Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oduuu hirira nagaa fi ayyaana yaadannoo guyyaa gootota Oromoo

Germany (Ebla 27 bara 2007): Waldaan Tokkummaa Barattota Oromo Jarmanii (TBOJ) magalaa gudditti Jarmanii, Berlin, kessa itti Ebla 27 bara 2007 hirira nagaa qindessan milikii midhagaan xummuran. Akkasumas ayyaanni yaadannoo guyyaa gootota Oromoo haala midhagaan kabajameera. Sagantaalee kana irra itti kannen qoda fudhatan ummata Oromoo biyya Jarmanii kessa magaalota gara garaa kessa jiratanii dha.

Walumaa gala itti kayyoon hiririchaa yakkooto dhittaa mirga dhala namaa kanneen motummaa wayyaneen (TPLF) saba Oromoo irra itti geggefamaa jiranuu gadi fagenyaa fi kallatiin motummoota angawoo fi hawaasoota adunyaa itti beeksisuu dha. Kayyoo kana fixaan baasuuf hojiileen armaan gadii kun dalagamaniiru.
1. Waajjirota mummitti ministerotaa, parlamaa, fi ministeera dantaa alaa biyya Jarmanii, waajjira komiishena awuropaa kan biyya Jarmanii, fi imbaasota biyya Faransayii, biyya Inglizii, fi biyya Ameerikaa kan Jarmanii jiranu fuula dura hiriruu fi karaa irra itti dhadannoleen afaan Jarmanii, afaan Oromoo, fi afaan Ingiliziin dhagesifamaa olan. Dhadanoole dhagessifaman kessaa haga tokko tuquf: Barattota Oromoo ajjesu fi hidhun haa dhaabbatu!, Oromoo ajjeesun haa dhabbatu!, Hidhamtootiin siyasaa Oromoo haa hikaman!, motummaa yakkamaa mallaqaan deggeruun haa dhabbatu!, Motummaan wayyanee nagaa fi tasgabii hin fedhu!, Nagaa fi tasgabii godina gaanfa Afrikaaf !, Gafilee saba Oromoof debiin haa kennamu!, ABO haa jiratu, fi kkf turan.
2. Faanfileta (barrulee gagabaabduu) kanneen afaan Jarmanii fi afaan Ingiliziin qopheefamanii fi odefannoolee waa`ee dhittaalee mirgoota dhala namaa biyya Oromiyaa kessa itti geggefamaa jiranu ibsanii fi kanneen waa`ee ummata Oromoo fi Oromiyaa xuqan namoota hedduuf raabsamaniru. Mata-dureen barrulee rabsamanii kun akka armaan gadii kana:
2.1. Inhuman mistreatments of Oromo people by successive Ethiopian regimes;
2.2. Systematic and open massacres of Oromo civilians by security forces of TPLF regime since 1992;
2.3. A few examples of recorded human rights violation crimes perpetrated against Oromo school children and university/college students;
2.4. Ethiopian judge tells regime's massacres; and
2.5. Biyya-Oromo / Oromia and Oromo people.
3. Xalayaan iyyannoo (Appeal letter) afaan Jarmanii fi afaan Ingiliziin qophefame ergii qaamoota dubbiin ilaaltuuf ibsamee booda kallatiin isaan itti kennameera. Isaaniis iyyannoo kenyaaf akka debii kennan nuuf himan.
Hirirri kun ganama saatii 10: 00 AM irraa egalee haga guyyaa saatii 1:30 PM itti geggefame.
Ergii hirirri nagaa akekame kun injjifannoo bonsaan xummurame boda sagantaa laaqanaa itti ansuun ayyaanni yaadannoo guyyaa gootota Oromoo saatii 3:00 PM irraa egalee haga saatii 5:00 PM itti haala howaan kabajameera. Sagantaa kana irra itti dura ta`aan ABO kutaa Jarmanii senaa ayyaana gotota Oromoo ilaalchisun ibsa kennaniru. Akkasumas walaloon qopheefame sagantaa kana irra itti dubbifameera. Xummura irra itti nagaa Oromummaa walii dhaamun hunduu gammachuun gara magaloota irraa dhufanii itti deebiyaniiru.
Gadaan gadaa bilisumaati!
Injjifannoon Ummata Oromoof!
KHG TBOJ
Ebla (April) 27 bara 2007, Berlin, Germany

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net