H0jii jaarmiyaa ABO Kutaa Iskaandeneeviyaa keessatti gaaggeeffamaa jiru, keessumaa iyyuu gamaaggama hojii dabballootaa ilaalchisee walga'ii xiinxalli bal'aani irratti godhame koonyaa Danmaarki magaalaa Alborgitti gaggeeffamee jira.
Gamaaggama walga'ii dabballootaa kana irrattis Itti Gaafatamaan BJBA J/Gaashuu Lammeessaa argamanii haala yeroo ammaa qabsoo ABOn gaggeeffamaa jiru bali'naan nuuf ibsaniiru.
Walga'ii kana irattis Nuti, Qondaalotni KHG ABO Kutaa iskaandeneeviyaa fi dabballooti ABO kutaa kana keessatti argamnu hojii jaarmiyaa fi siyaasaa ilaalchisee gadi fageenyaan erga irratti marii'atnee booda ibsa ejjetnoo armaan gadi dabarsineerra .
- Hojii jaarmiyaa ABO kutaa kana keessatti gaggeeffamu yeroo kami iyyuu caalaatti jajjabeessuuf, wal hubatnoo fi gamtaadhaan hojjechuuf murteeffanneerra.
- Qondaalotni fi dabballootni ABO kutaa kana kessa jirru hafuura jaallummaa miseensota keenyaa fi uummata keenya jidduu jiru caalaatti dagaagsuuf akka irratti hojjetnu waadaa keenya haaromsina.
- Tarkaanfii qabsoo kana cimsuuf bifa kamiinuu dhaabni keenya fudhatu hundaa ni deeggarra, ciminaanis bira dhaabbatna.
- Murtii fi kutanoolee ShG, GS ABO walga'ii dhaabbata isaa lammaaffaa gaafa Adoolessa 5-12 irratti dabrse ni deeggarra
- Dammaqiinsa uummata keenyaa ol kaasuuf barnoota ga'a ta'e ofii fudhachaa fi wal dammaqsaa uummata keenyas ni dammaqsina.
- Afaan fajjeessaa tufamtoota hawaasaa fi shira diinni QBO irratti raawwattu fashalsiisuuf yoomi iyyuu caalaa dura ni dhaabbatna.
- FDG uummatni keenya biyya keessaa godhaa jiru dinqisiifachaa, nutis waan qabsoon nu gaafate hundaan bira dhaabbatna.
- Wayyaaneen uummata keenya irratti jireenya gadadoo, beelaa fi, hidhaadhaan gidirsaa jirtu kana cimsinee balaaleffachaa gochaa ishee qolachuuf dhaaba keenya bira dhaabbatna.
- Hawaasa Oromoo biyya alaa jiran hundi jireenya gadadoo uummatni keenyi jaarraa 21ffaa keessatti wayyaneedhaan gidiramaa jiru hubattanii salphinaa kana keessaa ba'uuf QBO ABOn gaaggeeffamu cina akka hiriirtan waamicha dabarsina.
- Oromootni ulee diina taatani hundi farra qabsoo Oromoo fi gufuu bilisummaa Oromoo waan taataniif seenaan yoomi iyyuu waan isin gaafattuuf gochaaa keessani dhaabdanii uummata keessan cina akka dhaabbatani waamicha dabarsina.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
Injifatnoon Uummata Oromoof!
KHG ABO Kutaa Iskaandeneeviyaa
Fulbaana 16, 2007
|