Oduu |
Hiriira Magaalaa Portlan
|
Bitootessa 18, 2007 (Portland USA) - Guyyaa ardha magaalaa Portland keessatti lammii America 50,000 laakkawamutti hiriira nagayaa baatee irratti Qindominna konyaa ABO Oregontin Oromon waltajjii(booth) dhuunfachuun waanni asii gadii dalagameera. Suuraalee Laaluf as tuqi
- Fuula waraqaa Tokkoo Oromiyaan eenyu akka taatee maal akka barbaaddu kaayyon siyaasaa ABO maal akka fakkaatu( Oromia over view), b/ Kan biraa ammo maaltu oromoo irra mootummaa kanaan gayaaraa, mootummaan biyya America sab bicuu Melles geggefamtu maqaa War on terror fakkeessanii akka gargaaraa jiran KKF ibsuu, C/.ummata dhiyoo kana wayyaanneen gaara suufii tti fixxee irratti kan xiyyeefate ibsa ABOn kennee fi VOA irraa argame d/ Waraqaa gabaabduu beeksiisa ilaalu( Prominent web sites ABO web site, info desk email and contact information, Gadaa.com web site, oromoindex.com). Achirratti want barreeffamee( call or write to your senator, congressmen and women about plight of Oromo. Urge the Bush administration to stop supporting the dictatorship of the Ethiopian government led by Meles zenawi) KKF waraqaa dhimma A - D gubatti tuqame irratti mataa mataan xalyaan 1000 ol ta'u ummata hiriira irratti argammee bittinneefameera.
- Info Booth (Waltajji qabannee) ummata nu bira dhufee oduu nugaafatee hundaa waan deemaruu fi maal akka barbaadnu kan itti himame yoo ta'u, garri guddaan warra isaan bakka bu'aniif xalayaa maqaa ummatta oromootin akka barreessan waadaa nuuf galaniiru. Tarii barsiisotin gariin Africa study irratti kan lecture godhan bayyee waan deemaruu kana irraa yaada baldha kan wal jijjirre yoo ta'u, keessattu professorin tokko quunamti nu wajjin uumee waa dalaguuf waadaa nuu galee beellamaan adda deemne.
- Waltajjiin keenna Alaabaa Oromoo(ABO) fi dhaadannoo, US stop supporting dictatorship of Ethiopia, end genocide in Oromia, KKF qabatamee kan dhaabannee yoo ta'u Alaabaan teenna akka hangaatee ooltu ta'eera.
- Yeroo ummatin tarretti galee mile 1 ½ hiriira deemuu alaabaa teenna qabannee hiriira yennaa deemnu alabaan teenna TV chanel 8 fi channel 2 irratti hangaatee muldhachun Oromo kan gammachiiftee yooo ta'u diina riffachiiteerti.
- Gaafii fi deebiin radio KBOO jedhuu wajjin Godhameera.
|
Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.
|
|
|