Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oduu Biyyaa


Amajjii 1, 2008 (oromiyaa) - Wayyaaneen Barattoota Guyyaa WBO Kabajatan Irratti Duuluun Miidhaa Dhaqabsiiste!

Ayyaana bara haaraa, 2008 barattoonni Oromoo Yuuniversiitii Aarbaaminch mudde 30, 2007 magaala Aarbaaminchitti hoteela tokko kireeffachuudhaan waaree booda 3:00pm hanga 7:00pm tti haala ho'aa ta'een kabajataniiru. Saganticharratti gootota QBOf wareegamaniif yaadannoon taasifameera.  Sana booda walaloo adda addaa fi baacoon adda addaa dhiyaatanii barattoota bashannansiisaa turaniiru. Kanarratti kan diinni barkumee jettee qabeenya uummataa saamaa jirtu; barkumichi dinni odeessitu kun uummata Oromoo akka hin ilaallanne ifa waliif taasisanii; ayyaanicha haala nagaan kabajanii gara mooraa barnootaatti deebi'aniiru.

Ammoo galgala erga gara mooraatti deebi'anii; habashoonni akkuma kaleessaa wantuma mirga barattoota Oromoo sarbu haasa'an. Sababa kanaan walitti bu'insi barattoota Oromoof kan habashootaa gidduutti dhalatee ture. Waldhabbiin sun har'a ganamas kan itti fufe yoo ta'u; loltoonni feederaalaa barattoota habshaa cinaa ta'uun barattoota Orommoo hedduu irra miidhaa qaqqabsiisaniiru. Haaluma kanaan barattoonni hedduun dhagaan fi dullaan reebamanii jiru. Dabalatas loltoonni wayyaanee barattoota Oromoo irratti dhukaasa bananiiru. Sababa kanaan 'Gebeyyoo' kan jedhamu barataa fiiziksii waggaa 3ffaa kan ta'e rasaasa loltuu waayyanee irraa itti dhukaafameen hedduu miidhamee hospitaala ciisaa jira. Kana malees haga ammaatti barattoonni Oromoo 20 ol ta'an hidhamanii jiru. Isaan keessaa muraasni:

Lateeraa, Shimallis Nugusee, Lammeessaa Waaqgaarii, Daanyee, Tamasgeen fi shamarreen Samiiraa fi Warkinesh jedhaman keessatti argamu.

Kanaaf duula barattoonni habashaa fi loltoonni wayyaanee nurratti raawwachaa jirtu irratti barattoonni keenyaa fi uummanni keenya akka cinaa keenya dhaabbatan jechuudhaan barattoonni Oromoo yuuniversiitii Aarbaaminc dhaammatanii jiran.

************

Ibsa Barattoota Oromoo Yuniversity Maqalee!

Duraan dursee nageenyi haadursu jechaa BAGA GUYYA WARAANA BILISUMMAA OROMOOTII ISIN GAHE JENNA.

Haalli yeroo ammaa yunivirsiitii Arbaamicii kan baay'ee nu yaadessee dha. Wanticha ifa gochuuf jidduu kana waa'ee AFAN OROMOO irratti ijoolleen Oromoo warra saba kaanii keessattuu Amaaraa waliin walitti bu'uu isaniitu nu gahe. Ijoolleen Oromoo haala afaan isaanii warra kaaniin tuqamuu kan isaan aarse yoo ta'u barattoota kanaanis walitti bu'iinsa cimaa keessa seenanii jiru. Akkuma baratame mootummaan wayyaanee polisoota fi humna waraanaa itti naquun ijoollee Oromoo hedduu miidhuu fi hidhaatti guruun itti fufeera. Kanaaf nuti waldaan barattoota Oromoo yuniversiitii maqalee gochaa hammeenyaa kana cimsinee kan balaalefannu ta'uu isaa fi akka hatattamaan dhaabbatu cimsinee gaafanna. Barattoonni hidhamanis akka hatattamaan hiikamanii gara barnootaatti deebi'an qaama dhimmi kun ilaallatu gaafanna. Gochaa kanas ta'e jedhee kan qindeesu mootummaa wayyaanee ta'uu hubatanii barattoonni hunduu ufii walitti bu'uu dhiisanii mootummaa gabroomfata kanatti akka fuula deebifatan waamicha fincila diddaa gabrummaa kaleessinaaf.

WALDAA BARATTOOTA OROMOO YUNIVERISTII MAQALEE

************** 

Maadheen Seenaa Dhugaa kan godina wallaggaa dhihaa Aanaa Gimbii fi Najjootti argaman fi Maadheen Xiiqii Lammiis(Kan Jimmaa Arjoo)Amajjii 1 sirna gaariin Ayyaaneffatani oolanii jiru, ibsa ejjennoo armaan gadiis baafataniiru.

1. Waan QBO gaafatu hunda ni baana!

2. Aarsaa qabsoon gaafatu ni kanfalla, ilmaan Oromoos diinaaf dabarsine hin laannu!

3. ABO`n kallacha qabsoo Uummata Oromoo ti!

4. POOLISII fi loltuun lammiin Oromoo ta`e hundi ilmaan Oromoo diinaaf dabarsanii akka hin laanne ni akekkaachiisna!

5. Ilmaan Oromoo waraanaa wayyaanee keessa jiran lola isaan hin ilaallanne keessatti akka hin hirmaanne, akkasumas du`a seenaa hin qabne akka hin duune kan jedhu dhaammatanii Jiru!

***********

Hidhaan Barattoota Oromoo Yuniversity Arbaminc Keessatti Jabaatee Itti Fufe!

Haalli yuniversituy Aarbaaminch ammallee bifa hammaataan cimee itti fufee jira. Wayyaaneen barattoota Oromoo hidhuuf hiraarsuu ittuma fuftee jirti. Kunis; kan rasaasaan rukutame barataa fiiziksii waggaa 3ffaa 'Gebeyyoo Dirribaa' jedhamu yoo ta'u; kanneen hidhaman keessaa haga ammaatti maqaan isaanii kan nu qaqqabe: Naggaa Moosisaa, Tasama Adamu, Gammachuu Doraa, Dessaleny Beqqelee, Tarrafaa Waakumaa, Taaddalee Biqilaa, Mootummaa Taaddasaa, Maasreshaa Biraanuu, Damee Taaddasaa, Girmaa Mitikkuu, Daanyaachew

Mohaammed, Girmaa Hirphaa, Lateeraa Gammachuu, Shimallis Nugusee, lammeessaa Waaqgaarii, Daanyee  Falmii, Tamasgeen yoo ta'an; Shammarran immoo: Biilee Mazgabuu,

 Warqineshii fi  Samiiraa kan jedhaman keessatti argamu.

Ammallee basaastummaa lukkeewwn OPDO fi gamoo gofaa warra jedhamaniin barattoonni hedduun akka barbaadamaa jiran beekameera.

**********

Walgahiin Lukkee Fashale!

Walgahiin kittillayyoonni wayyaanee barattoota yunivaristii fi kollajjii qonnaa jimmaaf qopheessan milkii male fashale. Miseensotomti isaanii haqa dubbatanii  ABOn dhaaba ummata Oromoof bu'aa guddaa buusee dha waan ta'eef hin balaaleffannu ittiin jennaan isin waan miseensi dubbachuu qabu dubbadhaa malee kana hin dubbatinaa jedhanii afaanfaajjessuu yaallaan barattoonni callisuun wal gahichi milkii malee xumurameera. TTC tti immoo ergitoota fi ergamtoota lukkeelee wayyaanee gidduutti wal dhabbiin uumame. 

Aanaa Qarsaa ganda qarsuu toliitti basaastoota diinaaf basaasan irratti humna tarkaanfii WBO tiin of eeggannoon dhumaa itti kenname

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net