Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oduu Biyyaa


Amajii 4, 2008 (Oromiyaa) - Guyyaan WBO Barattoota Oromoo Yuniversity Maqalee Biratti Bifa O'aan Kabajamee Ooleera!

Guyyaan waraana bilisummaa Oromoo haala oo'aan barattoota Oromoo yuniversiitii maqalee biratti kabajamee ooleera. Ayyaana kanarratti ijoolleen Oromoo hedduun kan yeroo kamuu caalaa calaa baay'inaan kan argaman yoo ta'u mooraa keesaa fi alaan bakkeewwan heddutti kan kabajamee oolee dha. Ayyana kanarratti mariin baladhaan haala qabsoo Oromoo irratti kan mari'atame yoo ta'u baacolee fi gaaffiiwwan adda addaa kan sabboonummaa fi hubannoo cimsan akkasumas affeerraan laaqanaa qarshii walitti buusuun godhamee jira. Akkasumas barattoota waggoota haaraa mooricha keessa turaniin ibsi baldhaan haala qabsoo Oromoo fi moorichaa irratti kennameera. Ayyaana kanarratti barreeffamoonni gara garaa haala qabsoo Oromoo irratti barreeffaman barattoota gara garaa tiin dhiyaatanii baldhinaan irratti mari'atamanii jiru.

Barattoota eebbifamaniin kan dhiyaate wal-dorgommiin gaaffiif deebii gara garaa godhamee warri injifatan badhaafamanii jiru. Haala imaammata yeroo ammaa wayyaaneen barattoota Oromoo irratti hordofaa jirtu irratti baldhinaan kan mari'atame yoo ta'u ijoolleen Oromoo akka bu'aa yeroo qofaan sobamanii seenaa isaanii hin xureessinee fi ergamtuu diinaa hin taanee fi kutannoon imaammata kanas morman walii galanii jiru. Marii waa'ee kanaa irratti warroonni diinaaf tajaajiluun mooraa keessatti ergamtuu diinaa ta'an akka gochaa kanarraa of qusatanii ummata isaaniitiif humna ta'niif ciminnaan gaafatamee jira. Dhumarrattis sirni ayynichaa ibsa ijjannoo armaan gadii baafachuun xumuramee jira.

1. Barattoonni Oromoo maqaa deeggartoota adda bilisummaa Oromoo jedhamanii yuniveristoota arbaamicii, jijjigaa, haramaayaa fi kanneen biroo irraa guuramanii hidhamanii fi ari'aman hatattamaan gadhaadhiifaman gaafatna!

2. Hidhaa fi ajjeechaan ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru nurraa haa dhaabbatu!

3. Baratoota Oromoo woggoota hedduuf maatii hiyyeessa keessaa bahanii barannee ofii fi warra keenna akkasumas biyya teenna rakkoo keeessaa baafna jedhanii baratan maqaa miseensaa miti jedhuun carraalee hojii fi bira darbee ammoo carrama jiraachuuyyuu dhoorkachuun haadhaabbatu!

4. Nuti barattoonni Oromoo yuniversiitii maqalee dhiibbaa diinaaf osoo hin jilbiiffatin qabsoo keenna cimsinee itti fufna! Barattoonni Oromoo yuniveristiiwwanii fi kolleejota, haay'iskuulii, elemantarii, akkasumas biyyitti garagaraa keessa jirtan rakkoo yeroo ammaa ijoolleen Oromoo fi Oromiyaan keessa jirtu hubattanii bara haaraa kanatti ofii fi bayyateenna Oromiyaaf seenaa gaarii gabrummaa jalaa isii baasu akka hojjattan cimsinee isin gaafanna.


5. Dhumarrattis poolisoonnii fi humna waraanaa kan Oromoo taatanii mootummaa shororkeessaa kana faana hiriirtanii isaaf meeshaa ta'uun dhiiga ilmaan Oromoo
diina waliin jigsaa jirtan akka of barattanii meeshaa harkaa qabdan gara diinaa gara galchuun kufaatii isaa ariifachiiftan kabajaan isin gaafanna.


Barri kun kan bilisummaa'gammachuu fi badhiidhinaa nuuf haata'u.

WALDAA TOKKUMMAA BARATTOOTA OROMOO YUNIVERSIITII MAQALEE !
Gadaan Gadaa Milkii; Barri Bara Injifatnoo ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!
GUYYAA 3/01/2008

*********

Kabajaa Guyyaa WBO Fi Ibsa Ejjennoo Maadhee!

Amajjii 1, sababeefachuun maadheeleen gara garaa walitti dhufuun hala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii ballaa gaggeessuun ibsa eejjannoo armaan gadii baafatanii jiruu. Akka kanaan Maadhee LIIBAN AMUUMAA jalatti kan ijaaraman lack .1,2,3,4 fi 5 Fi DANQARAA DIINAA jalatti kan ijaaraman; handhura qabsoo, erer gootaa, wiirtuu dhugaa, bilisummaa aananii, wiirtuu bunaa, hundee barattootaa, mixii, amiir nuuraa, qananii sabaa, maayaa balloo, guma baas yaassiin mohaamad fi dhagaa gaachanaa. RIQICHA QARSAA, CAAYAA EJERSAA, LAGA JAAJAA FI DAANDII BILISUMMAA ayyaana Guyyaa WBO kabajachuun isba ejjennoo baafatanii jiru!

********** 

IBSA EEJJANNOO:

1. Hanga QBO galma ga’utti waan qabsoon nurraa barbaaddu hundaan bira dhaabachuuf waadaa keenye ni haaroomffanna!

2. Injifannoon WBO’n hanga har’aatti galmeesse kan nu boonse waan ta’eef karaa barbaachisu hundaan cinaa dhaabachuuf qophiidha!

3. Ilmaan Oromoo beekaniis ta’ee wallaalan diinaaf hojjachaa jirtan yeroon of baranii gama qabsoo saba isaaniitti deebihan amma ta’uu isin hubachiifna!

4. Ummanni Oromoo karaa isaa danda’ame hundaan gaachana keenya WBO cinaa akka dhaabatu waamicha ni goona!

5. Barri haaraan kun kan injifannoo, bilisummaa, gammachuu, jaalalaa fi badhaadhinaa ilmaan Oromoo hundaaf akka ta’u ni hawwinaa!

********

Sababa Barattooti Oromoo Guyyaa WBO Kabajataniif Hiraarsiin Irra Gahaa Jiru Guddaa Ta'uu Hubatame!

Mooraa Yuniversity Baahirdaar keessatti barattoota Oromoo dorsisuuf kan dhiyeenya ID sassaabaa oolan amma ammoo guyyaa har'aas  kaanneen T-sherti kartaa Oromiyaa qabu uffatan irraa waraqaa eenyummaa irraa guuraa oolteetti; kanneen dheengadda ID harkaa fudhan immoo dabalata waraqaa eenyummaa nyaata ittiin nyaatan irraa fuudhaa oolan.   Galgala kana ijoollonni keenyi dhimma mirga isaaniif walitti qabamanii yoo gaafatanis deebiin nuu keenname hin jiru; poolisii mooraatti ol galchuu malee; gaaffiin keenya guyyaa boruus itti fufee oola.

Kan yuniverstiy Haramayaas ID fi T-shert sassaabuun guyyaa har'aa itti fufeera. Kana malees barataa Zarihuun jedhamu tokko harkaa ID, T-shert fi Moobaaylii isaa harkaa fudhataniiru; dabalatas suura isaa kooppii godhanii poolisoota mooraa keessa jirannitti rabsaniiru.

*********

Wayyeeneen Oromoo Sababa WBO Naannoo Baalee Seene Jedhuun Ummata Nagaa Goolaa Jiran! Kabajaa Ayyaana Amajjii!

Kutaa Baalee Naannoo hawo'oo sanaa waraanni ABO deebi'ee jechuun Wayyaneen yeroo ammaa ummata ammas goola jiru, waraqa enyummaa malee hin deeminaa, namonni haaraan naannoo biratii dhufan akka ariyataman gochaa jiru. Bara haaraa mandheleen hawwasaa bakka gargaraatti gurmayan haala ho'aan kabajatanii buusii isaanii
buufatanii jiru. Waadaa isaaniis irra deeby'anii haaroomsachuun akka cimsanii itti fufan dhaammatanii jiru. Haaluma kanaan Roobee barattoonni kollejii barsiistotaa haala ho'aan yadatanii jiru.

*********

Ergamtooti Diinaa Maqaa Amatiitiin Socho'an Saaxilaman!

Ergamtoonni diinaa maqaa amantaan ona Haramaayaa magaalaa awwadaay keessatti bobbaafaman saaxilamanii jiruu. Akkanaan namni ABDULAZIIZ SHEEKAA, AADAM GURRAACHAA FI SA’DAA KAN  jedhaman maqaa amantaan ummata mana aadam gurraachaatti walitti qabuun mootummaa keenya kana cinaa ni dhaabanna, itti gara hingallu jadhaa  quraanaan irbuu seenaa jechuun yommuu tattaafatan ummanni salphisee ofirraa deebisee jiraa. Gochaa kanatti kan aaran jiraattonni naannoo namoottan kun gochaa fokkisaa akkanaa kana irraa hatantamaan yoo hin deebine miidhaa isaan irra ga’uuf kan itti gaafatamu matuma isanii ta’uu akeekkachiisanii jiruu.

Ona konbolchaa keessatti barataa kutaa kurnaffaa kan ta’e  JAMAAL MOHAAMAD mana barumsa Haramaayaatti kan baratu  boqonnaaf gama warra isaa akka demeen maqaa deegaraa ABO ti jedhun humna poolisa wayyaaneen fuudhamee miidhaan cimaan mana hidhaa keessatti irratti raawachaa jiraa. Akkasumaas dargaggoota Oromoo onoota gara garaa keessa jiran mormitootaaf ummata kakaasaa jirtan maqaa jedhuun hiraarsaa jiruu.

**********

Dhaamsa Maadhee!

Maadhee Utubaa qabsoo baga ayyaana amajjii Guyyaa WBOn isin gahe Jechuun uummata Oromoo maraaf dhaamsa dabarsanii jiru. Maadheen kun Zoonii jiddu galeessa Oromiyaa maagala finfinneetti kan jirtu yeroo ta'u qabsoo Oromoo jabeessuuf qarshii walitti qabuun gumaachee jira. Kana malees hanga Qabsoon Bilisummaa Oromoo galma yaadame ga'utti dinagdee, dandeettii fi beekumsa qaban maraan utubuuf waadaa isaanii haaromsanii jiru. Dhuma irratti qabsaa'onni Oromoo martinuu wal hubannoodhaan rakkoo mudatu mara akka hiikan cimsanii dhaamanii jiru.

**********

Kabajaa Amajjii fi Ejjennoo Maadhee!

Mandheen gaadsa boori Amajjii tokko guyyaa Ayyana WBO sirna baay'ee Oo'aadhaan Ayyanefaata olaanii. Ayyaanicha yaadano qabsa'otaa wareegamaniif eerga godhaani booda dungoo qabsiisun kabajaa goottawwan warregamaniif qabani fi WBO duuka hiriiree QBO galimmaan ni geenyee! WBO ciina hiriiree dirqaman keenya ni baane jedhani irra deebihanii waadaa isaanii haaromsanii guyyaa kana bifa o'aatiin kabajaan yaadatanii olaani jiru. Faaruu Alaaba Oromoo wali hubaachiisaa fi wali barsisaa olaan. xumuur irrattis mataan waayyanee malees zenawu kaniinii doorsisufi sodaachisuu yaalu yoo jiraate haadha mana isaa Azebe masfin fi warra garaaf qabsa'an OPDO duwwaadha malee ummatni Oromoo fi qabsa'onni Oromoo doorsiisaa isaafi dubaatti hin deebi'uu  jechuudhan xumuraaniruu.

Gadaan Gadaa Milkii; Barri Bara Injifatnoo ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net