Fulbaana 16, 2007 (Oromiyaa) - 'Barkumeen Wayyaanee Diddaa Ummataa kan Mararfannoo fi Faarfamuun ABO Irratti Muldhate Ta'e!
Godina Wallaggaa bahaa onoota sadii (3) kessaatti 'miliniyeemiin' wayyannee gara mararfannaa ABOtti jijjiirame.
G/Wallaggaa bahaa fulbaanaa 12, 2007 onoota akka Saasigaa magala Gabaa Jimaatee, ona Guutoo Giddaa magalaa Adaamii , ona Diggaa Ganda Fayyinnee keessatti Uummani Oromoo alaabaa ABO fannisuun barreeffama "Iyyii Iyyaa dabarsii" jedhuu facaasuun fulbaana 1/2000 alh miliniyyeemii wayyaaneen afarsaa turte gufachiisu, uumatni onoota kana sadanii walti yaa'uun hooganaa isaa kan ta'e ABOf mararsiifanaa gudda qabu muli'isuun jala adeemtuu wayyyaannee OPDO waan qabduuf gadi dhiisstuu dhabsiisuun qaanessun amma dhumaatti hoogaanaa dhaaba isaaniif qabani mul'isuun warregama barbachisu hunda ba'uun akka kabajaa isaaf qabani olkaasasn guyyaa kana uumtni lakkoofsi isaa kuumatamati lakka'amu sirba qabsoof nama kaakaasu farsuun maqa dhaaba isaanii ABO olkaasuun farsaa oolan.
**********
Wayyaaneen Oromoo Hidhuu Ittuma Jirti!
Yeroo ammaa kanatti wayyaneen ona Jalduu ganda shukutee irra namoota oota hedduu 20 ol ta'an qabdee hidhuu fi hiraarsaa jiraachuun hubatame. Isaan kessaa kan maqaan nugahe, Xilawuun Gaddisaa rebiichi cimaan irraatti rawatamaa kan jiru dha.
Ganda Goojjoo fi nannoon ishii irrallee namootnii hedduun mana hidhaatti guraamatti jiruu warree maqaan isaani nagayee kessa Dinquu Bashaana fi Hayeele Fullasaa fa'aa keessatti argamu. Sababni ishii masqalaa Oromoo maaf gubdaan kan jedhuuf milineemii irratti jequmsaa kasuuf qophii irra jirtuu kan jedhu dha. Kanas ta'uu gochii wayyaneen ilmaan Oromoo irratti rawwaattukanaaf rifatnee of duuba hin deebinu jechuun ejjannoo isinii ibsaaniruu.
*********
Ibsa Ejjannoo Maadhee!
Miseensoti Maadhee Gaara Dheera lakkoofsa 1, 2, 3, 4, 5, fi haroo handarii lakkoofsa 1, 2; dhaabaa abbaa qophii jalattii gurmoone haal qabsoo Oromoo kan amma irratti marii baldhaa
gageessun milkiin xumuranne ibsa ijjannoo armaan gadii baafannee jirra.
1. Duula hidhaa ummata Oromoo irratti wayyaneen rawwatamaa jiruu cimsinee balaalefanna!
2. Hidhaa fi doorsiifni yeroo amma ummata Oromoo irratti oofamaa jiruu qabsoo eegallee irra duubatti nu hin deebisu!
3. Lukke wayyanee ta'anii warrii alagaa badduu sabaa isaani irratti raawwatanii seenaa badaa galmeessa jira dhaabanii akka qabsoo Oromootti makaman wamicha keenya
dhiiyessina.
4. Ayyana 'barkumee' jechuun wayyanen miidiyaa isaatin nutti afarsituu bu'aa siyaasa fi umurii isii dheeressuuf malee dhugaa tokkoo illee akka of keessa hin qabnee fi ummanni keenyas kana beekee akka dura dhaabbattuu wamicha keenya.
5. ''Haqqee dhuufte ilkaan soddoman hin deebisu ''akkuma jedhamu biisummaa keenyas wayyaaneea akka dhaabuu hin dandeenye dhaamna.
6. Qabsoon akka wal irra hin cinne hubachuun amma bilisummaatti waan nu irra barbaachisuun qabsoo cinaa dhaabbanna!
**********
Ibsa Maadhee Gaaddisaa Gumaa Baas Aanolee!
Nuti mandheeleen gaaddisa Gumaa Baas Aanoolee jalatti gurmoofnee socho'aa turre walitti dhufnee haala yeroo ammaa Ummatni Oromoo keessa jiruu fi qabsoon Oromoo irra geette irratti onoota Xiichoo, Xiyoo, Heexosa, Siree Digaluufi Xiijoo, Magaalaa Hasallaa Fi bakkoota gara garaati walitti dhufnee guyyaa tokkoof erga marii gooneen booda milkii fi Injifannoon kan xumurre yoo ta'u sochiiwwan diinaa gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa raawwatamaa jiru bal'innaan irratti mari'annee jirra.
Keessattuu haala yeroo ammaa Oromoo fi Oromiyaa irratti ta'aa jiru Wayyaanee kasaaraa
siyaasaa fi diinagdee keessa lixxee maqaa 'barkumeetin' Ummata afaan faajjeessaa jiru irratti gadi fageenyaan mari'annee haala qabatamaa mul'atu "Erbeen sukkuumanii
doobbii nyaatu" akkuma jedhamu maqaa 'barkumeen' saamicha, ajjeechaa fi hidhaa saganteeffatanii sabboontota Oromoo hiraarsaa jiru. Kanneen biyya alaatii arraba Wayyaaneetin gowwoomanii gara biyyaatti qabeenya qaban inveestii gochuuf gara Oromiyaa dhufanis ilaalloo saamichaaf qophaayan ta'u uf beekanii akka qabeenya itti dhama'an Galaana darbaa jirutti gad hin dhangalaafneef hubachiisuuf walumaa gala haala yeroo irratti ibsa ijjannoo abbaa qabxii kudhani (10) baafannee jirra.
1) Ummatnu Oromoo erga kiyyoo gabrummaa jala humnaan galee jaarraa tokkoof walakkaayyu hin xumurre; kanaaf seenaa 'barakumaa' Oromoon isaan waliin qabu waan hin jirreef dhimma nu hin ilaallannee fi Oromoon akka harka hin dhoofne yaadachiifna!
2) Oromoon saba, amantii, aadaa, seenaa, duudhaa mataa isaa qabuu fi hayyuu waan taheef cidha diinaa dhaqee dhiiga Obboleessaa, obboleettii, haadhaa Abbaa isaa irratti sirbee seenaa ofii cileen akka hin barreeffamne dhaamna!
3) Baroota kuma lamaan darban kana guutuuu hanga har'aattuu Oromoon maal keessa akka ture gama siyaasaa fi diinagdee uf sakatta'u qaba. 'barkumee' kana sirbuun dura dhuma jaarraa kudha saglaffaa irraa hanga har'aatti kan jiran godaannisoota adda addaa kanneen akka Aanolee, Calanqoo, Qadiidaa ykn Haroo Qeerroo, Injifannoo (Azulee) harkaa fi harmi dubartoota hoosisanii kan itti dhiigaaf aannan itti wal makanii haroo guutanii osoo hin fayyin Baddannoo, Watar, Gaara Mul'ataa, Arba Guuguu fi guutuu Oromiyaatti hanga
har'aan moototni habashaa dhufaa darban raawwataniif gadduudha malee 'barkumeen' kun waan nu ilaalchisu akka hin qabne hubachiisuu barbaanna.
4) 'Barkumeen' baandaa fi gooftoliin isaani lallaban kan sabboontota Oromoo saamaa lafa irraa buqqa'uu, hidhaa, ajjeechaa fi biyyaa ari'uuf itti yaaddamee irratti hojjatamaa jiru waan ta'eef diina ragaddu irraa yoomiyyuu caalaa gurmuu keenna cimsinee hidhaa fi ajjeechaa seenaa gochuuf haa kaaanu!
5) TBD dhaabni keenya gurmuuwwan qabsoo waliin tolfate kan deeggarru ta'u ibsaa fiixa bahiinsa isaatifis cimsinee hijjanna.
6) Injifannoolee WBO'n kallatti adda addaatti diina irratti galmeesse deinqisiifachaa tarkaanfii wal irraa hin cinnee akka godhamu abdii fi amantaa dhaabaa fi waraana keenya irraa qabnu ibsina.
7) Oromoon biyya alaatii arraba Wayyaaneetin lafa inveestii isin badhaafnee yeroo gabaabaatti badhaatu jedhamee gara biyyaa seentaniif seenaa jirtan qabeenya
dafqitanii walitti qabdan galaana darbaa jiru irraan dhaabbattanii gadi naquu irraa uf qusattaqnii akka qabattan dhaamaa sabboontota ergamtoota murna Wayyaaneetiif ergamuu malee qaanii hin beekne biyyoota akkaa Ameerikaatti waaroo salphinnaa itti
haguugdan fakkeenya guddaa Oromoota biraatiif waan ta'eef galanni keessan bilissummaa haa ta'u!
8) Namootni maqaa Miliniyamiin abbaa lafaa Oromoo irraa buqqisanii isinii gurguran boru keessan isin dagachiisee yakka dalagamu irraa akka uf qusattanii fi dureessa, hiyyeessa, dhiira, dubartii, xinnaa-guddaa osoo hin jenne harka wal qabannee qabsaa'un akka kaanu waamicha keenya goona.
9) Ayyaanni Oromoon akka ayyaana isaatti xinnaa-guddaa, dhiiraa-dubartiin aadaan faayamee irratti argamuu qabu ayyaanni irreechaa waaan dhiyaataa jiruuf humnaaf tokkummaa keenya hawaasa addunyaatti akka mul'isnu waamicha Oromummaa
dabarsina!
10) Walumaa galatti waadaa saba keenyaaf kaleessa galle ammas hanga qabsoon Oromoo kallacha qabsoo ABO tiin hogganamu galma gahutti waan nurraa barbaachusu hanga wareegama lubbutti kan kenninu ta'u ibsina.
*************
Mandhee Gaaddisa Gumaa baas Aanolee
Ibsa Ejjennoo Maadhee!
Nuti maadhee Tulluu Daabanaa jalatti ijaaramnee jirru lammii keenya maatiisaarraa addaan ba'ee hidhamee du'aa jiru, yaadachuudhaan barkumee afaan faajjessaa wayyaanee gaddaan dabarsuu keenya yaadachuudhaaan ibsa armaan gadii baafannee jirra.
1- Kallacha qabsoo keenyaa ABO waan dandeenyu hundaan hanga bilisummaatti cinaa ni dhaabbanna!!!!
2- Hidhaafi ajjeechaan wayyaaneen qabsoo keenya duubatti hin deebisu!
3- Gochaa farrummaa ergamtuu wayyaanee lammii keenyarratti raawwattu kam iyyuu faana buunee ni saaxillas, ni fashaleessinas!!!
4- Ilmaan Oromoo kan keessaa fi alaa tokkummaan harka wal qabatee qabsoo bilisummaa akka itti jabeessu waamicha lammummaa dabarsina!!!
Maadhee Tulluu Daabanaa!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!