Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Ijoo Dubbii


Imaammatni ajjeechaa Lammiilee Oromoo, sirni Mallas Zenaawii Hordofuu fi Ajjeefamuu Lammiilee Oromoo keessummeessuun Mootummaa Nairobi, Daangaa Seeraa fi Seenaas Tarkaanfatee jira!


Fuulbana 5,2007 (ABO) - Gaafa Fulbaana 4, 2007, humni tarkaanfii mootummaa murna bicuu Tigray-TPLF sabboonaa Oromoo, jiraataa magaalaa Moyyale-Kenyaa, akkasuma ogeessa suphaa huccuu kan ta’an Obbo Gaaromsaa Abdisaa galaafatuun gabaafame jira. Kana males, guyyuma kana reeffii dubarti Oromoo tokko, akkasuma gartuu tarkaanfii murna Wayyaneen ajjeefamuutti kan amanamu, magaalaa dhuma Mooyyale-Kenya tti gatame argame.

Ajjeefamuu lammiilee Oromoo kana qofaa miti. Kan ulfaatu, akkuma kanaan duraatti gartuu tarkaanfii sirna Mallas kun, Oromoota kanneen waajjiroota mootummaa Kenyaa magaalaa Mooyyale fuula duraatti, guyya saafaa dhaan ajjeessuu isaaniiti. Humni tarkaanfii konkolaataa waraanaa tokko guutuudhaan Kenyaa ce’ani, ergaa yakka kana raawwataniin boodas, gaaffii tokkoon maleetti nagaan deebi’ani galuun hedduu nama dhiba.

 

Trkaanfiin ajjeechaan suukaneessaan kan dhala Oromoo irratti sirnii abbaa Irree Wayyanee raawwate kun kan duraa fi kan dhumaa illee miti. Sirnii kun lammiilee Oromoo bakka iyyuutti ajjeessuun, Oromoo jiilchani humnaan of jalaatti bulchuu dhaaf imaammata dhaabbataa akka lafaa qabu beekameera. Imaammatni ajjeechaa, keessattu sabboontota Oromoo irratti kan gartuu TPLF dhaan dirirfame, bara 1991, yeroo dhaabni ABO qaama mootummaa Cehumsaa Itoophiyaa keessatti hirmaatuu  isaa mallateesse ture irraa jalqabuusaa seenaan galmeesseera. 

Yeroo sana irraa kaasee, akeekni murnii shiftaa TPLF jedhamu kun hooggana, miseensotaa fi deegartoota dhaaba ABO dhabamsiisuu akkasuma ammo, sabboontota kaayyoo Oromoo mararfatan lafarraa qulqullessu hujii duraa taasifatani itti jiran.

 

Sodaa qabsoo mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo fi kallacha qabsoo Oromoo  kan ta’e dhaaba ABO irraa qabdu hundee taasifatuu dhaan, gartuun TPLF, Mallas Zenaawiin durfamu walii galtee chaartara cehumsaa diiguun, karoora ajjeechaa imaammate ture, bakka iyyuutti dhala Oromoorratti hujiitti hiikuu eegalan.

Dhuma bara 1991 irraa kaasee hanga, gaafa Waxabajjii 22, 1992tti, dhuma irratti dhaabni ABO chaartara keessa bahuuf dirqamuutti, Sirni TPLF lubbuu hayyootaa fi jaallatamtoota sabaa, dhiiraa-dhalaa osoo hin jenne danuu galaafataniiru. Dhaaba ABO mootummaa cehumsaa Itoophiyaa jedhamu sana keessaa ari’uudhaan, akka ammaa kanaatti kophaa gulufuu qofaaf,  sirnii Wayyanee, waajjiroora ABO abiddaan gubuu, dabbalootaa fi gaafatamtoota waajjirootaa ajjeesuu, ukaamsuu, hoogganoota dhaabichaa fixuu, qabeenna dhaabichaa fi ummatichaa saamuun dhunfatu, miseensota dhaabichaa akkasuma ummata bal’aa Oromoo lafarraa duguuguutti akkuma bobba’eetti jira.

 

Imaammatni ajjeechaa lammiilee Oromoo sirna faashistii Mallasiin diriirfame kun, ABO chartera keessa dhiibuu qofaatti kan daangeffamee miti. Yeroo sanarraa kaasee hangaa ar’atti, tarkaanfiin ajjeechaa lammiilee Oromoorratti biyyaa fi biyyoota ollaa akka Somaliyaa , Djibouti , Sudan fi Kenya keessatti bal’inaan itti fufee argama.

Dhugaan jiru, gartuu gaafatamni itti dhagahamu hanqate ta’u qofa osoo hin taane, tarkaanfiilee fi imaammatni dabeessummaa sirna Wayyanee kun, diinummaa ol-aanaa saba guddicha Oromoo kanaaf mootummaan TPLF jedhamu kun horatan kan mirkaneessu ta’e galmaa’e jira.

Sirnii goolessitu Wayyanee-Mallas Zenaawiin durfamu kun, Waggoota kudha-shanan dabran keessatti, mootummoota Itoophiyaa dabran akka sirna Mootii Haile Sillaasee jedhamuu fi sirna faashistii Dargii illee caalaatti lubbuu ummatoota biyyatti, addatti ammo lubbuu Oromootaa kan galaafatuun galmeeffamee dha. Kanaatti dabalee, Sirna Wayyaanee ammaa kana caalaatti, kan daangaa seeraa biyyoota cehee dhala Oromoo lammiilee biyyattis ta’e, Oromoota lammiilee biyyoota ollaa faana bu’e ajjeese hin jiru.

 

Fakkiidhaaf, Sirnii shiftaa Wayyaanee mootummaa Itoophiyaa ar’aan waamamu kun;

Obbo Jaatani Ali Tandhu Nairobi tti bara 1992 ajjeese;

Obbo  Taaroo Soraa (Chief Kenya)Naannoo Solooloo-Kenyatti 1995 ajjeese;

Obbo Hussen Soraa Aagolee (Hayyuu  Seeraa lammii Kenya ) Nrb-tti bara 1995 ajjeese;

Obbo Xuusee Areeroo Magaalaa Mooyyale-Kenyatti bara 1996 ajjeese;

Obbo Mul’is Gadaa (Hooggana olaanaa ABO) Mogadishotti bara 1999 ajjeese;

Obbo Hajj Hassan Magaalaa Mooyyale-Kenyatti bara 1999 ajjeese;

Obbo Qallaa Waaqoo Beeroo (lammii Kenya ) Magaalaa Saakuutti bara 1999 ajjeese;

Obbo Qassim Mohammad magaalaa Mooyyale-Kenyatti bara 2001 ajjeese;

Obbo Halakhee Diidoo Magaalaa Mooyyale-Kenyatti bara 2003 ajjeese;

Obbo Areeroo Galgaloo magaalaa Mooyyale-Kenyatti bara 2004 ajjeese;

 

Tarrisni maqaa gootota, hayyootaa fi sabboontota, Oromoo garii biyyoota ollaatti sirna faashistii Wayyaaneen galaafatamani kun asirratti bakka fi yeroo qusatu qofaaf kan gabaabsamee dha. Haa tahu malee, Oromootni biyyoota olla akka Djibouti, Soomaliyaa, Sudan fi Kenya irraa ukaamfamanii dhabaman; Humnaan biyyatti deebifamanii ajjeefaman fi hidhaman; Qaama hir’ifaman;  Dubartootni gudeedaman; walumaa gala yakka namummaa nama keessatti hin hayyamamneen Oromootni Wayyaneen miidhaman kumootaatti hedaman.

 

Haa tahuu malee, Imaammatni duubaatti hafaan ajjeechaa, kan sirni Itoophiyaa Oromoota irratti hordofu kun, umrii bittaa sirnichaa gabaabsuuf kan gumaachu malee, akka TPLF yaadduutti kan ABO fi Oromoo dhabansiisuu hin taane. Tarkaanfiin dabeessumma kun qabsoo bilisummaa Oromoos akka sirnichii hawwutti hin dadhabsiifne, hin dadhabsiisus. Diinummaan saba guddicha Oromoo irratti Mootummaan Mallas labse, kan ummata Oromoo qabsoo bilisummaa isaaf karoorsu male irraa deebisuun hin taane. Wareegni Oromootni keessaa fi alaatti baasaa jiran kun kan ummaticha dhaaba isaa ABO faana hiriirsu ta’e murachiise jira. Tasuma, nagaa fi boqonnaan akkanaan mootummaa murna bicu TPLF dhaaf argamus akka hin jirre, ni beekama. Furmaatni ajjeefamu kannneeni, ummatootni biyyatti qabsoo dhaan sirna TPLF mallas Zeenaawiin hoogganamu, mootummaa farra ummatootaa ta’e kana hundeedhaan buqqisuu qofa ta’e laphee lammiilee biyyattii keessatti gudunfamee jira.

 

Gama kaaniin, biyyoota olla Oromoo hundumaa caalaatti, mootummaan Nairobi bara baraan ajjeechaa suukaneessaa Oromootaa, Wayyaaneen raawwatamu keessummeessuun hedduu nama dhiba. Dhugaan jiru, Nairobiin hangaa yoonaa mootummaa nagaa-qabeessa, tasgabbaa’aa fi hin-baabsine ofiin jedhan kun, keessa isaatti rakkina cimaa, sirnii Wayyaanee irraa dhaabbate mormitoota isaa akka kanaa oliitti nyaatuutti milkaa’e akka qabu hubatamaa dhufeera.

Hundeen rakkina mootummaa Nairobi , Kenyaan, akkuma biyyaattu imaammata dhimma alaa ifaa fi beekkamaa ta’e, kan ilaalchaa, dhaabbii fi hujiilee isaa hoogganan lafaa qabaatuu dhabuu isaati. Immaammataa hariiroo isaa hoogganu ifaa dhaabuun Mootummaa biyya Kenyaa kun lubbuu hayyootaa fi sabboontota Oromoo hedduu galaafatamuun daangaa tarkaanfate kana keessatti qooda qabaachu isaa seeraa fi seenaanis fokkataa ta’uun hin falamsiisu.

 

Mootummaan Kenya itti aanu, rakkina keessa isaa cimaa ta’e, kan dhangalaafamu dhiiga lammiilee Oromoo daangaa dabre kana akka seeraan ugguru ummatni Oromoo hawwii guddaadhaan akka eeggaa jiru ifaa dha.

 

Kun Ejjennaa Adda Bilisummaa Oromoo ti!

 



Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net