Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Ijoo Dubbii


Murtii fi Tarkaanfiin Eebbifamaan UN Yakka Ummata Ogaden Mudataa jiru irratti fudhate, Bal’aa fi Guutuu Ta’uu Kan Qabuu dha.

(Hagayya 30, 2007)

Yakka waraanaa fi dhiitamiinsa mirga namummaa sadarkaa malee, Mootummaan Gartuu Itoophiyaa, TPLF, Ummata Ogaden irratti raawwate qoratuuf gartuu ogeeyyotaa gara Ogaadeniyaatti erguuf murteessuun Tokkumma Biyyoota Gamtoomani (UN), tarkaanfii gootummaa, sirrii ta’ee fi eegamuu dha.

Iyyannaa ummata Ogaden fi gabaasaalee jaarmayoota namoomaa gara garaa akkasuma gabaasaalee mediyaalee walaba tahan adda addaan saaxilamaa dhufan irraa kan burqe, tarkaanfiin qaamota ogeeyyotaa, kan jaarmayaan olaanaan adduunyaa-UN-dhaan ajajame seeraafis ta’e seenaa dhaaf fardii dha.

UN qaamota isaa akka WFP, WHO, UNHCR, UNDP, fi kkf, ogeeyyota seeraa dabalatee qondaalota hangaa digdamaa ta’an iyyannaa fi himannaa ulfaataa mootummaan abbaa Irree Melles Zenaawii irratti dhihaataa jiru akka qorannoo geeggessaniif qajeelchuun ummatoota biyyattiif abdii olaanaa dha. Qormatni UN dhaan geeggeffamu kun walaba tahuu akka qabu eeggannoo amma akeekamu tahuu akka hin qabne ifaa dha.

Iyyannaan ummata Ogaaden kun kan dhiheessaa jiru fi gabaasaleen yakka mootummaa Itoophiyaa qaamota gara garaan as bahaa jiran kun hundeedhaan kan saaxilaan qabu. Kunis yakka waraanaa olaanaa maqaa dhaaba Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden (ABBO) balleessuu jedhuun sirni faashistii gartuu Wayyaanee kanaan siviloota irratti rawwataman balaaleffataa jiran.

Qabatamaatti kan akka qoratamuuf UN ogeeyyota bobbaasaa jiruuf, tarkaanfii sirnichi ‘Qabsoo bilisummaa ummata Ogaden dhabasiisuu’ akeeka jedhuun qabatee ummata ogaden karaa dinagdee fi hawaasummaa jilbeenfachiisuuf itti bobba’e laallata.

Galii cubbamaa kana fiixaan baafatuuf mootummaan Itoophiyaa kun, karaa humna waraana isaa, gochaalee balfamoo fi dhala namaaf hin malle kanneen akka ummata nagaa qe’eetti jumlaan fixuu; Qubsumoota ummatoota jalaa gubuu; Maatilee ummataa manneen jireenna isaanii waliin abiddaan barbadeessuu; Tooftaa ummatoota jiilchuu haaraatti kan as baafame shamarrani fi haawwan humnaan fi jumlaan akka loltootni sirnichaa gudeedan taasisuu; Akkuma Sirna dargiitti tohannoof jecha Ummata humnaan bakka tokkootti waliitti qubsiisuu; Ummata naannoo Ogaaden jireenna waliigalaa irraa ittisuu akkasuma qunamtii geejjibaa irraa muruu; Badii fi seeraan ala ummata jumlaan hidhuu; Shakkamtoota kanneen jedhaman torture gochuun daangaa maleetti hiraarsuu fi yakka kkf-faan sirnicha himatamaa akka jiran ni beekkama.

Sirnii TPLF akkuma aadaa fi amala isaa yakka sadarkaa adduunyaatti saaxilame kana mormatuuf fuullefatuu irratti argama. Silaas sirna nama nyaataa Wayyaanee; Murna bicuu gaafatamni itti hin dhagahamne kanarraa yakka raawwatan kannen ni amanan jedhanii hawwuun hin eegamu. Kanumaaf dhugaa jirtu bira gahuuf ogeeyyota bobbaasuun UN sirrii fi barbaachisaa tahe argame.

Garuu, murtii fi tarkaanfiin gootummaa qaamni olaanaan aduunyaa UN, yakka ummata Ogaden irratti raawwatamuun gabaafame laalchisee ajaje kun, ammas akka kanaan guutuu fi furmaata hundee ummata Ogadenis ta’e ummatoota biyyaattiif kan fidu ta’e hin mul’atu. Itti bahaa qormaatichaa irratti kan hirkatu, akeeka sirna Melles Zenaawii itti gaafatuus tahe sirreessuu dhaqqabuuf, qormaatni UN kun akkanaan kan haqina qabaatu tahu isaa ammumaan UN hubachiisuun dirqi ta’a.

Sababni isaa, Sirnii murna TPLF/EPRDF yakka fakkaataa akka ummataa fi nananoo Ogadeni laalchisee oliitti tarrifamee fi hedduu biros ummatoota biyyattii akka Oromoo, Sidaamaa, Amhaaraa, Gambeellaa, Ummatoota Kibbaa, Affaar fi Tigray illee osoo hin hafne, ummatoota irratti raawwataa akka turee fi jiru amma dhokataa miti. Kanaas ummatootni biyyattii keessaa fi alaatti akkuma himataa turan ar’as itti jiran.

Kun miidhaa wal fakkaataa biyyattii keessatti sirnichaan geessifame hunda qoratuun bira gahuun, gabaasaa fi murtii furmaataa hundee qabeessa lafa kaa’a amantaan jedhu ummatoota biyyatti biraa ni dhagahama. Fknf, maqaa Qabsoo bilisummaa Oromoo fi Dhaaba ABO akkuma ABBO sanaatti dhabamsiisuu jedhuun ummata Oromoo fi Oromiyaa qofa irratti sirnichi raawwatu akka fakkii olaanaatti ilaalamuun ni gaha.

Kanaaf, UN murtii fi tarkaanfiin qorannoo yakka ummata naannoo Ogaden irratti mootummaa Mallasiin raawwatame guutuu taasifatuuf; Gochaalee goolii wal fakkeennaan ummatootaa Itoophiyaa sirna abbaa Irree TPLF jalaatti mudataa jiru hunda bira gahuus tahe dhaabsisuuf; Walumaa gala Mootummaa Mallas itti gaafatama seeraa fi seenaadhaaf dhiheessuudhaaf, murtii fi tarkaanfiin qorannoo yakkaa UN dhaan qajeelfame naannolee fi ummatoota Itoophiyaa keessatti humnaan marfamanii jiran cufa ida’achuun fardii dha.

Waan taheef, yakkaa fi gochaalee bineensummaa sirna TPLF/EPRDF guutumaatti bira gahuuf, qorannoo guutuu tahe geeggessuun UN dirqama ta’a. Dhugaa lafarra jirtu guutummaatti yo hin barree, tarkaanfii sirreessaa guutuu fi buqaasaa ta’e akeekus ta’e fudhatuun UN kanhanqina qabaatu tahuun isaa waan hin hafneef.

Kun Ejenna Adda Bilisummaa Oromoo ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 



Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net