaa’u akka ta’e addeessaniiru. Akeeka kana fiixaan baasuu dhaaf, karaa Waraanaa fi diplomaasiitti kan gargaaraman tahuus hubachiisan. Dhumarratti Konfereensiin mormitoota Soomalee, Asmaraatti geeggeffame kun, jaarmayaa siyaasaa Tumsa Bilisummaa Soomaliyaa jedhamu utubuu beeksise jira. Tumsi kun miseensota hoogganaa sadarkaa koree jidduu 195, kan akka mana mareetti hojjatani fi miseensota koree hujii raawwachiiftu nama 10 kanneen caasaalee dameelee hujii tumsichaa geeggessan of keessa qabu filachuus labsani jiru.

Galiin Tumsa Bilisumma Soomaliyaa sadarkaa duratti, humna qubattuu mootummaa Itoophiyaa humnaan baasuuf fi itti aane ammo karaa nagaa dursanii akka ba’aniif loltoota sirna Mallasiif hiree laatu ta’uu karoorsaniiru. Humnii waraana weerartuu Itoophiyaa, mootummaa Cehumsaa Soomalee tinnisaa jiru, ammaa fi ammaatti lubbuu ofii baafatuu dhaaf akka biyya Soomaliyaa gad dhiisani bahu qabanis akeekachiifamuun barameera. Hirmaattotni yaa’ii kanaa ijaarsi Tumsaa Bilisumama Soomaliyaa kun biyyaa fi ummata Soomaliyaaf furmaata bu’ura akka tahuu, amanti qaban hin dhoksine.

Murtii fi waliigalteen hoogganootni ummata Soomalee, mormitotni, hayyootaa fi beektotni hawaasa biyya gaanfichaa kun guduunfatu danda’an kun, kabajuufiin akkaan barbaachisa ta’a. Sababni isaa innii bu’ura, kun yaalii furmaataa Soomaliyaa kan ummata Soomaleen carraqaame waan taheef. Gama biraan, kan dagatau hin qabne, waggoota 16-dabran kana keessatti walgahiilee fi watajjiileen araaraa jedhaman, 16-ol ta’an kan maqaa ummata Soomaleen biyyoota akka Kenya, Djibouti fi Mirsiitti adeemsifaman kamuu nagaa hawame argamsiisuu tokkoon maleetti waan hafuu mudataniif.

Kana malees dhihoo dhuma kana maqaa nagaa fi araaraa jedhuun, Magaalaa Mogadishootti kan yeroo baatii tokkoo oliif deema ture, konfereensiin hooggana mootumama Cehumsaa Soomaliyaa jalaatti fi tohannoo humna waraana Itoophiyaa dhaan geeggeffame tokko, waliigaltee fi firi tokkoon maleetti kan adda gale ta’e waan argameef. Konfereensiin mormotoota Somaliyaa Asmaraatti deemsifame kanaafuu akka fala haarayaa fi abdi gara biraatti ummataan kan ilaalamutti geessaa jiruuf.

Sirni ofittumaan cuuphame kan gartuu TPLF-wayyaneen wal diddaa fi fafaca’u hawaasaa fi biyyaa Soomaliyaa kana keessaa dantaa waan qaban qofaaf yaaliin nagaa fi araaraa walaba tahan kan mormitootaa fi ummatni Soomalee bilisa ta’an geeggeffatan dura dhabbatu. Sirna Wayyanees ta’e, anga’ootni alaa rakkina Soomaliyaa irra walaba ta’u dadhaban gara garaa, bakka konfereensiin kun itti taa’e fi garii hirmaattota konfereensichaa qofa irratti xiyyeeffannaa laatu dhaan, duruu osoo konfereensichii hin xumuramin yaaddoo fi sodaa qaban gara garaa tarrisuutti ce’an.

Jarjartii dhaan fi duuchaatti yaali furmaata abbootiin dhimmaa tattaffatan balfuun akkanaa kun roga kamuu irraa kan ilaalamu yo tahe, amala, aadaa fi sirna wal diddaa furuuf gargaaru miti. Akkaataa fi bifoota waggoota 16n dabran biyyaa fi ummata Soomaliyaaf nagaa buusuu ittiin dadhabameetti humnaan dhiibbatuun Wayyanes ta’e, anga’oota kanneenii, qabeenna itti qabaaturraa yo ta’e malee, yaadaa fi ilaalcha madaalawaa furmaataatti geessu qaban jedhanii kan amanan heddu diqqaataa akka dhufe hubatu feesisa.

Dhaabni ABO, wal diddaa akkasuma rakkina ummataa fi biyya Soomaliyaa mudate laalchisee baroota hangaa yoonaa kana hunda keessatti dhaabbii ifaa fi beekkamaa qabate jira. Ummatni Oromoo fi dhaabni kallacha qabsoo Oromoo, ABO, wal diddaa fi balaa biyya fi ummata Soomalee mudataa jiru, ummatuma Soomalee qofaan kan furamu danda’u tahuu isaa, ibsootaa baaseen fi waltajjiilee adduunyaa gara garaa irratti dhihaatuun akkuma addeessaa ture, ar’as ibsu itti fufa. Furmaatni rakkinoota Soomaliyaa, Soomalootumaan ta’a.

 

Kanumaaf, murtii fi waliigalteen konfereensii mormitootaa fi ummata Soomalee Asmaraa kan tumsa bilisummaa Soomaliyaa amma labsame kun, kan hireen kennamuufi qabu ta’u ABO ni akeeka. Rakkina biyyaa fi ummata Soomalee waggoota kudha-jahan dabran mudataa jiru furuu dhaaf, murtii fi gaafatama furmaata soqoo, ummatuma Soomaleef dhiisuun barbaachisa ta’a.

Waggoota hangaa kana booda murtii fi fedha ummata Soomaleef dursa laalchuun murtii hunda caalaatti fardiitti kan yeroonsaa ammaa tahuun dagatamu hin qabu. Waan taheef, murtii fi waliigalteen konfereensii mormitoota soomaliyaa Asmaraa akkasuma ijaarsi ‘Tumsa Bilisummaa Somaliyaa’ kabajamuufiin mirga. Haqas!

Kun Ejjennaa Adda Bilisummaa Oromoo ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Fulbaana 14, 2007

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net